(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 4, 2010) Hidhattoota wayyaanee humna darbatamaa jedhaman kanneen ummatatti roorrisanii fi ummata gidduutti Godina Harargee Bahaa Ona Jaarsoo ganda Aallee keessatti walitti bu’iinsa dhalateen hidhattootni wayyaanee 9 ol tarkaanfii ummataan akka ajjeefaman maddeen keenya mirkaneessan.
Hidhattootni wayyaanee gariis kan madaa’an oggaa ta’u, ummata irras miidhaan dhaqqabuun gabaafameera.
Sababni walitti bu’iinsa kanaa hidhattootni wayyaanee kunniin maqaa kontirobaandii dhahatuun qabeenya ummataa saamuuf wayta namoota nagaatti dhukaasa bananitti ummatni wal gurmeessee tarkaanfii of ittisuu wayta fudhatetti.
Tarkaanfii ummataatti kan aaran wayyaanotnii fi ergamtootni isaanii ummata nagaatti amma illee bobbahuun miidhaa akka jiran ifa ta’eera.
********
Waraanni Wayyaanee WBO Godina Dhihaa sakattaana jechuun bobba’e haala hamaan ummata hiraarsaa akka jiru gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 4, 2010) MOAn akka gabaasanitti waraanni wayyaanee WBO Godina Dhihaa sakattaana jechuun torban sadiin dura karaa sadiin bobbahe ummata nagaan hojjetatee jiraatu WBO jiraachiftuu fi nyaachiftu ittiin jechuun goolaa jira.
Loltootni wayyaanee sakattaa WBO maqaa dhahatanii Ya’aa irraan hanga Alamadiidii fi naannoo sanaatti, karaa Yanguu jedhamu irraan naannolee Daakaa, Dasa Taasha, Faashimii fi naannoo sanatti bobba’anii ummata haalaan gooluu irratti argaman.
Waraanni wayyaanee biroon Gambeellaa irraa bobba’e daangaa Sudaan bakka Fagag jedhamu irraan naannolee Kateen, Garee fi kanneen biroo keessa ummata jiraatu maqaa WBO sakatta’uu jedhuun itti roorrisaa, qabeenya saamaa fi gidirsaa akka jiru hubatameera.
Walumaa gala waraanni wayyaanee bakkoota maqaa WBO sakatta’uu jedhuun itti bobbohetti ummata ba’aa fi gala dhorkuun jireenya isaanii jeeqaa akka jiru MOAn ifa godha.
MOA