(Madda Oduu ABO/MOA/, Bushooftuu, 24 Onkoloolessa 2009) Godina Shawaa Bahaa, Ona Liiban Cuqqaalaa keessatti kan argamu Siidaan Waaqeffannaa Oromoo shira karaa dabballoota wayyaanee qindaa’een Onkoloolessa 9/2009 barbadaa’uun gabaasame.
Maddi Oduu ABO,MOAn, Bushooftuu irrraa akka gabaasetti, dabballooti wayyaanee ummata amantiin walitti buusuuf ergamtoota ishii amantaa Ortoodoksii hordofaniin Siidaa Waaqeffannaa Oromoo diiganii jiru.
Siidaan Waaqeffannaa Oromoo kun otuu hinbarbadaa’iin dura, ergamtooti Wayyaaneen ummta naannoo sanaa walitti qabanii, akka isaan dhaaba jalee wayyaanee, OPDOf miseensa ta’an dirqaa turte. Haata’uutii, ummati waan akeeka ishii fudhachuu dideef akka ummati walgahee Waaqa isaa hin waaqeffanne dhorkitee turte.
Daballoonni OPDO kunneen, ummata Waaqeffannaan bulan kana walitti qabuun,”isin miseensa keenyaa hanga hintaanetti, siyaasaa ABO gaggeessitu waan ta’eef walitti qabamtanii waaqefachuu hindandeessan,” akka jetteen jiraattoti naannoo sanaa MOAf himanii jiru.
Ergamtooti Wayyaanee akka Siidaa Waaqeffannaa balleessaniif ergamanis, ummata naannoo sanaa walitti qabuun akka isaan dokumeentii Waaqeffatootaa isaanitti kennan gaafatanii turuu, kan eere MOAn, ummanni isaan jalaa waan dideef gocha badiin guutame kana duudhaa Oromoo ganamaa irratti akka raawwatan beeksisee jira.
Waaqeffattooti Oromoos otuu jeequmsa tokko illee hinuumne, karaa seeraan namoonni Siidaa Waaqeffannaa Oromoo balleessan seeraatti akka dhihaatan gaafatanis kan deebii isaaniif kenne tokko illee akka hinjirre odeessi nu gahe kun saaxilee jira.
Iyyannaan ummataa dhageettii dhabuun caalattis, inumayyuu ergamtooti Wayyaaneen kanneen badii kana raawwatan seeratti dhiyeessuu mannaa Oromoota gochaa badii duudhaa Oromoo irra gahe kana marmaniifi falman irratti miidhaa geessisaa akka jiran beekameera.
Badii Siidaa Waaqeffannaa Oromoo irra gahe kana hubachuuf kan yaale, MOAn karaa qaama mootummaa qaama mirgaafi haqa ummata oromoo mancaase irratti tarkaanfiin seeraa fudhatame akka hinjirre hubatee jira. Dhimmuma kanaan kan walqabate, gama Wayyaaneen ajaji kenname, ilmaan Oromoo naannoo sanaa akkaan akka hordofamanii hidhamaa jiran illee beekuun danda’ameera.
*******
Ummati Oromoo Siidaa Isaa Akka Baraarfatu Gaafatame.
(Madda Oduu ABO/MOA/, Bushooftuu, 24 Onkoloolessa 2009) Ergamtooti Wayyaanee Siidaa Waaqeffannaa Oromoo barbadeessan Seeratti akka dhiyaatan Waaqeffattooti Oromoo gaafatanii jiru.
Waaqeffattoota Oromoo naannoo Ada’aa Liiban jiran ibsa ejjannoo baafatanii MOAf ergan, gochaa diinummaa eenyummaa Oromoo balleesuuf jecha ifaan ifatti dalagame kana balaaleffatanii jiru.
Amantiin kamuu seeraan akka tiksamuufi ija walqixxummaan akka ilaalamu lallabaa kan jiru Wayyaaneen garuu, yeroo Siidaan Waaqeffannaa Oromoo diigame kanatti tarkaanfii fudhachuu dhiisuun isaa sirnichi sirna haqa Oromoof hojjatu akka hinta’iin, ifatti mul’isa jedhanii jiru. Kun immoo, “akka ummati Oromoo mirga isaafi mallattoo eenyummaa isaa akka ofii isaatiif tifkatu kan dirquudha,” jedhanii jiru.
Haga kanneen Siidaa Waaqeffannaa Oromoo barbadeessan seeratti hindhiyaannettis, falmiifi mormiin keenya itti fufa kan jedhan Waaqeffattooti kunneen, “gocha kana balaalefachuufi mirga keenya kabachiifachuuf wareega barbaachisu baasuuf qophaa’oodha,” jedhanii jiru.
Waaqeffattoti Oromoo kenneen dhuma irratti, dhaamsa dabarfataniinis, badii beekaa itti yaadamee, mallattoo eenyummaa Oromoo barbadeessuu irratti xiyyeeffate kana fashalsuufi balaaleffachuuf akka birmatan gaafatanii jiru
|