Ibsa Gaddaa- Du’a Dargaggoota Calanqoo, Baha Haragee, Oromiyaa

Obsi

 

 

Ibsa Gaddaa- Du’a Dargaggoota Calanqoo, Baha Haragee, Oromiyaa

Du’a Calanqootti Raawwatameen Gadda Guddaatu nutti Dhagahama!

(Ibsa ABO – Guraandhala 4, 2021.

Guyyaa dheengaddaa, Guraandhala 2, 2021 Baha Oromiyaa, Magaalaa Calanqoorraa dargaggoo barattoota 50 ol ta’an qaama Paartii Badhaadhina (Prosperity Party) tiin dirqamanii Mootummaa Dr Abiy Ahmed akka deeggaraniif konkolataatti fe’amanii gara hiriiraa deemaa turan. Utuu amnaarra jiranii konkolaataan garagalee namootni 45 akka du’an yeroo dhageenyu gadda gudaatu nutti dhagahame. Akka odeeffannoon bakka sanarraa bahaa jirutti konkolaachisaa (Shufeera) fi dargaggoota gidduu waldhabbii akka turee fi dargaggootni kuni nuti dirqiidhan Mootummaa Dr Abiy hin deeggarru jedhanii diddaa agarsiisaa akka turanii fi shuffeerri aarii kanaan utuu oofaa jiruu konkolaataa akka garagalche dha. Garuu dhugaa jiru xaliilaan baruuf qaamni walaba ta’e qoratee yeroo dhihootti akka adda baassu abdii qabna.

Duuti ummata Oromoo bakka bakkatti gartuu biyya bulchaan jira jedhee of waamuun (PPtiin) raawwatamaa jiru ulfaataa ta’ee utuu jiruu duuti dargaggoota kanaa itti dabalamuun hedduu akka nu gaddisiise ibsachaa:

1. Maatii fi firroottan dargaggoota lubbuun isaanii dabarte kanaaf jajjabina hawwina.

2. Ummatni Oromoo dargaggoota boru guddatanii biyya ijaaruu fi tiksuu dandahan kana dhabuu isaatiif jajjabina hawwina.

3. Sababi balaa kanaa daddaffiidhan, qaama walabaa fi aminummaa qabuun, qoratamee gartuun badii kana raawwate seeratti akka dhiyaatu gadi jabeessinee gaafatna.

Iitti dabaluudhan yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti ummatni nagaa fi tasgabbii dhabuu qofa utuu hin taane qaamni biyyan bulcha jedhee of waamu (PPn) humna hidhatetti dhimma bahuudhan ummata nagaa bakka hundatti nu deeggaraa, nu filadhaa jechuudhan dararaa akka jiru hubataa jirra. Kana keessatti bakkayyuu lubbuun namaa akka darbaa jiruu fi mirgi namaa dhiitamaa jiru beekamaa dha. Dararaa, hidhaa fi ajjeechaa uummata irratti raawwachuudhan sodaachisanii deegarsa argachuun fi jeequmsa keessatti filmaata geggeessuu yaaluun kuni daddaffiin yoo hin dhaabbanne balaa daran guddaa akka fidu beekamaa dha. Dantaa siyaasaa fi fedhii aangoorra turuuf jecha qaamni biyya bulchaan jira jedhee of waamu ummata Itophiyaa keessattuu sabootni cunqurfamoorra dararaa karaa adda addaa irraan gahaa akka jiru beekamaa dha. Kanaaf qaamni PP humnaan dirqisiisee deeggarsa argachuu yaaluun gochaa abbaa irruummaa waan ta’eef irraa dhaabbachuu akka qabu hubachiisuu feena.

 

Qaamni biyyan bulcha jedhee of waamu (PPn) filmaata fakkeessootiin (fake election) mootummaa abbaa irree mirkaneeffachuuf akka carraaqaa jiru ammumarraa ifa ta’aa jiraachuu isaa uummatni Itophiyaa fi hawaasni Adunyaa hubachuu qabu. Itti dabalees, haala jeequmsaa fi tasgabbii hin qabnee fi mormitootrni keessaa dhiibamanii mana hidhaa jiran keessatti filmaata humnaan dhiibanii gaggeessuuf yaaluun balaa kana caalaa guddaa akka fidu ammumarraa hubachuu feesisa.

 

ABOn filmaata haqaa fi kan hunda hamate akka gaggeeffamu barbaada. Garuu ammaan tana qaamni biyya bulchaan jira jedhee of waamu bakka nagaa fi tasgabbii hin jirree fi bulchiinsa diigamee jiru keessaatti filmaata fakkeessoo (fake election) geggeesssuuf yaalaa jira. Oromiyaa keessatti bulchiinsa caccabe deebisanii ijaaruuf lammilleen Oromiyaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) ijaarrataa jiru. ABOn bulchiisa diigamee jiru suphuu, nagaa fi tasgabbii buusuu fi maree ummatoota walitti dhiheessu – haasawaa karaa nagaa (peaceful dialogue)- gochuuf dursa kennuun furmaata waaraa fida jedhee amana. Kanaafis, Lammileen Oromiyaa MCBO jabeeffachuu fi Sabootrni cunqursfamoon kaan naannoo isaanii tasgabbeessuu fi bulchiinsa diigamee jiru deebisanii ijaaruurratti akka fuulleffatan hubachiisuu fedha.

 

Dhumarratti, haala rakkisaa kana keessatti ummatni Oromoo, lammiileen Oromiyaa fi Sabootni Cunqurfamoon kaana tokkummaan wal ijaartanii akka nageenya naannoo keessanii eeggattanii fi filmaata haqaa fi kan hunda hammateef akka of-qopheessitan dhaamsa keenya isinii dabarsina.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Finfinnee

 

Guraandhala 4, 2021