Finfinneef Daangaa Bulchiinsaa Sararuu Caalaa Mirgi Abbummaa Oromiyaa Heereffamee Bulchiinsi Isii Oromiyaa Jala Galuutu Furmaata Waaraa Taha

Finfinneef Daangaa Bulchiinsaa Sararuu Caalaa Mirgi Abbummaa Oromiyaa Heereffamee Bulchiinsi Isii Oromiyaa Jala Galuutu Furmaata Waaraa Taha.

(Ibsa ABO – Bitootessa 10, 2019)

addaFinfinneen handhuura Oromiyaa ti. Kun dhimma falamsiisaa fi kan gaaffii kaasisus miti. Qormaata seenaa fi marii qaamota adda addaa hedduu waan gaafatus miti. Sabni Oromoo Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa isaa sarbamuutu dhimma Finfinnee falamsiisaa taasisee warra dubbiin isaan hin ilaalles Abbootii dhimmaa fakkeessaa jira. Heerri Itoophiyaa kan EPRDF waggoota 28f ittiin hojjechaa jiru Mootummaan Naannoo Oromiyaa Finfinnee irratti Mirga Addaa qabaachuu akka dandeessu akeekuu qofaan laaffisee bira dabra. Itti gaafatamni bulchiinsa magaalaa Finfinnee ammoo Mootummaa Federaalaaf akka tahu godhe. Finfinneen handhuura Oromiyaa tahuun afaan guutamee ibsamuu fi heereffamuu dhabee itti gaafatamni bulchiinsa isiis Mootummaa Federaalaaf tahuun Finfinnee lafa Abbaa hin qabne ykn. meeshaa Mootummaan Federaalaa gara biraa irraa fidate fakkeessee falammii hin barbaachisneef karaa bane.

Waggoota 5 dura maqaa ‘Master Plan’ magaalaa Finfinnee jedhuun wal qabatee rakkoo uumameen lubbuun ilmaan namaa fi qabeenyi biyyaa fi Ummataa hedduun barbadaawuun hin dagatamu. Yeroo ammaas dhimmuma kanaan wal qabatee sagaleen mormii haaraatti Oromiyaa raasuu eegalee jira. Yoo dhimmi kun dafee furmaata sirrii fi waaraa hin arganne rakkoo kanaan wal qabatee lubbuu fi qabeenyi barbadaawuu fi tasgabbiin dhabamuunis ittuma fufa.

Kanaan wal qabatee Waajjirri Muummicha Ministeeraa guyyaa kaleessaa (Bitootessa 09, 2019) ibsa baaseen rakkoo daangaa bulchiinsaa Finfinnee fi bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa gidduu jiru hiikuuf yaada furmaataa kan dhiheessitu Koreen takka utubamuu beeksisee jira. Daangaan bulchiinsaa akkuma Godinootaa fi Onoota Oromiyaa adda addaa gidduuttis sararamee beekamu Finfinnee fi gandoota ollaa ishee gidduuttis sararamee beekamuun barbaachisaa tahus rakkoo Finfinneedhaan wal qabatee ka’aa turee fi ka’aa jiruuf garuu furmaata waaraa kan tahu isa miti. Haqni Oromoon Finfinnee dabalatee Oromiyaa irratti qabu (Mirgi Abbaa-biyyummaa Guutuun) Heereffamee hojiittis hiikamuu qaba. Isatu furmaata waaraas taha. Addi Bilisummaa Oromoo Finfinnee fi Oromiyaa bal’oo gidduu daangaan Abbummaa hin jiru. Jiraachuus hin qabu ! Gaaffiin Finfinnees Saba Oromootiif qaama Gaaffii Bilisummaa isaa ti ! jedhee amana. Maayyii irratti sochiin Ummatni keenya mirga isaa kabajsiifachuuf godhu hundi nageenya namoota meesha-maleeyyii (civilians) kan hin tuqnee fi tika barbaachisu kan godhuuf tahuu akka qabu ABOn gadi jabeessee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 10, 2019