Yaamicha Nagaa Abbootii Gadaa fi Siiqqeedhaan Dhihaate ABOn Kabajaadhaan Simata

Yaamicha Nagaa Abbootii Gadaa fi Siiqqeedhaan Dhihaate ABOn Kabajaadhaan Simata

(Ibsa ABO – Amajjii 13, 2019)

addaQabsoo Ummatni Oromoo Bilisummaa sarbame deebisee gonfachuudhaaf baroota dheeraaf gaggeessee fi wareegama ulfaataa itti baaseen, akkasumas, qabsoo Ummatootni Itoophiyaa hafan gaggeessaniin haalli siyaasaa Itoophiyaa jijjiirama abdachiisaa keessa seenuutti akka jiru hin haalamu. Haa tahu malee jijjiiramni kun daandii qajeelaa fi ariitii barbaadamuun deemee akka fiixaan hin baane haallan danqaa fi gufuu tahan hedduun mul’achaa jiraachuun yaaddoo hunda keenyaa ti jennee amanna. Keessattuu, waliigaltee ABO fi Mootummaa gidduutti taasifame hojii irra oolchuu irratti rakkinootni mudatan, daandiin Mootummaan Itoophiyaa rakkina kanaaf akka furmaataatti fudhachaa jiru (tarkaanfiin humnaa) fi lolli daangaa Oromiyaa karaa adda addaa Ummata keenya irratti gaggeeffamaa jiru hatattamaan furmaata sirrii karaa nagaa yoo hin argatin diigamiinsaa fi balaan lolaa naannoo kana mudachuuf deemu salphaa hin tahu.

Amajjii 12, 2019 Manguddootni, Abbootiin Gadaa fi Siiqqeen walitti dhufuudhaan mari’atanii Yaadni Araaraa fi Yaamichi Nagaa dhiheessan yaaddoo ulfaataa fuul-dura keenya jiru kanaaf madda furmaataa guddaa taha jennee amanna. Aadaa Oromootti qoodni Manguddoo fi Siiqqeen nagaa fi araara buusuu keessatti qaban ol’aanaa dha. Addi Bilisummaa Oromoo Safuu, Aadaa fi Duudhaa Ummata keenyaatiif waan hundaa olitti kabajaa qabaafi. Waan taheefis, Yaamicha Nagaa Abbootii Gadaa fi Siiqqeedhaan dhihaate kana Dhaabni keenya kabajaa ol’aanaadhaan kan simatu tahuu mirkaneessina.

Lolli hin barbaachisne kan lubbuu fi qabeenya hedduu barbadeessaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu, ABO fi Mootummaan waliigaltee isaanii hojiitti hiikuudhaan nagaa buusuuf bakka Manguddootni kunis argamanitti gadi taa’anii nagaadhaan akka mari’atanii fi lolli daangaalee Oromiyaa karaa adda addaatiin lubbuu fi qabeenya Ummata keenyaa barbadeessaa, Ummata keenya qe’ee irraa buqqisaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu yaamicha nagaa kana keessatti ciminaan gaafatamee jira. Dhimmootni kunniin ammoo nageenya Ummataa mirkaneessuufis tahe jijjiirama eegalame kana fiixaan baasuuf murteessoo dha.

Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin baatiilee jaha (6) dura akkuma haasaa nagaa Mootummaa Itoophiyaa waliin jalqabeen labsii dhukaasa dhaabuu labsuun isaa ni yaadatama. Murtiin sun gama ABOtiin har’as bakkuma jira. Gama Mootummaa Itoophiyaatiin hanga ammaatti murtiin fakkaataan fudhatamuu dhabuu fi rakkinoota dhalatan marii karaa nagaa qofaan furuuf fedhii fi obsa dhabuu irraa lolli gidduu keenyaa guutummaatti dhaabbachuu dhabuun nu gaddisiisa. Ammas Mootummaan Itoophiyaa jijjiirama qabsoo Ummatootaan argame kana fiixa baasuuf gaafatama guddaa isa irra jiru hubachuudhaan carraa kanatti gargaaramee lola dhaabuuf Yaamicha Nagaa Abbootii Gadaa fi Siiqqeedhaan dhihaate kanaaf akka owwaatu ni abdanna.

Maayyii irratti nageenya biyyaa fi Ummataaf yaaduudhaan kanneen yaamicha nagaa kana nuuf dhiheessan guddisnee galateeffachaa, hanga akeekni isaanii eebbifamaan kun galma gahutti faana bu’anii qooda isaanii gumaachuu irraa akka hin dhaabbanne ykn. duubatti hin jenne dhaammanna. Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin lolli kun dhaabbatee, ummatni keenya nagaa fi tasgabbii argatee, waltahiinsi keenya hojiitti hiikamee, jijjiiramni eegalames akka fiixaan bahuuf manguddoota kanneenii fi qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin hojjechuuf qophii tahuu mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 13, 2019