Nagaa Buusuuf Lolli Dhaabbatee Waltahiinsi Haaromsamuu fi Jajjabeeffamuu Qaba

Nagaa Buusuuf Lolli Dhaabbatee Waltahiinsi Haaromsamuu fi Jajjabeeffamuu Qaba

(Ibsa ABO – Amajjii 07, 2019)

addaQabsoo Adda Bilisummaa Oromootiin hoogganamuu fi wareegama Sabni Oromoo (keessattuu Qeerroon) baaseen sirni EPRDF dirqisiifamee yaamicha nagaaf akka owwaatu taasifamuu isaatiin ji’oota 8ttan dabran keessatti carraan nagaa hundumaaf waan uumame fakkaatee ture. Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaa EPRDF kan of haaromsuu fi nagaaf of kennuu isaa labse waliin waltahiinsa sirna hunda guuttate tahuu baatus nagaadhaan akka waliin hojjennu waadaa waliif gallee sirna gareen hundumtuu nagaadhaan akka waliin hojjetu dandeessisu keessatti qooda keenya kennuuf lola wal irraa dhaabuu waliin labsine.

Haa tahu malee hanga ammaatti akkaataan adeemsa Mootummaa fi sirnichaa bakka irraa waan hin sossooneef Ummatni wareegama dhugaa baasan jijjiirama kana milkeessuu fi sirnicha wayyeessuu keessatti qooda akka qabaatan hin taasifamne. Kana irraa kan ka’es ukkaamsaan, hidhaan, ajjeechaanii fi nagaa booressuun sirnichaan gaggeeffamu tasa dhaabbatee hin beeku. Dhugaa kana wanneen mul’isan:

  1. Lola deddeebi’ee WBO fi Ummata keenya irratti (keessattuu Dhiha Oromiyaatti) Mootummaa EPRDFiin gaggeeffamaa jiru,
  2. Loloota daangaan wal qabatee Harargee, Walloo, Boorana, Gujii, Baalee fi Wallagga (karaa Benishaangul Gumuz) Ummata keenya irratti gaggeeffamaa jiru.
  3. Ukkaamsaa, hidhaa fi ajjeechaa guutuu Oromiyaa keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jiran.
  4. Ololoota maqa-balleessii sadarkaa hoogganoota ol’aanoo sirnichaa dabalatee ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti deddeebisanii oofamaa jiran.
  5. Gaafa Hoogganni ol’aanaan ABO Finfinnee seene irraa jalqabee waltahiinsi keenya hojiitti akka hin hiikamneef gufuulee adda addaa ABOtti heddummeessuu irraa sochiin ABO murtaawaa akka tahuu fi waajjiroota bakka feesisu hundatti banannee gahaatti akka nuti hin hojjenne taasifamuu

Isaan kun hundi humnootaa fi miidiyaalee jibbiinsa ABO qabaniin deggeramanii Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Ummata Oromoo balaa guddaaf saaxilanii akka jiran dhugaa dirreetti mul’atu dha. Kun ammoo nageenya biyyattiifis dhiibbaa tolaa qabaata jedhamee hin yaadamu. Waan taheef dhimma kana karaatti deebisuuf:

  1. Nagaa jaallattootni hundi fi addatti ammoo Ummatni Oromoo Mootummaan kun lola gaggeessaa jiru kana akka dhaabu dhiibbaa irratti gochuu fi
  2. Dhimma waltahiinsa ABO fi Mootummaa (keessattuu dhimma WBO irratti) waltahiinsa haaromsuu fi jajjabeessuuf (to consolidate) bifa haaraadhaan bakka gareen 3ffaa jirutti irra deebi’amee haala haaraa kana akka furuu danda’utti akka wal haasawamu waamicha goona.

ABOn gama isaatiin haala kamuu keessatti nagaadhaan hojjechuu akka itti fufu mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 07, 2019