Adeemsi Karaa Malee Furmaatatti Geessuu Hin Danda’u

Adeemsi Karaa Malee Furmaatatti Geessuu Hin Danda’u

addaWaliigaltee ABO, Mootummaa Itoophiyaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gidduutti irra gahame hojiitti hiikuu keessatti dhimma WBO wajjin kan wal qabate irratti hojjechuuf Koreen Waloo takka ABO fi PDO irraa ijaaramtee hojii irra jiraachuun dhugaa dha. Koreen tun gama lachuu (ABO fi PDO) irraa nama 3, 3 of keessaa qabdi. HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa fi I/A Dura Taa’aa PDO fi Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr. Lammaa Magarsaatiin utubamte. Hoogganootni kun lameen waliin tahuudhaan akka Koree ol’aanaatti hojii Koree tanaa hordofu.

Koreen tun dirqama isii oggaa raaw’attu HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa fi I/A Dura Taa’aa PDO Dr. Lammaa Magarsaatiif gabaasaa galchiti. Hoogganootni gabaasaan dhihaatuuf kunneenis gabaasa dhihaateef irratti hundaawanii wal mariidhaan murtii malu kennu. Dhimma itti-baha hojii Koree tanaa irratti gadi bahanii Ummataaf ibsa kennuun bu’a-qabeessaa fi sirriis kan tahu tartiibni akkaataa adeemsa hojichaa kan armaan olitti ibsame kun eegamee erga hojiin kun xumuramee booda yoo tahe dha.

Hojiin kun bifa olitti ibsame kanaan tartiiba isaa eeggatee osoo xumura irra hin gahamin yaada gama tokkoo qofa irratti hundaawuudhaan gabaasaan ykn. ibsi Ummataaf dhihaatu bu’a qabeessa, guutuu fi qajeelaas hin tahu. Waan taheef, dhimma kana ilaalchisee miseensa koree waloo tanaa kan tahan Obbo Mogos Eda’ee qofa waabeffachuudhaan gabaasaan guyyaa har’aa miidiyaaleedhaan tamsa’uun fudhatama kan hin qabnee fi adeemsa karaa malee akka tahe hubachiisna.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 25, 2018