Ajjeechaan Ummata Keenya Irratti Gaggeeffamu Dhaabbachuu Qaba !

Ajjeechaan Ummata Keenya Irratti Gaggeeffamu Dhaabbachuu Qaba !

(Ibsa ABO – Sadaasa 30, 2018)

addaDuulli ajjeechaa yeroo ammaa karaa Dhiha Oromiyaa hidhattoota maqaa Ummata Gumuziin hidhachiifamanii sosso’aniin Oromoota naannoo sanaa irratti gaggeeffamaa jiru sadarkaa hedduu yaaddessaa tahe dhaqqabee jira. Bulchiinsi Mootummaa Federaalaas tahe kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo ulfina dhimma kanaa wajjin wal madaalu kennaafii hin jiru. Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhamuun kan beekamu waraanni Mootummaa Itoophiyaas duula ajjeechaa ummata meesha-maleeyyii (civilians) irratti haala suukanneessaa taheen gaggeeffamu kana hanqisuufis tahe dhaabsisuuf dirqama isaa bahachaa hin jiru. Haaluma wal fakkaatuun duulli fakkaataan karaa Bahaa, Kibba-Bahaa fi Kibba Oromiyaa irraan Ummata keenya irratti gaggeeffamu har’as hin dhaabbanne.

Gama biraatiin yeroo ammaa manneen barnootaa ol’aanoo (Universities) naannoo adda addaa keessatti ajjeechaan barattoota Sabummaadhaan Oromoo tahan irratti qiyyaafatee gaggeeffamaa jiru dhimma hedduu gaddisiisaa fi yaaddessaa dha. Rakkoon ykn. yakki kun hatattamaan maddi isaa qoratamee dhaabsifamuu fi murtii haqaa fi furmaata waaraas argachuu qaba.

Rakkinoota kanneenii fi kan biroofis kan Mootummaan akka madda rakkootti dhiheessaa turee fi jiru Kontirobaandistoota, Kiraa sassaabdota…. kkf. jechuun warra moggaase dha. Paartiin Itoophiyaa bulchaa jiru (EPRDF) keessa isaatti “Haaromsa gadi fagoo” gaggeessuudhaan “Hooggana Haaromsaa” maddisiisuu himatee jijjiiramaaf hojjechuuf erga ummataaf waadaa seenee baatiilee 6 ol lakkoofsisee jira. Haa tahu malee hanga ammaatti kanneen madda rakkoo ti jedhaman seeratti dhiheessuudhaan rakkoo kana furuuf tarkaanfiin gahaan hin fudhatamne. Kun ammoo haalli hamaa fi suukanneessaan nageenyaa fi hegeree waliin jireenya ummatootaa irratti balaa guddaa dhaqqabsiisaa jiru kun akka hin dhaabbannee fi daranuu babal’atu taasisaa jira. Mootummaan rakkoo kanaaf xiyyeeffannoo gahaa kennuu hanqachuun ummata keenya yaaddoo fi shakkii guddaa keessa galchee jira.

Ajjeechaa fi roorroo bifa gara garaan Ummata nagaa fi meesha-maleeyyii irratti qiyyaafatee gaggeeffamu hanqisuufis tahe dhaabsisuuf hundaa olitti gaafatama kan qabu mootummaa dha. Waan taheef, Mootummaan Federaalaas tahe kan Naannoo rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa gahaa kennuudhaan furmaata argamsiisuuf akka hojjetan ABOn cimsee gaafata. Kanuma waliin hafuura itti gaagatamummaa fi of eeggannoo cimaadhaan mirga of ittisuu (Self-Defense) qabnutti dhimma baanee ajjeechaa fi roorroo, akkasumas, shira bifa kamiinuu akka Sabaatti nu irratti qiyyaafatee gaggeeffamu of irraa faccisuun mirgaa fi dirqama Ummata keenyaa tahuu hubachiisna.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 30, 2018