Oromoo Dachii Isaa Irraa Dhiibuuf Duulli Geggeeffamu Hatattamaan Dhaabbachuu Qaba

Oromoo Dachii Isaa Irraa Dhiibuuf Duulli Geggeeffamu Hatattamaan Dhaabbachuu Qaba

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo – Fulbaana 30, 2018)

addaDhiheenya kana Dhiha Oromiyaa irraan lammiilee Oromoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Benishaangul Gumuz keessa jiraatan irratti duulli ajjeechaa fi dachii isaanii irraa buqqisuun haala gaddisiisaa taheen geggeeffamaa jiraachuun hubatamee jira. Akka kanaanis Jimaata dabre (Fulbaana 28, 2018) irraa eegalee lammiileen Oromoo kumoota hedduutti lakkaawaman manneen jireenyaa irratti gubamuudhaan qe‘ee fi qabeenya isaanii irraa humnaan buqqaafamanii arihamuunii fi namootni hedduunis ajjeefamuun beekamee jira. Lammiileen kunniin kan buqqaafaman Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Benishaangul, Godina Kamashii bakkoota akka Yaazoo, Baloo, Fogee jedhaman, akkasumas, Ona Sirbaa Abbaay, Araddaalee Mokkoo Fincaa‘aa, Goosuu Qorkaandii fi Mandayaa jedhaman irraa tahuunis beekamee jira. Duulli kun hanga ammaattuu itti fufee babal‘achaa jiraachuunis dhagahamaa jira.

Duula kana lammiilee Oromoo irratti kallattiidhaan geggeessaa kan jiran dhalattoota Gumuz kanneen meeshaa lolaa adda addaa hidhachiifamanii fi humna Liyyuu Haayil Naannichaatiin gargaaraman tahuus hawaasni naannichaa ragaa bahu. Hanga ammaatti qaamni mootummaa dhimma kanaaf ilaalcha gahaa kennee duula lammiilee nagaa irratti humnoota hidhachiifamaniin geggeeffamaa jiru kana dhaabsisuuf tarkaanfii fudhate akka hin jirre lammiileen duula kanaan qe’ee isaanii irraa buqqifaman hadheeffatanii dubbachaa jiru.

Addi Bilisummaa Oromoo gochaa fokkataa fi yakka lammiilee nagaa irratti raaw’atamaa jiru kana cimsee balaaleffata. Namootnii fi qaamotni yakka akkasii lammiilee nagaa irratti geggeessanii fi kanneen sababa fedheefuu duuba taa’anii haala mijeessaniif hatattamaan gochaa akkasii irraa akka dhaabbatanis Addi Bilisummaa Oromoo hubachiisa. Waraanni fi humnootni nageenyaa, akkasumas, qaamotni Mootummaa caasaalee Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoolee keessa jiran hundi haala walitti bu‘iinsa ummatootaa babalisee nagaa booressuu fi adeemsa jijjiiramaa eegalametti gufuu tahuu danda‘u kamuu keessatti akka qooda hin fudhanne Mootummaan tohannoo fi hordoffii feesisu hundaa akka taasisus ABOn cimsee gaafata. Kanas kan jennuuf bakkoota walitti bu’iins Oromoo fi ummata biroo gidduutti dhalatutti waraana mootummaa fi humnoota nageenyaa tahuutti kanneen beekaman yeroo hedduu irra deddeebi’anii gama kaaniif baabsuudhaan Oromoo irratti dhiibbaa gochuun waan mul’achaa turee fi mul’achaas jiruufi.

Addi Bilisummaa Oromoo dhiibbaa bara dheeraaf Saba Oromoo irra gahaa turee fi gahaas jiru kan Oromoo dachii isaa irraa dhiibuu, qabeenya isaa saamuu, mirga isaa sarbuu fi Gaaffii Bilisummaa isaa ukkaamsuuf akeekkate kamuu dura dhaabbata. Mirga Sabni Oromoo lafa isaa irratti seeraanis tahe seenaadhaan qabu kabajsiisuufis dirqama isa irraa eegamu hunda kan bahatu tahuu mirkaneessa. Qaamotni dhimmi ilaalu hundis haalli walitti bu’iinsa ummatootaa babal’isu fi nageenyi ummataa itti boora’u akka hin uumamnee fi oggaa uumamettis hatattamaan akka furmaata argatuuf gaafatama isaanii akka bahatan ABOn hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo !

Fulbaana 30, 2018