Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)

Labsa Tokkummaa, Fulbaana 26, 2018

ABO fi THBO marii yeroo dheeraa gaggeeffataa eeraga turee booda waliigalte gaafa Fulbaana 14, 2018 labsame irratti hundaawuu dhaan, tokkummaan jaarmiyoota lamaani akkammitti fi yoom dhugoomun akka irra jiru irratti marii gaggeeffannee jira. Bu’ura kana irratti marii bal’aan erga taasifamee booda, waliigaltee armaan gadiirra geenyee jira:

  1. Guyyaa walii galtee kana mallateesine irraa kaasee, akka tokko taane. Maqaa jaarmya keenyaa ABO ta’ee, sagantaa siyaasaa, heera fi seera tokko jalatti akka sochoonu.
  2. Caasaan jaarmayoota lamaanii, yeroo gabaaba keessatti akka wal-dhunfaatuutti waliif galame.
  3. Hanga caasaan wal dhuunfatutti, hojjii waliin hojjatamu irratti waan godhamuu qabu maraa irratti tokkummaa fi walhubachiisuun hojjachu.

Dhumarratti, tokkummaa jaarmiyoota siyaasaa dhugoomsuuf carraaqii barbaachisu hunda gochuun akeeka keenya ta’u. Haaluma wal-fakkaatun, dhaabileen siyaasaas tokkummaa saba keenyan hawamu kana irratti dhimmanii akka hojjataniif waamicha akka goone. Waamichi kunis karaadhuma labsa kanaatiin akka isaan ga’u murteesine.

Tokkummaan Humna!

ABO fi THBO