Ummata Irratti Lola Deddeebisanii Labsuun Xumura Sirna Gabrummaa Hin Hanqisu


Ummata Irratti Lola Deddeebisanii Labsuun Xumura Sirna Gabrummaa Hin Hanqisu
(Ibsa ABO, Labsii Yeroo Hatattamaa Wayyaanee Ilaalchisuudhaan)

Labsii Yeroo Hatattamaa/State of Emergency” jechuudhaan kan Wayyaaneen guyyaa kaleessaa (Gurraandhala 16, 2018) ammas deebisee labse kun bu’uura seeraa kan hin qabne, haala jiru kan hin calaqqisne, tuffii mootummichi Ummataaf qabuu fi maal-na-dhibee, akkasumas, of-tuulummaan kan guutame tarkaanfii gara jeequmsaa, badii fi diigamiinsa waliigalaatti geessuu dha. Akkasumas, itti fufaa fi haaromsa labsii lolaa mootummichaan Ummata irratti duraanuu labsamee dhaabbatummaan hojiitti hiikamaa jiruu ti. Kun ammoo tuffii Wayyaaneen har’a illee Ummataaf qabuu fi Ummata wajjin xiiqii qabachuu isaa agarsiisa. Humni kamuu Ummata wajjin xiiqii qabatee Ummata mohuu hin danda’u. Ummata irratti lola deddeebisanii labsuun Xumura Sirna Gabrummaa hin hanqisu.

Mootummaan Itoophiyaa kan ABUT/ADWUI dhaan hoogganamu Ummata Oromoo irratti lola kan labse har’a osoo hin taane, bara 1992 akka Addi Bilisummaa Oromoo Chaartera Mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee baheeni. Erga sanaa kaasee waggoota 27n dabraniif ABUT/ADWUI’n Ummata Oromoo wajjin lola dhaabbataa keessa jira. Waggoota kanneen hunda Wayyaaneen humna waraanaa maqaa “Humna Ittisa Biyyaa” jedhuun ijaarratee fi humna poolisii, akkasumas humnoota Tikaa (Security Forces) ijaarrate hundatti dhimma bahee Qabsoo Bilisummaa Oromoo ukkaamsuu fi dhabamsiisuuf jecha lola Ummata Oromootti bane kanaan ajjeechaa jumlaa, hidhaa, saamicha qabeenyaa fi qe’ee irraa humnaan buqqisuu dabalatee yakka shanyi-duguuggii/Genocide Ummata Oromoo irratti raaw’achaa yoona gahe.

Gariin yakkoota kanaa yeroo adda addaatti Adda Bilisummaa Oromootiin, Dhaabbattoota Mirga Dhala Namaa adda addaa kanneen akka Human Rights Watch, Amnesty International, Human Rights League of the Horn of Africa/HRLHAtiin gabaafamaa turuun ni yaadatama. Haa tahu malee yakki Mootummaa ABUT/ADWUIdhaan Ummata Oromoo fi Ummatoota biroo irrattis dalagamaa turee fi jiru kan hanga ammaa ifa hin bahinii fi hin gabaafamin hedduu dha. Yakki bal’aa fi suukanneessaan mootummaa ABUT/ADWUIdhaan Ummatoota irratti dalagamaa turee fi jiru kun fuula dura qorannoo gahaadhaan deggeramee seeratti dhihaachuu waan qabu dha.

Ummatootni biyyattii, keessattuu ammoo Ummatni Oromoo gidiraa ulfaataa mootummaa ABUT/ ADWUI dhaan irra gahu kana of irraa dhaabsisuuf qabsoo hadhaawaa geggeessaniin yeroo dhihoo as mootummaan farra Ummataa tahe kun akka hamaatti jibbamee fi dadhabsiifamee farra Ummataa fi farra dimokraasii tahuun isaatis hawaasa Addunyaa duratti saaxilamee jira. Kana irraa kan ka’es Ummata akka barbaadetti tohachuun hafnaan keessa isaattuu wal dhuunfachuu dadhabee rakkoo hamaa keessa seenee jira.

Xumura bara dabree (Mudde 2017) walgahii Koree Hoji-raawwachiistuu ADWUI geggeeffateen rakkoo Siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa biyyattiin keessa seentee jirtu hundaaf maddi rakkoo hooggana ABUT/ADWUI tahuu ifatti amanee fudhachuudhaan miidiyaa qabuun Ummata dhiifama gaafachuun isaa ni yaadatama. Haa tahu malee sana boodas tarkaanfiin mootummaan kun fudhachaa jiru Ummatuma “Anatu sitti balleesse” jedhee afaaniin dhiifama gaafate sana doorsisuu, hidhuu, ajjeesuu fi dararaa adda addaa irraan gahuu qofa tahee argama.

Afaaniin rakkoo fi gaaffii Ummataa hubachaa fi dhaggeeffachaa kan jiru, akkasumas, kan furmaata karaa nagaa fi sirrii argamsiisuuf hojjechaa jiru fakkeessee dubbachaa hojiidhaan garuu Ummatatti xiiqii qabachuudhaan humna waraanaa qabuun hacuucee fi dhiitee bulchuu itti fufaa jira.

Labsii Yeroo Hatattamaa/State of Emergency jechuudhaan labsiin Wayyaaneen kaleessa labsee fi Jeneralota Wayyaanee ummata saamuun sooroman deebisee akka saamanii fi jumulaan ajjeesan aangessuun kanaaf ragaa dha.

Labsii Yeroo Hatattamaa/State of Emergency” jechuudhaan kan Wayyaaneen guyyaa kaleessaa (Gurraandhala 16, 2018) ammas deebisee labse kun bu’uura seeraa kan hin qabne, haala jiru kan hin calaqqisne, tuffii mootummichi Ummataaf qabuu fi maal-na-dhibee, akkasumas, of-tuulummaan kan guutame tarkaanfii gara jeequmsaa, badii fi diigamiinsa waliigalaatti geessuu dha. Akkasumas, itti fufaa fi haaromsa labsii lolaa mootummichaan Ummata irratti duraanuu labsamee dhaabbatummaan hojiitti hiikamaa jiruu ti. Kun ammoo tuffii Wayyaaneen har’a illee Ummataaf qabuu fi Ummata wajjin xiiqii qabachuu isaa agarsiisa. Humni kamuu Ummata wajjin xiiqii qabatee Ummata mohuu hin danda’u. Ummata irratti lola deddeebisanii labsuun Xumura Sirna Gabrummaa hin hanqisu.

Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa farra Ummataa kan Ummata wajjin xiiqii qabatee Ummata lafa irraa fixaa humnaan jiraachuuf wixxifatu kana karaa irraa maqsuudhaan biyya keenyaa fi naannoo kanatti nageenyaa fi haala gara furmaata waaraatti geessu uumuuf Ummatni keenya (keessattuu Qeerroon) fi Ummatootni cunqurfamoon hundi qabsoo itti jiran dacha dachaadhaan akka finiinsan yaamicha qabsoo irra deebi’ee dabarsaa, gama ofiitiinis kan yeroo kamuu caalaatti jabaatee qooda isaa kan bahatu tahuu ifa godha.

Dhaabotiin siyaasaa ABO waliin kana dhugoomsuuf akka hojjatan tattaafata jalqabe caalaatti bal’isaa deema. Dhaabotiin siyaasaa tattaafata ABO kanaaf deebii quubsaa akka kennan amma illee waamicha godha. Addatti ammoo dhaabotiin Oromoo, ABO waliin lola ummata Oromoo irratti labsame kana maseensuun mirga ummata Oromoo kabajchiisuu irratti fi nagaa waaraa ummatootaa hundaaf argamsiisuuf akka waliin hojjatan gadi jabeessee waamicha isaa haaromsa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 17, 2018