Hidhaa Irraa Guutummaatti Kan Hiikamnu Diina Nu Hidheen Osoo Hin Taane Qabsoo Bilisummaa Qofaani !

Hidhaa Irraa Guutummaatti Kan Hiikamnu Diina Nu Hidheen Osoo Hin Taane Qabsoo Bilisummaa Qofaani !

(Ibsa ABO Amajjii 18, 2018)

Bubbee warraaqsaa yeroo ammaa mootummaa Itoophiyaa raasaa jiruuf sababni guddaan tokko Gaaffii Bilisummaa Oromoo tahuun dhugaa hin haalamnee dha. Mootummaan Itoophiyaa kan ol’aantummaa TPLF.iin hoogganamu warraaqsa kanaan dirqisiifamee “Waliigaltee biyyoolessaa uumuuf akka gargaarutti hidhamtoota siyaasaa hunda gadin lakkisa. Ma’ikalaawwii nin cufa” jechuudhaan jalqaba baatii kanaa irratti waadaa galee ture.

Haa tahu malee waadaan TPLF/EPRDF kun kan dhugumaan gaaffii mirgaa ummatootaa cunqurfamoo fi rakkoo siyaasaa turee fi jiruuf furmaata barbaaduuf yaadamee godhame osoo hin taane hawaasaa fi miidiyaalee addunyaa sobuudhaan bu’aa ololaa/propaganda kan yeroo ittiin argachuu fi mormii Ummataa of irraa laaffisee yeroo bita-chuu qofaaf akka ture kanneen maalummaa Paartii kanaa (TPLF/EPRDF) gahaatti beekan jalaa dhokataa hin turre.

Guyyaa kaleessaa (Amajjii 17, 2018) hidhamtoota siyaasaa sadarkaa Federaalaatti hidhamanii jiran kumoota hedduutti lakkaawaman keessaa Dura Taa’aa Kongresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Dr. Mararaa Guddinaa fi hidhamtootni muraasni (115 qofti) gadi lakkifamanii jiru. Dr. Marraa Guddinaa duraanuu kan hidhamuun hin malleef hiikamuun gammachuu dha. Haa tahu malee murtiin kun TPLF/EPRDF yeroo bitachuuf qofa shira dalagu kan mirkaneessu malee furmaata haqaatiif hojjechuuf qophii tahuu isaa kan agarsiisu miti.

Waan taheef, Ummatni Oromoo Mootummaa TPLF/EPRDF kan akka Sabaatti diina innikkaa isa godhatee gama hundaan jireenya isaa jeequuf fi mancaasuuf ifatti irratti duulaa jiru kana irraa jijjiiramni gara furmaata haqaatti geessu ni argama jedhee abdachuu fi of sobuu hin qabu. Hawaasni Addunyaas tarkaanfii shiraa kan TPLF/EPRDF furmaata siyaasaa argamsiisuuf kan murteeffate of fakkeessee umrii aangoo dheereffachuu qofaaf hojjetu kana hubachuu qaban.

Yeroo ammaatti dhugaan nama hundumaan hubatamuu qabu Impaayera Itoophiyaa keessatti dhimma hidhamtoota siyaasaatiin olittuu dhimmi yaaddessaan jireenya lammiilee hedduu balaa ulfaataa jala galchee jiru kan biraas jiraachuu isaa ti. Ilmaan Oromoo lakkoofsaan miliyoona tokkotti dhihaatan Oromummaa isaanii qofaan akka diinaatti lakkaawamanii qe’ee fi jireenya ofii irraa humnoota mootummaa TPLF/EPRDF.iin buqqaafamuudhaan dirree irratti faca’anii beelaa fi dhukkubaan dhumaa jiru. Haalli yeroo ammaatti Oromiyaa Godina Bahaa fi Baalee keessatti Ummata keenya mudachaa jiru kanaaf ragaa dha. Kanaaf Ummatni keenya osoo hidhamtootni siyaasaa hundumtuu wal-faana gadi dhiifamaniiru tahee illee haala itti gammaduu danda’u keessa miti kan jiru. Dabalata Qeerroon Bilisummaa Oromoo kumaatamaan lakkaawaman hidhaaf TPLF/OPDOn Oromiyaa guutuu keessatti adamsamaa jiran. Kaanis hidhaatti guuramaa jiran.

Kanaaf Wayyaaneen/EPRDF olola rakasha ittiin ooffachuuf hidhamtoota muraasa gadi dhiisuu isii Ummatni keenya akka waan guddaatti ykn. akka tarkaanfii gara furmaata haqaatti geessuutti fudhachuudhaan osoo hin dagamin qabsoo haqaa kan Bilisummaa isaa gonfachuuf geggeessaa jirutti daran jabaachuu qaba. Hanga sirni bittaa alagaa kan Bilisummaa keenya afaan qawweetiin nu sarbee biyyuma keenya irratti akka fedhetti nutti roorrisu (kan yeroo fedhetti abbaafedhe hidhee yeroo fedhetti abbaa fedhe hiiku) aangoo irra jirutti hidhamuun nu rifachiisee hiikamuunis nu gammachiisuu hin danda’u. Hidhaa fi rakkoo gosa hundaan harkaa nu qabu irraa guutummaatti hiikamuu kan dandeenyu warra nu hidhe sanaan osoo hin taane nummaan qabsoo keenyaan sansalata ittiin hidhamne sana burkuteessinee Bilisummaa keenya gaafa mirkaneeffanne qofa tahuu Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee amana. Sana mirkaneessuufis murannoo fi of irratti abdii guutuudhaan qabsaawa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti ! Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo Amajjii 18, 2018