Yakka Dhala Namaa Irratti Dalagamu Dhaabsisuu Malee Bakkaa fi Akkaataa Yakka Itti Dalagan Jijjiirrachuudhaan Furmaatni Hin Dhufu

Yakka Dhala Namaa Irratti Dalagamu Dhaabsisuu Malee Bakkaa fi Akkaataa Yakka Itti Dalagan Jijjiirrachuudhaan Furmaatni Hin Dhufu

(Ibsa ABO Amajjii 04, 2018)

Amharic Version – PDF

EPRDF waggaa 27 dura humna waraanaan mootummaa Dargii fonqolchee waggaa 27 guutuu humna waraanaan Empire Itophiyaa dhaalee bitaa jira. Qabsoon Ummatootni sirna mootummaa TPLF/EPRDF irratti geggeessaa jiran rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Itophiyaa keessatti barootaaf hidda gadi jabeeffachaa yoona gahe (keessattuu, sirni Abbaa-Irrummaa fi ol’aantummaan TPLF/EPRDF kan waggoota 26 dabraniif rakkoo kana daran hammeesse) akka furmaata hundee fi waaraa argatu kan gaafatu dha.

Mootummaan TPLF/EPRDF waggoota 26 dabraniif qabsoo haqaa Ummatootni mirga isaanii kabajsiifachuuf geggeessan hunda afaan qawweetiin ukkaamsuu fi dhabamsiisuuf yaalii hin godhin hin qabu. Haa tahu malee qabsoon Ummatootni Empire kanaa addatti ammo ummtni Oromoo Bilisummaaf, nagaaf, guddinaaf, dimokiraasii dhugaatiif geggeessan yeroo irraa yerootti jabaachaa fi yaalii ukkaamsaa TPLF/EPRDF afaan qawweetiin taasisu injifachaa dhufee har’aan tana mootummicha alaan dhiibuu bira dabree keessa isaa seenee raasaa jira.

Haala kanaan Paartiin TPLF/EPRDF yeroo ammaa sadarkaa biyya dhuunfatee nagaa eegsisee bulchuu dadhabuu qofa osoo hin taane qabsoon ummataa isuma iyyuu keessan diigee keessa isaattuu wal dhuunfatee waliin sosso’uu sadarkaa itti dadhabu irra gahee jiraachuun ifatti mul’ata. Haala kana irraa maddeenis murtiilee fi tarkaanfiileen Paartichi/EPRDF yeroo ammaatti fuffudhachuu irratti argamu “Namni galaanni fuudhe hoomacha qaqqabata.” kan jechisiisuu fi waan godhuu fi dhiisu wallaalee aangoo irratti cichuu qofaaf murteeffachuu isaa kan mul’isan tahaa jiru.

Walgahii KHR EPRDF kan gara torbaan 3f geggeeffamee dhiheenya kana xumurameen murtiin EPRDF ittiin gadii bahe kan rakkoo Siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiruuf furmaata fidu osoo hin taane kan Ummatagowwoomsuu fi qabsoo isaatti qoosuudhaan Ummata

aarii keessa galchee rakkinicha daranuu hammeessuu dha. Fakkeenyaaf kan EPRDF akka murtiitti Ummatattiin gadi bahe keessaa tokko “Wiirtuu Qorannoo Yakkaa Maa’ikalaawwii jedhamuun beekamu ni cufna.” kan jedhuu dha. Kanaafis sababaan EPRDF ibse Wiirtuun Qorannoo kun bara Dargii dhiittaan mirga dhala namaa suukanneessaa tahe iddoo Ma’ikalaawwii jedhamu kanatti raaw’atamaa waan tureef nutis bakka sana qorannoo yakkaaf itti gargaaramuu keenyatu hubannoo dogoggoraa Ummata keessatti uume jechuudhaan yakka suukanneessaa EPRDF ofii isaatii waggoota 26

dabran guutuu Ma’ikalaawwii keessatti lammiilee biyyattii addatti Lammii Oromiyaa irratti raaw’achaa turee fi jiru haaluuf yaale.

Gama kaaniin EPRDF iddoo Maa’ikalaawwii jedhamu kana nin cufa haa jedhu malee gochaa hammeenyaa fi dhiittaa mirga dhala namaa achitti raaw’achaa ture sana bakka jijjiirratee itti fufuuf akka karoorfate ifaa godhee jira. Kana malees bara aangoo Wayyaanee mooraa Waraanaa Wayyaanee hunda keessaa Damee/Branch Maa’ikalaawwii kan jedhaman iddoon lammiilee sirna Abbaa-irrummaa Wayyaanee morman itti hiraarsan akka jiran ifaa dha. Dabalata manneen hidhaa akkasii godinaalee addatti ammo Tigirai keessa akka jiran haalamuu hin danda’amu. Kun hundi osoo jiruu “Maa’ikalaawwii Cufna.” jechuun akka waan furmaata taheetti Ummatoota sobuun yakka hanga ammaa dalagaa jiran irratti yakka dabaluu fi dhiiga Ummatootaa kan haqa barbaachaaf dhangala’aa jirutti qoosuu malee hiika biraa hin qabu.

Kana malees, Maa’ikalaawwii cufuun akkasumatti “Haa cufnu, Cufame.” jedhamee waan bira kutamu dubbii qoosaa/laaftuu miti. Iddoo kanatti bara Dargii waggoota 17 yakkoota akkamtu dhala namaa irratti dalagame? Bara Wayyaanee waggoota 26 ol yakkoota akkamtu dhala namaa irratti dalagamaa ture/jira? Kanaaf eenyufaatu itti gaafatama? Murtiin maal taha? Wanneen jedhan hundi deebii quubsaa barbaadu.

Murtii walgahii KHR EPRDF jedhamee kan himame inni biraa “Wal hubannoota biyyoolessaa uumuuf hidhamtoota Siyaasaa mana hidhaa jiran keessaa garii gadi lakkisna.” kan jedhu dha. Kunis akkanumaan Ummata sobuu fi abdii kijibaa Ummataaf kennuudhaan yeroo bitachuuf malee dubbii qabatamaa tokko illee kan of keessaa hin qabne tahuun ibsa isaanii irraa sirriitti mul’ata. Hidhamtootani siyaasaa maqaa miseensummaa fi deggertummaa Dhaabota Siyaasaa adda addaatiin baroota aangoo Wayyaanee hunda hidhaatti guuramaa turanii fi jiran kuma kudhanootaan lakkaawamu. Gariin isaanii murtii tokko malee, gariin isaanii murtii du’aatiin, gariin isaanii murtii hidhaa umrii guutuun manneen hidhaa Wayyaanee keessatti argamu. Isaan kanneen hunda keessaa meeqan isaanii? Fi Eenyufaatu? Manneen hidhaa kamiinfaa keessaa? Yoom? Murtii kanaan gadi lakkifamuuf deeman? Kan jedhu wanti beekamu tokko hin jiru. Kana malees bara Wayyaanee manneen hidhaa beekamaniin alatti manneen hidhaa dhoksaa guutuu biyyattii keessa (keessattuu Tigray keessa) akka jiran dhokataa miti. Kanaaf waadaan Wayyaanee “Hidhamtoota Siyaasaa garii gadi lakkisuufin deema.” jedhu kan dhugaa fi qabatamaa, akkasumas, furmaata Ummatni gaafachaa jiru argamsiisu tahuun hafnaan waanuma hiika qabuu illee miti. Dararama ilma namaa waggaa 26 oliif irra gahaa ture hogganootni EPRDF guutuu kan darbanii fi amma jiran gaafatama jalaa isaan hin baasuu gowwoomsaan akkasii.

Walumaagala sochiin TPLF/EPRDF yeroo ammaa itti jiru, murtiilee fi tarkaanfiileen inni fudhachaa jiru hundi rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa lafa irratti mul’achaa jiruu fi gaaffii mirgaa ol aanaa Ummatni Oromoo gaafataa jiruuf furmaata fiduuf fedhii, dandeettii fi qophiis kan itti hin qabne tahuu fi hanga qabsoo Ummatootaatiin dirqisiifamee karaa irraa maqfamutti wareegama fedhe baasee aangoo irratti cichuu qofa kan murteeffate tahuu isaa kan agarsiisanii dha. Kanaaf ummantotni hundii fi addatti ummatni Oromoo aangoo irraa turuu fi saamicha, ajjeechaa fi hidhaa isaa itti fufuuf lamuu gowwoomsaa akkasii TPLF/EPRDF dhaan qabsoo isaa irraa akka of hin dagatne AB O gadi jabeessee dhaamaa.

Waan taheef filmaatni tokkichi jiru qabsoo haqaa kan bilisummaa, nagaa fi dimokiraasiif jihaa hundaan Ummatootni sirna kana irratti geggeessaa jiran kan bifa hundaa daran finiinsuudhaan murna TPLF/EPRDF kan afaan qawweetiin gatiittii Ummatootaa irra turuuf carraaqaa jiru kana humnaan of irraa buusuu qofa tahuu Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo Amajjii 04, 2018