Fixiinsa Jumlaa (Massacre) Ummata Oromoo Irratti Itti Fufee Gaggeeffamaa Jiru Kan Dhaabu Qabsoo Bilisummaaf Taasifamaa jiru Daran Cimsuu Qofa

Amharic Version

Ummanni Oromoo erga bittaa alagaa jalatti kufee ajjeechaan kan irraa hin dhaabbanne tahus, bara bulchiinsa abbaa irree wayyaanee keessa fixiinsi jumlaa ummatoota Impaayera Itoophiyaa keessaa kophaatti Oromoo irratti qofa qiyyaafatee irratti gaggeeffamaa jira. Duulli humnoota Liyyuu Haylii Poolisii naannoo Somaalee fi Jeneralota Wayyaaneen ajajamaniin ummata Oromoo irratti banamee itti fufiinsaan Godinaalee Bahaa, Kibba-Bahaa fi Kibba Oromiyaatti lubbuu lammiilee Oromoo galaafataa jiru, akeeka dhoksaa Mootummaa gita-bittuu wayyaanee/TPLF kan ifatti agarsiisuu dha.

Ummanni Oromoo humnoota mootummaan biyyattiin bulcha jedhu leenjisee, hidhachiisee fi qajeelfama kenneefii bobbaaseen qayeedhuma isaa keessatti wayta rasaasaan haxaawamu, qayee fi qabeenyi Oromoo barbadeeffamuu fi mancaafamu qaamni mootummaa dha ofiin jedhu Ummataaf birmatee furmaata laatuuf dhabamuutti dabalee, waraana dabalataa kan ittisa biyyaa jedhamu itti erguun dhala Oromoo hafes duguuguuf duula banuun imaammata Oromoo lafarraa fixuu mootummaa gabroomfataa yoom iyyuu caalaa diidessee kan ibsuu dha.

As dhihoo kana Ambotti ijoollee qacalee ija dunuunfatanii fixan kan qalbii Oromoo fi namaaf nahanii keessaa hin badne tahee hafee jira.

Baha Oromiyaa Ona Meettaa magaalaa Calanqootti Muddee 11, 2017 fixiinsi jumlaa (Massacre) waraanni mootummaa Federaalaa ummata Oromoo “harka duwwaa bahee qayeedhuma keenyatti ajjeefamuun nu irraa haa dhaabbatu” jedhe irratti raaw’atamee lubbuu namoota 25 olii galaafatee fi hedduu ammoo madoo taasise akkaan suukaneessaa fi dhumiinsa jumlaa gabroomfattoonni Habashaa iddoo seena-qabeessa kanatti deddeebisanii dalagan kan nama yaadachiisuu fi gaabbii hin dhaamne uumuu dha. Dhumiinsi fakkaataan jidduma kana Saarkama, Dusee fi Qullubbiitti raawwates hammeenya sirna gabroomfataa kan agarsiise dha. Weerarri humnoota diinaa kun Godinoota Baalee fi Booranaattis itti fufiinsaan lammiilee Oromoo irratti gaggeeffamuunis dhugaa kana mirkaneessa.

Kan nama gubu garuu warri Oromoof dhaabbanneerra; amma booda rakkoo Oromoo furuuf hojjenna jechuun afaan qofaan guyyuu haasawaa oolanii fi lafa irratti waa hin mul’isne qondaalotni OPDO dhumaatii Calanqoo fi naannoolee sanatti Oromoo irra gahe kana dhugaa isaa gara dabarsuuuf, dargaggootatu miiraan socho’e jechuun bal’eessaa dargaggoota kanneen irra kaa’uuf yaaluu isaanii ti.

Har’a ilmaan Oromoo kanneen sirnichaaf hojjetan, bulchitoota Onaa fi gandaa akkasumas warreen nageenya ummataa akka eegan jedhamanii Oromiyaa keessa bobbafaman odoo hin hafne waanuma Oromoo tahan qofaaf itti qiyyaafatamee guyyaa saafaadhaan balleessaa humnoota federaalaatiin ajjeefamaa jiru. Warreen lammiileen keenya maaliif ajjeefamu jedhanis hireedhuma kanatu isaan mudataa jira.

Lolli mootummaa wayyaanee fi ummata Oromoo jidduutti barootaaf deemaa jiru jireenya saba Oromoo gaaffii jala kan galche tahuu kan deddeebifnee hubachiifne fi wal nama hin gaafachiisne tahee jira. Ummanni keenya qayee isaa irratti hidhattoota liyyuu haylii, waraana federaalaa irraa itti bobbaheen ajjeefamaa, madeeffamaa, qabeenyi mancaafamaa fi saamamaa jira. Dhala Oromoo foon isaaf hadoodee walii birmachuuf yaales humnoota federaalaa Oromiyaa keessa bobbaasee karaatti eeguun ajjeesuu fi gargaarsa ugguruutti dabalee qajeelfama diinummaa lukkeelee isaa OPDOf kenneen akka ummanni Oromoo mootummaa isa ajjeesaa jiru araara kadhatu lallabsiisaa jira. Kunis jibbaa fi tuffii mootummaan sirna kana harkaa qabu ummata Oromootiif qabu akkasumas, Ummanni Oromoo bulchiinsa TPLF/EPRDF jalatti dhumiinsa akkaan hamaa seenaa keessatti isa mudatee hin beekneef kallattii hedduun itti aggaamameef saaxilamu ifatti agarsiisa.

Addi Bilisummaa Oromoo duula dhala Oromoo lafa irraa duguuguu akeekkatee humnoota Liyyuu Haylii naannoo Somaalee fi waraanaa federaalaa meeshaalee gugurdoo hidhateen gaggeeffamaa jiru kana jabeessee balaaleffata. Dhumiinsa itti aggaamamee deemaa jiru kana of irraa dhaabuuf falli ummati Oromoo harkaa qabu tokkichi, gowwoomsaa fi afanfajjii adda addaa ergamtootni diinaa geggeessaniin osoo hin dogoggorre, tooftaa hundatti dhimma bahee wareegama qabsoon bilisummaa gaafattu hunda baasuun diina afaan qawweetiin isa gabroomfatee jirutti xumura gochuun mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaa mirkaneeffachuu qofa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 12, 2017

Amharic Version