Akeekaa fi Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ifaa fi Beekamaa Dha


Akeekaa fi Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ifaa fi Beekamaa Dha

Dubbiin jabduun irra deddeebinee Ummata keenya hubachiisuu feenu waadaa hin dhugoomne (waadaa kijibaa) namoota dhuunfaas tahe qaama kamuu irraa afaan mi’eeffatamee nutti lallabamuu fi olola keessi isaa duwwaa tahe miidiyaalee adda addaa irraa hafarfamu kan diina keenya (TPLF) akka bofaatti deebisee muuxachiisuuf akeekkateen sobamuun haa dhaabbatu. Warra diina/TPLF bakka bu’anii nu afoo dhaabbatanii fi kanneen bakka keenya bu’anii diina afoo dhaabbatan addaan baasnee beekuuf jechoota afaan isaanii irraa bahan qofa dhaggeeffa-chuu osoo hin taane hojii qabatamaa isaan lafa irratti hojjetanii nu agarsiisan qofaan haa madaallu. Mirga abbaa biyyuummaa fi Bilisummaa keenya afaan qawweetiin sarbamnee biyya teenya irratti osoo alagaan akka fedhetti nutti roorrisee nu bituu, dachii fi jireenya keenya hunda irratti murteessuuf aangoo ol’aanaa kan qabuu fi nu ajjeesee kan nu himatu alagaa tahee osoo jiruu waa’ee nagaa, waa’ee dimokiraasii, haaromsaa fi waa’ee warraaqsa dinagdee, nutti lallabuun dhihaana abjuu sooradhaa nuun jechaa waanjoo gabrummaa jalatti nu hidhanii umrii dheereffachuuf nu sobuudhaan alatti hiikkaa biraa hin qabu.

Akeekaa fi Galiin qabsoo Oromoo waanjoo gabrummaa waggoota dheeraaf nu korkodee jiru caccabsee of irraa darbuudhaan Bilisummaa fi Walabummaa keenya mirkaneeffachuu dha. Kan waggoota 26 dabraniif waanjoo gabrummaa Ummata keenya irratti fe’ee jiru Wayyaaneen/TPLF yeroo adda addaatti rakkina keessa seenee yeroo jireenyi isaa gaaffii jala galu akka gaararraatti bifa jijjiirratee Oromootti dhihaachuudhaan akka bofaatti muuxatee dhabama irraa of hambisuuf OPDOtti dhimma bahaa yoona gahe.

Bara 1998 oggaa TPLF biyya ollaa isaa Ertiraa wajjin wal dhabee lolatti seenu ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaalletti hirmaatanii itti cilaawuudhaan umriin TPLF akka dheeratu kan gargaare murna TPLF ittiin akeeka isaa galmaan gahachuuf ijaarrate OPDO dha.

Bara 2001 yeroo TPLF rakkina keessa isaatiin hudhamee jireenyi isaa yaaddoo jala gale murni tokko injifatee murna kaan irra aanuudhaan jireenya TPLF itti fufsiisuuf meeshaan guddaan itti gargaarame tokko OPDO ture. Kana mirkaneeffatuufis mataan Wayyaanee kan yeroo sanaa Mallas Zeenaawwii hoogganoota OPDO wajjin ji’a tokkoo oliif walgahii halkanii-guyyaa geggeesseen dhuunfatee ol’aantummaa garee isaa ittiin dhugoomsate.

Bara 2005 TPLF “Filannoo/Election” kijibaa fi itti fakkeessii kan mootummaa dimokiraatawaa of fakkeessuuf qopheeffate irratti kufaatii siyaasaa haala inni hin eeginiin isa mudate irraa of dandamachiisuuf jecha magaalaa guddittii Oromiyaa kan duraan murtii TPLFiin Finfinnee irraa gara Adaamaatti jijjiiramee ture hatattamaa fi muddamsuudhaan Adaamaa irraa gara Finfinneetti akka deebi’u fakkeessaan taasisuuf OPDO fi sanaan qabatee Oromootti gargaarame. Gaafa sanas Oormoo gowwoomsuu qofaaf jecha Juuneddiin Saaddoo mirga hiree murteef-fannaa (Referendum) Oromoodhaaf gaafatna hanga jedhu takkatti akka ololchiisan ni yaadatama.

Tahiinsa kanneenii fi kan biroo hedduu keessattis qoodni OPDOn akka jaarmayaatti qabaate umriin bittaa alagaa (bulchiinsi TPLF) Oromoo irratti akka dheeratu gochuudhaan saaminsi qabeenya Oromiyaa, Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisanii deegaa fi baqattummaaf saaxiluun, hidhaa fi ajjeechaan jumlaa, walumaagalatti duulli shanyi-duguuggii TPLF Ummata keenya irratti geggeessu akka itti fufu irree taheefii gargaare. Yeroo kana jennu garuu, OPDO akka qaamaatti (Political Organization) jechuu keenya malee qooda sab-boontota achi keessa jiraatanii akeekaa fi galii qabsoo Oromoo isa dhugaatiif hojjetanii dagachuudhaan akka hin taane hubatamuu qaba.

Yeroo ammaa sirni bulchiinsa TPLF qabsoo Ummatootaan (keessattuu Qabsoo Bilisummaa Oromootiin) hudha qabamee afaan boollaa irra gahee jira. Kana hanqisuudhaaf, yoo danda’e ammoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo duubatti deebisuuf TPLF yakka Oromoo irratti hin raaw’atinii fi shira hin xaxin hin qabu. Ummatoota ollaa Oromoo fi Oromiyaa keessa qubatan ifatti leenjisee hidhachiisuudhaan akka Oromootti duulanii ajjeesan, qabeenya isaa saamanii fi qe’ee isaa irraa buqqisan taasisaa ture/jira.

Meeshaaleen waraanaa TPLF Ummatoota ollaa hidhachiisee ittiin Oromoo irratti duulchisuuf osoo deemuunii bakkaa fi yeroo adda addaatti (Fakkeenyaaf: Bureetti, Sabbatatti, Booranatti, Mandiitti…fi kkf)tti qabamanii saaxilamaa turan kanaaf ragaa guddaa dha. Shira TPLF haala kanaan xaxeen Ummatoota Obboleeyyanii lamaan (Somaalee fi Oromoo) gidduutti lola qabsiifameen ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan lakkaawaman mana jireenya isaanii irraa humnaan buqqaafamanii akka jireenyi isaanii manca’ee dirree irratti faca’an taasifamee jira. Isaan akkasitti jireenyi isaanii manca’e deebisanii kabsachiisuunis ba’aan isaa Ummatuma Oromoo qofa irratti dhiifamee jireenyi warra buqqifamee fi warra simatuus (lamaanuu Oromoo) akka jeeqamu taasifamaa jira. Dhaabotiin waahillan OPDO jedhaman akka ANDM, SEPDM fi TPLF gochaa suukanneessaa kana afaan baafatanii hin balaaleffatne. OPDO waahila keenya ittiin jedhaniifis hin dirmatne. Jeneraalotni TPLF lola kana karoorsan, Liyyuu Poolisii leenjisanii fi hidhachiisanii bobbaasan seerri isaan gaafatu hin jiru. Kanneen ilmaan Oromoo Oromiyaa guutuu keessaa guyyaa saafaa akka bineensaa ajjeesanii fi kumootaan manneen hidhaa adda addaa keessatti gidirsanii fi reebichaan qaamaa hir’isaa oolan kan isaan gaafatu hin jiru.

Miidhaa hangana ulfaataa TPLF tahe jedhee karooraan Ummata Oromoo irratti dalagaa jiru kan guyyaa irraa guyyaatti daran hammaachaa deemu kana dhala Oromoo tahee kan irraa hin rifannee fi garaan isaa itti hin gubanne ergamtoota TPLF fi leellistoota isaanii alaa fi keessaa malee ni jiraata jedhamee hin yaadamu. Mootummaa TPLF kan maqaaf mootummaa Federaalaa jedhamu keessatti Oromoo bakka buunee aangoo qabna kanneen jedhaniin waadaan kijibaa yeroo dhihoo as afaaniin odeeffamaa fi miidiyaa irrattis hafarfamaa ture abdii fi hubannoo dogoggoraa Ummata keenyatti bulchee ture. Hojiidhaan lafa irratti kan mul’achaa jiru garuu afaan mi’aawaa qofaan Oromootti dhihaachuudhaan waadaa kijibaatiin Oromoo sobanii afaan qabsiisanii EPRDFiin akka bofaa muuxachiisuuf ijibbaata taasifamu qofa.

Ilmaan Oromoo guyya-guyyaan Oromiyaa guutuu keessatti waan mirga isaanii gaafatan qofaaf ajaja TPLFiin akka bineensaatti ajjeefamaa jiranitti dabalee kanneen dhiheenya kana kuma dhibbootaan Bulchiinsa Naannoo Somaalee keessaa buqqifamanii dirree irratti hafaniif sababaa fi madda rakkoo jedhanii “Rakkoo bulchiinsa gaarii, Kiraa sassaabdummaa, rakkoo kontrobaandii, hanqina ilaalchaa fi rakkoo namoota dhuunfaa irraa madduu…fi kkf” xibaaruun Ummata keenyaaf arrabsoo guddaa dha. Madaa isaatti quba dhawuu fi dhiiga ilmaan isaatti qoosuu dha.

Kanaaf jecha, Dubbiin jabduun irra deddeebinee Ummata keenya hubachiisuu feenu waadaa hin dhugoomne (waadaa kijibaa) namoota dhuunfaas tahe qaama kamuu irraa afaan mi’eeffatamee nutti lallabamuu fi olola keessi isaa duwwaa tahe miidiyaalee adda addaa irraa hafarfamu kan diina keenya (TPLF) akka bofaatti deebisee muuxachiisuuf akeekkateen sobamuun haa dhaabbatu. Warra diina/TPLF bakka bu’anii nu afoo dhaabbatanii fi kanneen bakka keenya bu’anii diina afoo dhaabbatan addaan baasnee beekuuf jechoota afaan isaanii irraa bahan qofa dhaggeeffachuu osoo hin taane hojii qabatamaa isaan lafa irratti hojjetanii nu agarsiisan qofaan haa madaallu. Mirga abbaa biyyuummaa fi Bilisummaa keenya afaan qawweetiin sarbamnee biyya teenya irratti osoo alagaan akka fedhetti nutti roorrisee nu bituu, dachii fi jireenya keenya hunda irratti murteessuuf aangoo ol’aanaa kan qabuu fi nu ajjeesee kan nu himatu alagaa tahee osoo jiruu waa’ee nagaa, waa’ee dimokiraasii, haaromsaa fi waa’ee warraaqsa dinagdee, nutti lallabuun dhihaana abjuu sooradhaa nuun jechaa waanjoo gabrummaa jalatti nu hidhanii umrii dheereffachuuf nu sobuudhaan alatti hiikkaa biraa hin qabu. Akeekaa fi galiin Qabbsoo Bilisummaa Oromoo beekkamaa fi ifaa dha. Ummata Oromoo hacuuccaa gabrummaa alagaa jalaa baasee hiree isaa akka murteeffatuu fi mirga isaa ol aanaa dachee isaa irratti harka isaa akka galfatu taasisuu dha. Hanga kana qabsoodhaan mirkaneeffatutti kan isa dhaabuu danda’us hin jiru.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 04, 2017