Killee Bofa Irraa Wucii Lukkuu hin Eegan (Ibsa ABO)

Killee Bofa Irraa Wucii Lukkuu hin Eegan (Ibsa ABO)

ABO

Ebla 18, 2017 gabaasaa “Komiishina Mirga Namoomaa Itophiyaa”, Mana Marii mootummaa Wayyaanee/EPRDF irratti dhihaateen, gaaffii karaa nagaa ummata Oromon dhihaataa turee fi Ayyaana Irreechaan wal qabatee lammiileen Oromoo ajjeefaman 462 tahuu, bulchiinsa Amaaraa keessaa 140, Ummatoota Kibbaa irraa 34 ajjeefamuu gaafatamaan Komishinichaa Miseensi ABUT Addisuu Gabregzabiher gabaasa dhiheesseen ibsee jira.

Qormaatni qaama komiishina Mirga Namoomaa Itophiyaa Wayyaaneen durfamu kanaan dhihaate akkuma eegamaa turetti dhumaatii ummata Oromoo irra gaheef qaama dhimmi hin ilaalle ykn gaafatamaa tahuu hin qabne gaafatamaa taasisuun kan haqaaf hin dhaabbanne tahuu mirkaneesse. Komishinni kun kanneen gaafatamoo taasise keessaa tokko ammoo Ummata Oromoo, ABO, KFO, fi OMN dha.

Komiishina Mirga Namoomaa Wayyaaneen utubamee Wayyaaneen hogganamu ABO fi ummatni Oromoo bal’aa, akkasumas ummatootni Itophiyaa, haqni ifa tahee kanneen ajjeechaa kana raawwatanii fi raawwachiisan murtii seeraaf ni dhihaatu jedhanii goonkumaa hin eegne. Killee Bofa Irraa Wuciin Lukkuu waan hin argamneef.

Tarkaanfiin gara jabinaa lammiilee gara garaa irratti raawwatuun waggoota as aanan lameen fincilli ummatootaa bakka gara garaa mul’atan keessatti hin jalqabne. Finciloota as dhihoon durattis ajjeechaan Oromiyaa bakkoota adda addaa irratti fi yeroo adda addaatti, ummata Finfiinnee irratti 2005, Ummata Sidaamaa, tarkaanfiin sanyii duguuggii ummata Gambeellaa, Ogaadeen, Koonsoo fi kanneen biroo irratti raawwatameera. Mootummaa Wayyaanee birattis kanneen tarkaanfii suukanneessaa akkanaa fudhatanii fi fudhachiisan jajjabeeffamanii badhaafamu. Murtii seeraaf hin dhiheeffaman. Muummicha Ministeraa ammaa Hayilemariyam Dessaleny, fixiinsa ummata Sidaamaa keessatti kan qooda qabu, duguuginsa sanyii Gambeellaa keessatti raawwatame keessatti ajajuu fi raawwachiisuun kan shoora ol aanaa taphate Dr. Barnaabas osoo murtii seeraaf hin dhiheeffamiin hafuun ajjeechaa babal’ataa dhufeef sababa tahee argama.

Mootummaan Wayyaanee dhumiinsa ummata Oromoo irra gahe dhoksuuf guddoo tattaafataa akka ture beekamaa dha. Dhoksuu wayta dadhabetti ammo lakkoobsa lammiilee waraannii fi poolisi sirnichaa ajjeese xiqqeessuun dhumiinsa gahe golguuf yaaluunis mul’ataa ture. Kunis wayta fudhatama dhabetti, ajjeechaa fi miidhaan ummata irra gahe qoratamee kanneen miidhaa geessisan kan itti gaafataman tahuu beeksise. Haa tahu malee kun hundi yeroo ittiin bitatuuf tooftaa itti gargaarame dha.

ABOn jalqaba irraa eegalee dhumaatiin ummata Oromoo irras tahe ummatoota mirga isaanii gaafatan irratti raawwatame qaama walabaa fi hin baabsineen akka qoratamu gaafataa ture. Hanga qaama walaba taheen hin qoratamnettis yakki dalagamee fi kanneen yakka hojjatan ifa bahuu akka hin dandeenye ABOn hubachiisuu irraa of hin qusanne. Haa tahu malee mootummaan Wayyaanee gochaa isaa waan beekuuf qormaatni walaba tahe akka gaggeeffamuuf gaaffii Mootummoota Gamtooman (UN), Gamtaa Awuroppaa (EU) fi dhaabbiilee mirga namoomaaf falman irraa dhihaate diduun yakki duguuginsa sanyii raawwataa turee fi jiru akka ifa hin taane murteeffatuun qormaata walabatti ulaa isaa cufe. Kan haqaaf dhaabbatuu fi of irratti amantaa qabu qormaata qaama walaba taheen gaggeeffamu waan sodatuu fi diduuf hin jiru. Haa tahu malee mootummaan Wayyaanee ummatoota irratti kan raawwate waan beekuuf, komiishinni walabaa dhimma kana qoratuun dhugaa jiru ifa godhee ana saaxila kan jedhu irraa jabeessee dura dhaabbata.

Gabaasa Komiishina Mirga Namoomaa mootummaa Wayyaaneen hogganamuun dhiheeffame: Komiishina baabsummaa irraa walaba hin taane qaama mootummaa taheen kan qoratame waan taheef,

Komiishinni kun aantummaa mootummaa Wayyaaneef qabutti dabalee qormaatni gaggeesse jedhuu guutuu Oromiyaa kan hin haammatne tahuu irraa guutummaatti fudhatama kan hin qabne tahuu ABOn hubachiisa. Kanuma waliin qormaata kanatti rigatamee ayyaana irreechaa Oromoo miliyoonotaan kabajamu fuula duratti ugguruuf abballii mootummaan Wayyaanee Komishina kana keessaan godhu ABO fi ummatni Oromoo humna guutuun kan dura dhaabbatan tahuu hubachiisa.

Ammas taanaan dhumaatii ummata Oromoo fi ummatoota kaan irratti raawwatame qaama walaba taheen qoratamee ummatootni haqa jiru akka hubachiifaman, kanneen gochaa sukaneessaa raawwatuu fi raawwachiisuu keessatti qooda qabanis murtii seeraaf akka dhiheeffaman, dhaabbattootni Idil Addunyaa, Gamtaan Awrooppaa, mootummootni gara garaa fi jaarmayaaleen mirga namoomaaf falman hundi dhiibbaa barbaachisu mootummaa Wayyaanee/TPLF irratti akka jabeessan ABOn irra deebi’ee yaadachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 20, 2017