Ibsa ABO: Finfinneen Lafa Oromoo ti!

Wayyaanee, LafaFinfinneen Lafa Oromoo ti!

ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT

(Ibsa ABO)

Mootummoonni Itoophiyaa dhufaa-dabraan ummata Oromoo fi cunqurfamtoota Impaayerattii keessaa biroo diinagdee fi siyaasaan moggeessuuf saamicha lafaa akka imaammatoota isaanii keessaa isa tokkootti dhimma itti bahan. Qonnaan bultootni Oromoo miliyoonotaan lakkaawaman dachee akaakilee-abaabilee isaanii irraa buqqifamuudhaan tajaajiltoota murna aangoorra jiruu taasifamaniiru. Adeemsi kun hanga har’aattis akka itti fufetti jira. Murni Itoophiyaa amma aangoorra jiru kan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF)n hogganamu dhaaba maxxannee akka OPDO ofii isaatii bixxillate waliin tahuudhaan yakka walfakkaataa bifa irra hammaateen raawwataa jira.

Bara bittaa waggoota 26n dabranii keessas qonnaan bultootni Oromoo kumoota dhibbaan lakkaawaman fedhii fi hayyama isaaniitiin alatti beenyaan tokkollee odoo hin laataminiif lafa isaaniirraa buqqifamaniiru. Haalli kun keessattuu warreen naannawa Finfinnee jiraatan irratti ifatti raawwamuu hundatu quba qaba. Lafti lammiilee Oromoorraa saamame kun bilisaanii fi gatii akkaan rakasha taheen warreen harka mirgaa sirna TPLF tahanii fi invastaroota alagaa michuu wayyaanee tahaniif raabsamee Oromoota hiyyeeyyii dawoo-dhablee fi daandiirra facaasudhaan kadhattuummaaf saaxile.

Addi Bilisummaa Oromoo dalagaa hammeenyaa TPLF kana addunyaa hubachiisuuf irra deddeebiin ibsoota baasuun ni yaadatama. Naannolee baadiyyaa Oromiyaa keessatti lafti heektaara danuu qonnaan bultoota irraa fudhatamee maqaa misoomaatin abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatiif liiziidhaan kennama. Dhugaan jiru garuu, qonnaan bultootni Oromoo misooma baanamu kanarraa faayidaan argatan tokkoollee kan hin jirre tahuu isaati. Faallaa isaa jiruun qonnaan bultoota Oromoo ittuu hammaachudhaan maatiin isaanii, haalli jireenyaa, aadaa fi duudhaan hawaasichaa caalaattuu barbadeeffamaa deemuutu mul’ate.

Haallan kana keessatti kan murni TPLF karoora misoomaa qindaawaa magaalaa Finfinnee(Maastar Pilaanii Finfinnee) baanamu baasudhaan magaalattii fageenya KM100tin gara magaalota Oromiyaa kanneen birootti babal’isuuf karoorfate. Karoorri maastar pilaanii baanamu kunis guutummaa Oromiyaa keessatti fincila kaasudhaan ummanni Oromoo waliigalatti addatti ammoo ka’imman diddaa jabaa boodarra gara naannolee biyyattii kanneen hafanittuu tarkaanfate finiinsan. Murni abbaa irree aangoorra jiru, komii fi gaaffii dhiyaataa jiruuf deebisaa sirnaa gahaa tahe laachuu mannaa gara tarkaanfii gar-jabinaatti cehuudhaan lammiilee hiriira nagaa gaggeessan kuma Lamaa ol tahan galaafate.

Karoorri maastar Pilaanii magaalaa Finfinnee akka yaadametti odoo hojiirra ooleera tahee, jiraattota naannichaa miliyoona lama tahan beenyaa malee dachee isaaniirraa buqqisuudhaan dirreerra facaasa ture. Dhiibbaan tarkaanfii abaaramaa akkasii murna bicuu TPLFn fudhatame kanaa balaa akkaan ulfaataa akka dhaqqabsiisu tilmaamuun rakkisaa hin tahu.

Murni TPLF gaaffii haqaa ummanni Oromoo dhiyeessaa jiruuf deebisaa sirnaa laachuurra kallattii xiyyeeffannaa isaa jijjiiruuf sababoota adda addaa tarrisuu fi shiroota baraman dhimma itti bahaa ture xaxuutti fuuleffateera.

Jidduu kanas labsii qaamuma shira kanaa tahe, wixinee “Labsii faayidaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabduu” jedhuun qabatee as baheera. Heerri Itoophiyaa bara 1995 ragga’e faayidaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu ifatti kaaheera. Waggoota 25 oliif mootummaan TPLF faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdu irratti seera hin baasne. As irratti gaaffiin dhiyaachuu qabu, labsiin kun maaliif kurmaana jaarraa booda amma bahuun feesise? isa jedhu taha. Labsiin kun gaaffii ummanni Oromoo Finfinnee ilaalchisee qabuuf deebii ni kennaa?

Akkuma olitti ibsame, saamichaa fi qircannaan lafa Oromoo TPLF itti jiru, itti fufuma imaammata bittoota impaayera Itoophiyaa isaan dura turanii ti. Fakeenyaaf, weerara Minilik booda dacheen ummata Oromoo bittootaan fudhatamee qondaalota waraanaa sirnichaaf raabsamaa ture. Qabiyyeen lafa saamamee irra guddaan mootummaadhaan dhuunfatamee gurguramaa fi dilaala(qaraxa) guddaatu irraa sassaabamaa ture.

Kanaanis Mootummaan Minilik daangaa fi aadaa Oromoo dhabamsiisuu qofa odoo hin taane, sirna siyaasaa, diingadee fi hawaasummaa ummanni Oromoo ittiin jiraataa bahe diigudhaan eenyummaa Oromoo dhabamaa affeere.

Ilmaan oromoo qayee isaaniirraa buqqisuudhaan qubattoota Abisiiniyaatin bakka buusuun haala qubsumaa Finfinnee fi naannawa ishii shaffisaan akka jijjiiramuuf tooftaan irratti dalagame. Kunis lakkoofsi ilmaan Oromoo Finfinnee keessa jiranii haalaan xiqqaachuun akka bicuutti jijjiiraman taasise. Maqaan magaalattii Finfinneerraa gara ADDIS ABABAAtti jijjiiramuu dabalatee lafootni seenaa Finfinnee keessaa fi naannichaa mancaafamuu fi maqaan isaanii afaan Amaaraatti jijjiiramuunis dalagaa bittoota Impaayerattii ti. TPLF’s erga bara 1991 Finfinnee dhuunfatee booda dalagaadhuma Miniilik jaarraa tokkoon dura raawwataa turetti bobbahuudhaan dachee Oromoo humnaan ummata irraa buqqisee saame ofii isaatii fi warreen harka mirgaa sirnichaa tahaniif raabse. Gartuun murna bicuu TPLF seera haaraa baafateenis lafa magaalaa Finfinnee fi naannawa sana jiru qondaalota isaa qabsoorra turan jedhuuf tolatti qoodeera.

Akka heera Itoophiyaatti Finfinneen aangoo bulchiinsa naannoo qabdi. Kana malees, teessuma mootummaa federaalaa, kan mootummaa naannoo Oromiyaati fi dhaabbilee idil addunyaa kanneen biroo hedduuti. Finfinneen kan bulfamtu mootummaa federaalaan yoo tahu, kunis TPLF misooma diinagdee fi hawaasummaa Finfinnee akka tohatu isa dandeessiseera. Dhugaan jiru, murni wayyaanee ta’e jedhuutuma Oromiyaan bulchiinsa Finfinnee keessaa akka qooda hin qabaanne taasise. Kanarraan hanga har’aatti Oromiyaa fi ummanni Oromoo misooma magaalaa Finfinneerraa bu’aan argatan homaatuu hin jiru. Labsiin dhiyoo kana baafames fedhii fi gaaffii mirgaa ummanni Oromoo gaafataa jiruuf kan deebisaa laatu hin tahu. Kanneen misooma hawaasummaa-diinagdee magaalattiirraa fayyadaman TPLF fi dabballoota isaati.

Addi Bilisummaa Oromoo Finfinneen dachee Oromoo fi handhuura Oromiyaa tahuu ammas irra deebi’ee ibsa. Teessuma lafaatin hadhuura Oromiyaatti argamuu qofa odoo hin taane, Finfinneen seenaadhaanis lafa jiddugala seenaa Oromoo fi eenyummaa saba Oromoo ti.

Waan taheef, ABOn ummanni Oromoo Finfinneerratti mirga abbummaa fi bulchiinsaa guutuu qaba jedhee amana.

Kana malees, ABOn hireen Oromiyaa hiree Finfinneen qabdurraa addummaa tokkollee akka hin qabne ifa gochuu barbaada. Kanaafuu, qabsoon saamicha murni TPLF Finfinneerratti gaggeessaa jiru dhaabsisuuf gaggeeffamaa jiru, qaama qabsoo bilisummaa OROMIYAA fi ummata Oromoo ti.

Waan taheefuu, ummanni Oromoo golee Oromiyaa hundarraa fi bakka jiru maraa sirna abbaa irrummaa TPLF ummataa fi biyya keenyarraa kaasuuf tokkummaan akka sossohu waamicha dhiyeessa. Labsiin dhiyeenya kana wayyaanedhaan baafame fedhii fi dantaa ummataa fi biyya keenyaa kan hin calaqqisne waan taheef, bifa barbaachisaa tahe hundaani fi sadarkaa marattuu akka dura dhaabbatamu Addi Bilisummaa Oromoo ammas irra deebinee yaadachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 05, 2017


English Version

የኦነግ መግለጫ – ግንቦት 05 ቀን 2017 ዓም

Naannoo Birbirsa Gooroo Bara 1897 / መሐል አራዳ (Piazza) 1897