Shawaa Bahaa
Leenjii dhimma naga'aa fii investementi jedhuun wayyaaneen gaafa 4 hanga 22 /12/05 Ona lume keessatti maybaasii adda addaa itti qopheessitee turte murmii ummataatiin fashalee hafe.
Akka kanaan ummanni gaafiin isaani warra waan kana qopheesseef akka kanaan dhiheessan:
1, isin ijoollee keenya tan gaafii karaa naga'aatiin isin gaafatte deebisaa keennuu dhiiftanii ajjeechaa fii hidhaa jirtan,
2, bootummaan tan qotee bulaate jechaa lafa qotee bulaa saamtanii gurgurachaa jirtan,
3, nagayaa fii misooma jechaa ijoollee teenya tan barnootaaf Jimma dhayxe barattoota wayyaanee wajjiin hidhaa fii darara gara garaatiin rakkitanii kunoo manatti nuuf deebitanii jiran, kanaaf misoomaa fii nagaya kam nu waliin haasoftan ittiin jechuun,
4, warri nuti bakka bu'oota ummataa ufiin jettan hundi saamtuu ummataati malee warra ummata bakka bu'ee miti,
5, bakka beekaa fii barataan oromoo itti du'aa hidhamaa jirutti naga'a maal haasooftan nu waliin jechuun mormii ummanni itti kaaseen leenjiin sun fashalee akka hafu taasisameeti jira.
Haragee
fincilli jalqabame daran itti jabaatee ummataa fii baratttootaan gamtaan itti jira.
Haala kanaan:
1, Ona Xuulloo keessatti gaafa 05/01/05 kan dur caalaa fincilli ummataatii fi barattootaa gamtaan qindaawee warra hidhaa jiru baafachuu yeroo godhamu, wayyaanee humna waraanaa itti fiduun namoota baayyee akka qabdee hiite gabaafame, sababni guddaanniis uffata aadaa ti hidhatan, ykn hodhitan isin ABO jechuun barattootaa fi ummata qabdee akka hiitees ni yaadatama.
2, Ona Habroo keessatti bifuma kanaan ummata aadaa uffattan jechuun hidhaa fii saamiinsa adda adddaatiin hiraarsaa jiran. magaalaa Galmsoo fii Baadiyaa isii, magaalaa Badeessaa fii Baadiyaa isii, magaalaa Ciroo fii Baadiyaa isii, akkasumatti
magaalaa fii baadiyaalee Asaboot, Mi'eesso, Koraa Bordoddee hanga Callee dubartiin mormattiin hidhaattee deemtu irraa ciranatti waraanni wayyaanee jira.
sababa kanaan ummanni fincila isaanii jabeessanii akka itti fufaa jiraniis gabaasni keenya ni mirkaneessa.
INJIFANNOO UMMATA OROMOOf!!
-