Nu’i barsiisotni Godina Wallaggaa Bahaa Aaanaalee 12 irraa walitti magaalaa Naqamteetti walitti qabamne baayyinni keenya kuma shanii oli ta’u, leenjii dhaaba hirkattuu/maxxannee OPDO Ashkarii wayyaaneen Amajjii 28/5/98 ALH galma guddaa Naqamteetti, Mana Barumsaaa Sadarkaa 2ffaa Biiftuu Naqamtee fi mana barumsaa sad. 1ffaa Burqaa beekumsaa Magaalaa Naqamtee keessatti argamu keessatti gaggeeffamaa ture. Gabrummaa gita bittaa nafxanyummaa, gidiramuu, hidhamuu fi ajjeeffamuu abbaa irree mataa wayyaanee Maallasaa Zeenaawiin gaaggeeffamu waan daran ilmaan oromootti cimsaa jiruuf nuti hirmaattotni walgahichaa carraa walitti qabamuu kanatti fayyadamnee (%90)gochaa faashistummaa kana morminee balaaleffachuun ibsa ejjennoo qabxii 13 of-keessaa qabu baafachuun kan dhimmichi kallattiin ilaallatu fi dhaabbilee mirga namaaf, akkasumas qaamota midiyaa biyya alaas akka nuuf beekuf sagalee tokkoon gaafanna.
- waldaa walgargaarsaa Oromoo(WMT) Angafaa fi Waldaa dhugaa dhala oromoof dhaabbate waan ta’heef Akka deebi’ee Hojii Issa Itti Fufuu ni qabsoofna.
- ABOn Kallacha qabsoo uummata Oromoo waan ta’eef cina isaa dhaabbannee haga bilisummaan kgeenya galma ga’utti ni sochoona.
- Gaaffileen barattoota oromoo gaaffilee uummata Oromoo miliyoona 40 olii waan ta’eef deebiin isaanii ajjeechaa fi hidhaa ta’uun furmaata hin argamsiisu.
- Ilmaan Oromoo yeroo ammaa mana hidhaatti guuramaan kan dhoksaan jiran attattamaan haa hiikaman.
- kaayyoon Leenjii kanaa kaayyoo saba Oromoo utuu hin ta’iin kaayyoo maxxannee waan ta’eef cimsinee balaaleffanna.
- Imaamatni barnootaa haaraa yaalii faashistootni ilmaan oromoo irratti godhaa jiran malee kan bu’aa oromootaaf dhaabbatee miti, ni mormina.
- Minaaseen walda goorgis namicha abbaa Duulaa Gammaadaa jedhee opf moggaase qomoon isaa nafxanyaa kan ta’e bakka bu’aa Uummata Oromoo ta’uu hin danda’u.
- Oromiyaa sirna Kolonii nafxaynaa jalaa baasuuf bilisummaa dhugaa gonfachiisuuf qabsoo keenya yoomiyyuu daran ni cimsina.
- deggers(bu’aan baatalaa), kaffaltiin durgoo fi sossobbiin dhaaba maxxanee OPDOn nuuf gootuun bilisummaa duumessaa’ee bahaa-lixatti, kaabaa –kibbatti walcimsee dhufe hingeeddarru, ABOn cina dhaabbannee qabsoofna.
- Mootummaan EPRDF uummataan waan hin filatamneef mootummaa nu bulchu ta’uu hin danda’u.
- Buchulloonni wayyaanee kanneen taayitaa sobaan irraa ba’anii saba Oromoo gurguruuf kurkuran keessumattuu aanaalee 4 keessatti barsiisota oromoo gurguruuf yaada keenya nu harkatti hukkamsuun isaan yaalan kan akka Aanaa Billoo Boshee, Biilaa Sayyoo, Giddaa, Gobbuu sayyoo fi Diggaa gowwummaa dha malee duubatti nu deebisuu hin danda’an.
- Mootummaa abbaa hirree fonqolchuun hiree ofii ofiin hanga murteeffannutti, dhaaba Oromoo isa dhugaaf dhaabbate ABO cinatti hiriirra.
- Mooraan mana barumsaa mooraa waraanaa ta’uu hindanda’u, daa’imman oromoo shaakallii kiyyeeffannoo faashistootaa ta’uun haadhaabbatu
Gurraandhala 19, 2006
Injifannoo Uummata Oromoof!
|