Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa ejjannoo Koree Bulchiinsaa fi Bilisumma Oromoo Zoonii Arsiirraa
Koree bulchiinsaa fi Bilisummaa Oromoo Zoonii Matakal

Amajjii 2. 2005 (Oromiyaa) - Akkuma seenan ibsutti uummanni Oromoo kan zoonii Arsii bara koloni minilik, weerara minilik uummata Oromoo hundaa irraan gaya ture Oromoo Arsii irratti gocha sukkaneessuu fi gochii sanyii balleessa dhala namaa kan akka harma, harka fi akka horii(sangaa) kolaasun faan keessaatti argamu irratti adda durummman ofirraa ittisaa dhorkun keenya yaadannoo kaleessati. akkuma armaan dura hunda ammallee fincila diddaa gabrummaa kan guutuu Oromiyaa keeessatti uummmata Oromooti fi barattoota Oromootin taasifamaa jiru kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo kan ta’e adda bilisummaa Oromoo cinaa hiriirree qabsoo keenya fininsuuf waada keenya haaromsinee harka wal qabannee ka’uun qabsoo jalqabame hanga bilisummaa keenya gonfannutti of duuba hin deebinu, wal irraayis hin hafnu jenne wal gayii keenya yoo xumurru lukkeewwan wayyanee tokko kan hawaasa keessa deemanii ofii dogongoranii uummata dogongorsuuf yaaalan gochaa isaani kanarraa of qusatanii gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka deebi’an gaafanna. kana ta’uu baannan tarkaanfiin irrattii fudhatamu kan irra deebii hin qabneedha. dhaamsa kana kan dabarsinee aanota adda addaa irraa walitti dhufuuni.

Kunis aanaa Suudee, aanaa Diiksis, aanaa Roobee, aanaa Jajuu, aanaa Martii fi aanaa Collee irraayi. kanaafu nuti uummanni Oromoo Arsii akkuma uummata Oromoo bakkoota adda addaa jiran fincila diddaa gabrummaa finiinsaa jiran asumaa arsii keessatti Kofalee fi Asaasatti taasisama jiru nutis itti dabalamne diddaa kana finiinsuuf qabeenya humnaa fi sammuu keenyan Adda Bilisumma Oromoo cinaa hiriirree akkuma abbootii keenya durii hunda har’as akka kalee ta’uuf qophii keenya xumurannee jirra.

Koree Bulchiinsaa fi Bilisumma Oromoo Zoonii Arsiirraa.

Injifannoo uummata Oromoof!

Koree Bulchinsaa fi Bilisummaa Oromoo Zoonii Matakkal irraa:

Nuti uummanni oromoo zoonii matakkal akkuma armaan dura ammas qabsoo keenya galmaan gayachuuf afaan keenya fi aadaa keenya osoo jirruu gita bittootatan dhabne qabsoo keenyan argachuuf gurmuu keenya walitti cimsannee diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti barattoota fi uummata Oromoo hundaan Oromiyaa hunda keessatii qabatee jiru deeggaruun muddee guyyaa 20/05 a.l.o sooma oolu jalqamnee jirra.

Kanaaf qabeenya fi humna keenya hundaan Adda Bilisumma Oromoo fi WBO cinaa hiriirun fincila diddaa gabrummaa finiinsuf gara kuteenyan kaane jirra. uummanni Oromoo fi barattootni Oromoo hundii bakka jirtanitti osoo wal hin qoodini harka wal qabattanii akka kaatan waamicha keenya ni dabarsina.

K.B.O.Z.M

Injifannoo uummata oromoof!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net