Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

IBSA EJJETNOO BARSIISOTA
GODINA ILUU-ABBAA-BOORAA

Nuti barsiisotni G/I/A/B aanaalee 8 irraa walitti qabamen kan baay’inni keenya 3000 ta’u leenjii dhaaba maxxannee OPDO wayyaanee amajjii 29/5/98 – 10/6/98 A.L.H mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Mattuu fi Galmaa Magaa Mattuutti geggeeffamu gabrummaa ilmaan Oromoo fi gita bittaa nafxanyummaa Abbaa irree malasee zeenaawiin hogganamu waan nutti cimsuuf hedduu morminee balaaleffachuun ibsa ejjetnoo qabxilee 9 of keessaa qabu baafachuun dhaabbilee mirga namoomaatiif falmaaniifi kana dhimmichi kallattiin ilaallattu hundatti akka nuuf beekamu sagalee tokkoon gaafanna.

  1. Addi Bilisummaa Oromoo kallacha qabsoo uummata Oromoo waan ta’eef human, beekumsaa fi qabeenyaan deggarree bilisummaa keenyaaf ni qabsoofna.
  2. Nafxanyichi abbaa garaa minaasee W/Goorgis ykn abbaaduulaa Gammadaa fi OPDO’n maxxantuu Tigiree ti male bakka bu’aa uummata Oromoo miti.
  3. Gaaffii baraattoota Oromoof deebiin rasaasa ta’uun hafee ilmaan Oromoo mana hidhaatti ugguraman hatattamaan gad haa lakkifamanu.
  4. Kaayyoon leenjii kanaa rakkoo uummata keenyaa waan hin furreef, Oromiyaa sirna kolonii jalaa baasuu fi bilisummaa dhugaa gonfachuuf konfaransii hayyoota Oromoo sabbaantotaan geggeeffamu barbaadna.
  5. Hiree ofii ofiin murteeffachuun hangaa fottoquutti qabsoofnee mootummaa Abba Irree mallasiin fonqolchuun Oromiyaa bilisoomsuuf ilmaan Oromoo wal-cina hiriirra.
  6. Durgoo oolmaa Dh.D.U.O’n nuuf kennituun gowwoomnee bilisummaa keenya Hin gurgurru, qabsoo ‘ABO’ hin gufachiifnu.
  7. Mootummaan ‘EPRDF’ fi TPLF filannoo dogoggoraa bara 1997 A.L.Htti geggeeffameen Uummataan waan hin filamneef mootummaa seera qabeessaa miti.
  8. Kurkurtoota abbaa garaa kan ta’an Bulchaa G/I/A/Booraa siisaay Nagaash fi nafxanyicha kaasaahun Dagafuu bilisummaa barsiisota Oromoo gurguruun yaada keenya ukkaamsuun qabsoof nukakaasa malee fuubatti nu hin deebisu.
  9. Imaammatani barnoota haaraa kaayyoo dhabaa maxxaannee galmaan ga’uf malee ilmaan Oromoof bu’aa hin buusu.

Injifatnoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

G/G

·         Sagalee Raadiyoo Ameerikaa Qophii A/Oromoo tiif.

·         Sagalee Bilisummaa Oromootiif

·         Waldaa Barsiisota Addunyaa tiif

·         Mootummaa Ameerikaa tiif

·         Waajjira Daabbilee Mirga namoomaa tiif

 

Barsiisota G/I/A/Booraa

Guraadhala 9,2006

Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net