Nuti barattootni oromoo yunvarsiitii gondar gosa barumsaa adda addaa barachaa jirru yeroo adda addaatti ejjennoo keenya ibsaa turuun keenya kan beekamudha. Ammas haala yeroo irratti hundaa’un ibsa ejjennoo armaan gadii baafannee jirra.
- Diraamaa sobaa waayyanotni yeroo darbe mana murtii olaanaa ishee keessatti hidhamtoota Maccaa fi Tuulamaa irratti hojjette kan dhala namaa osoo hin ta’iin bineessa bosonaarrattille kan hin hojjetamnee fi hojjetamuu hin qabne waan ta’ee fi tuffii ummata Oromoof qabdu kan agarsiisu waan ta’eef cimsinee balaalleffan. Hidhamtooti siyaasaa Oromoo hatattamaanis akka gad-lakkifaman gaafanna.
- Galma abba gadaa Finfinnee keessatti siniif ijaarra jettee kan OPDOn ummata afaan faajjessuuf yaala jirtu FDG adeemsifamaa jiru duubatti deebisu osoo hin ta’iin ittuu kan nu kakaasu ta’uu hubbatanii ummata gowwumsuu yaaluu dhiisanii ummata faana akka FDG finiinsan miseensa OPDO taatanii kan diinaf hojjechaa jirtan waamicha goona.
- Du’a hangafticha qabsaa’ota Oromoo J/Waaqoo Guutuuf gadda nutti dhagaa’ame ibsaa qabsoo jalqabaniis xumuratti gochuuf waada keenya haaromsina. Maatii isaaniif illee waaqayyo jajjabina isa siniifaa laatu jenna.
- Gochaa suukanneessaa duguuggaa sanyii wayyannonni ilmaan Oromoo meeshaa maleeyyi godinaalee Oromiyaa hunda keessatti keessummattu kan aanaa A/coomanii, J/raaree fi Guduruu irraatti fudhachaa jirtu cimsinee ni balaalleffanna. Hatattaman akka dhaabbatus ni gaafanna.
- wayyaanee fi OPDOn waliin ta’uun ummata Oromoo murna hundaa konkolaataan mana hidhaatti guuraa jirtu hatattamaan akka dhaabdu ni gaafanna. Ta’uu baannaan balaa hamaa biyyitti keessatti ka’uuf jedhuuf itti gaafatamaaan wayyaanee ta’uu hubachiifna.
- Ummanni Oromoo hundi harka walqabachuun FDG adeemsisaa jirru guyyaa tokko itti jijjiiruun bakka jirrutti bituu fi gurguruu dhiisnee daandii cufuun waan qabnuun mootummaa kufuuf daddaaqamaa jirtu oromiyaa keessa baasuuf akka qophoofnu wal hubachiifna.
- Bariisonni Oromiyaa yeroo ammaa kana wayyaaneen afaan faaja’aa jirtan mootummaa kufuuf daddaaqqamaa jirtuuf meesha ta’uu irra of eeggachuun dhugaa ummata keessanii ifatti baasuun akka diina qaanessitan waamicha lammumma sinii goona.
- Ummanni Oromoo biyya ambaa jirtan yeroon amma yeroo ummanni Oromoo biyya isaa irra nagaan jiraachuu dhabee gibira humnaan olii alagaaf kaffaluun osoo hin hanqatiin loltuu lukaa amma funyaanitti hidhate faana harka qullaa waldhaansoo qabaa jiru ta’uu hubattanii gamqa dandeessaniin ummata keessan bira akka dhaabbattan sin gaafanna.
- Namoonni dhalataa Oromoo taatanii yeroo amma faayidaa dhuunfaaf jettanii ummata keessan gurguraa jirtan gochaa keessan fokkisaa akkasii dhiistanii FDG ummata keenyaan deemaa jirutti dabalamuun ga’ee keessan akka baatan waamicha sinii goona. Ta’uu baannan kan boru gaafatamtan ta’uu sin hubachiifna.
- Tarkaanfii human hin beekamneen lukkeewwan wayyaanee irratti fudhatamaa jiruu guutummaa guututti ni diiggarra akka hin dhaabbannes human hin beekamne kan gaafanna.
- Gaaffiin yeroo darbe mataa wayyaanee obbo Mallas Zeenaawwii gaafanne osoo nuu hin deebi’iin hafee ittuu caalaa waan dhufeef yeroo gabaabaa keessatti barumsa dhaabnee kan FDG ummata keenyaan adeemsifamaa jiruutti dabalamuun hamma mirgi hiree murteeffannaa Oromoo mirkanaa’uutti kan qabsoofnu ta’uu beeksifna. Barattootni yunivarsiitii biro keessa jirtans yaada kana fudhachuun akka hojitti hiiknu gaafanna.
- Mirgoonni dhala namaaf falman kan akka amnesty international, HRW aakkasumas mootummaan amerikaa fi kan biroo gochaa duguuggaa sanyii ilmaan tigireen ummata Oromoo irratti raawwachaa jiru kan hamaa ta’uu beekanii osoo kan kanaa olii hin dhalatiin akka dhaabbatuuf dhiibba gama isaani akka godhan gaafanna.
- Dhumarrattis gumaa murnoota adda addaa Oromoo qabsoo irratti dhumanii baasuuf waadaa keenya kan haaromsinu ta’uu beeksifna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Tokkumma Barattoota Oromoo yunivarsiitii gondar fi maadhee Gumaa Oromota Dhumanii(GOD)
Guraandhala , 2006
|