- Gootata wareegama, gumaa gootaa gootatu deebisa. Nutis goota Oromoo G/J Waaqoo Guutuu Bilisummaaf dhalatee Bilisummaaf wareegame inni Bilisummaa arguu baatus dhaamsa isaa galmaan gahuuf onnee isaa onnee godhannee falmii inni itti ture itti fufna!!
- Kan falmannu hanga gaafa abban biyyaa Oromiyaa Oromoo tahuun mirkanaahutti!!
- Reebichi, hidhaa fi ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu akka dhaabatu WAYYAANEE ni akekkachiifna, OPDOs akka isheen gochaa ishee shaabdee qabsoo saba bal’aa waliin hiriirtu carraa isa xumura kenninaaf!!
- Waamicha keenya irra tarkaanifachuun warra qabsoo keenyatti gufuu tahan irratti ammoo osoo hin beekiin, yeroo hin beekamnee fi bakka hin beekamnetti tarkaanfii suukaneessaa irratti fudhachuuf qophii keenya xumurree jirra!!
- Gaaaffiin saba bal’aa Oromo hiree ofii ofiin murteeffachuu malee sobanii sossobamuu akka hin taane, kanas Wayyaaneen haal duree tokko malee akka raawwaattu akeekkachiisna!!
- Ilmaan Oromoo mana hidhaa adda addaa keessatti hiraarsi hiriyyaaa hin qabnee irratti raawwachaa jiru akka gad lakkifaman mootummaa Waayyaanee irra deddeebnee gaafanna!!
- walumaa gala Oromiyaan, kalacha qabsoo Oromootaa kan tahe ABO qofaan akka buluu qabdu Wayyaaneen beekuu qabdi, ummanis kanaan ala buluu hin dandahuutii!!
- Afaan qawween nu dhukkaamsuun yoomuu hin yaalamu, Nutis qabsoo keenyaaf jecha dirree lolaatti baanee wareegama kafaluu irraa duubatti hin jennu!!
- Qabsoo ummata bal’aa cina jiraachuu keenyaaf ammas maqaa jaallan wareegamaniin waadaa sienna!!
- Bilisummaa dhiiga keenyaan bituuf ofiduuba hin deebinu!! Bilisummaa, Walabummaa fi Birimadummaa Oromiyaa aarsaa lubbuu kafallee ni mirkaneesina!!
- Addunyaan kun yoomi laaata kan isheen gurra Oromoof ergsitu? Hanga aarsaa akkamii kafalluttis nu dhagahuu callisu? Kanaafuu Ummanni Addunyaa maraa, Motummoonni Addunyaa, falmitoota mirga dhala namaa fi Gargaaritoata Wayyaanee kan taatan yeroo takka gurra nuuf kennaa jenna!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
OROMIYAAN DHIIGA ILMAAN ISHEEN NI BILISOOMTI!!
|