Gurraandhala 11, 2006 (Oromiyaa) - Mootummaan abbaa irree kan TPLF waggoota 14ran dabranii hamma ammaatti
duguuginsa sanyii raawwataa jira. Kanas Oromoo hedduu hojii irraa arihuu; hidhuu; ajjeesuu, gidirsuu, reebuu, qee isaa irraa buqqisuu, saamuu, cunqursuu, hojii isaa guyyuu godhatee itti fufeera. Keessumattuu qonnaan bultoota, barattoota, barsiisota akkasumas daldaltoota of irratti abdii qabanii fi sabboonoo ta´an hunda hiraarii fi gidirsaa kana hin jedhamne irraan gahaa tureera, ammasi itti jira. Kana keessaa:
1. Barsiistota Afaan Oromoo barsiisan fi saabboontota biroo isintu ijoollee dammaqsa jedhee heddu hidhe; ajjeese;
2. Qonnaan bultoota harka lafa jalaatin ajjeesuun farreen nageenyatu kanana
isin godha jedhee ummata mirga hiree murteeffannaa isaa gaafate jimlaan ajeesuun sanyii Oromoo duguuguuf hojjete. Fiilmota sobaa waraabun yakkee hidhe; ajjeese;
3. Barattoota Oromoo barri inni gamtaan mana barumsaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, kollejjootaa fi yuniversitoota keessa arihuun akka Oromoon hin baranne yakka kana hin jedhamne irratti raawwate, barnoota irraa arihe, ajjeese, hidhe;
4. Mormotoota siyaasaa Oromoo akka walabaan hin sochoone; siraa fi sobaan xaxee akka Oromoon bifa kamiinu walitti hin dhufne, hin jabaannee shiroota hedduu xaxe;
diiguun, walitti buusuun , ajjeesuun, hidhuun, Mormitoota Oromoo diiguun shira Oromoo irratti xaxamu dha. Kunis akeeki isaa yoo Oromoon jabaate qabeenya isaa irraa saamuu fi humna isaa itti xabachuun akka barbadan ergachuun waan hin dandeenyeef abjuu tigray misoomsuu galmaan gahachuu waan hindandeenyeef, biyya keenyatti waraana labsaa tigrayitti misooma hojjetu.
Mootummaan kun yoomiyyuu maloota adda addaa baafatee socho'uun ala gaaffii karaa nagayaan gaafatameef deebii hin laatu. Ganna dabre qindoominni hudhee qabnaan karaa ergamtoota isaatin(OPDO jabeessuf) jecha qarshii miliyoonota baasee miseensa humnaan horachuuf yaalee;
arrabni guddaafi mormiin heddu muudame. Ifaan ifatti akka ABO barataaf ummannis fedhu itti himame. Ammas barsiisota Oromoo walitti qabee, humnaan miseensuuf yaalaa jira; Karaa biraan duguuginsa sanyii ummata keenyarratti raawwataa jira.
Ji'a sadaasaa 9,2005 irraa jalqabee fincila ummanni Oromoo taasise ajjeechaa waraanni
Aga´aziin lukkee waliin wal ta´ee raawwate sababeeffachuun nyaata dhaabnee muummicha ministeera Itoophiyaa(Mallas) fi Dhaabota adda addaaf xalayaa barreessuun keenyi ni yaadatama.
Kanas, sochii ummatni mirga ofiif godhe tuffachuufii arrabsuun ala wanti godhame tokkolle hin jiru. Kanaan booda fincilli itti fufee Agaaziin waraana ummata Oromoo irratti adeemsisaa jira.
Lola kanaa irra kan ka´ee guutuu Oromiyaa keessatti Oromoon 100 ol tahan yoo du'an; kumootni heddu hidhamaniiru. Keessumattuu dhiha wallaggaa, baha wallaggaa (aanaa gudiruutti qonnaan bultoota 20 olajjeese), Ambotti, Kaaba shawaa(kuyyuu barattoota lamaa fi qonnaan bultoota)
Arsiinageelleetti, Xiqur incinniitti, Ginciitti, Jalduutti, Sogiddootti, Innaangotti, Finca´aatti, Hoomiitti, Acaaneetti, Finfinneetti, Kofaletti, Geede'ootti fi kkftti. Kun gar malee mootummichi abbaa irree ta'uu isaa qullaa isa dhaabee isa saaxileera. Kanaaf mootummaan wayyaanee yoo kan armaan gadii hin deebisu ta´ee akka tarkaanfii mataa keenyaa fudhannu akeekkachiisaa gaaffilee armaan gadii akka deebisu gaafanna!
1. Poolisni barattoota Amboo ajjeese ummata fuunduratti haa fannifamuu. Waraannii fi Polisoonni biroo ummata irratti yakka dalagan tarkaanfiin fakkaatoo irratti haa fudhatamu!
2. Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo sababa amantaa siyaasaaf hidhaman haalduree tokko malee haahiikaman;
3. Waldaan Maccaaf Tuulamaa haadeebi'e banamu! (sababaan ala hidhamuu isaaniif beenyaan hamlee haakennamuuf);
4. Dubreen Oromoo Asliin murtiin ajjeechaa yakka tokko malee irratti murtaahe irraa haa ka´u
5. Yuunivaarsitoota adda addaa irraa barattootni hidhaman haal duree tokko malee haa gad lakkifaman!
6. Gaazexeessitoonni Oromoo, Shiifarraa Insarmuu fi Dhabasaa waaqjiraa haa hiikaman.
7. Namoonni ummata gara jabeenyaan fixan poolisoota fi waraanni Agaazii seeratti haadhihaatan! Ajajooti isaaniis murtii seeraaf haa dhiyaatan!
8. Ergamaan TPLF Minaaseen daddaffiin aangorraa haa bu´u ! Yakka Oromiyaa keessatti hojjeteefis seeraaf haa dhiyaatu!
9. Waraanni Agaazii Oromiyaa keessaa ataattamaan haabayu!
10. TPLF daddaffiin Adda Bilisummaa Oromoo waliin haasawa dhugaafii haqaa
haagodhu(akka ganna dabre qinijjiit mogginaan shiraaf haasaye tahuu hin qabu).
11. Oromiyaatti Miseensa TPLF akka tikaatti Oromoo irra kaahanii to´achuun haa dhaabbatu!
12. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffannaa Oromoof haa kabajamu; kun gaaffii bu'uuraa ummanni Oromoo itti wareegamaa turee fi jiru dha!
13. Gaafonni armaan olii hin deebi'an taanaan, gara qabsoo hidhannoo; tarkaanfii feesisuufii addaa fudhachuutti ceena.
Tokkummaan humna!
Gabroomnee hin hafnu!
Barataa lolla lolaa baranna!
Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuunivaarsitii Baahirdaar.
02/11/06