Amajjii 30, 2006 (Oromiyaa) - Ummatni oromoo jaarra tokko oliif waanjoo gabrummaa jalatti erga kufee kaasee qabsoo fincila diddaa gabrummaa bifa adda addaan gochaa tureera. Ummatni oromoo gaaffii abbaa biyyummaa fi Mirga hiree murteeffanna isaa dhugoomfachuuf jecha kaaba-kibbaa,bahaa-dhiha walgurmeessuun yeroo adda addaatti jaarmiyaa siyaasa mataa isaa ijaarratee qabsoo godhaa tureen mootummoota abba irree kanneen akka mootummaa Hiyla sillaasee fi mootummaa dargii fonqolchuu fi mirga dimokraasii ummatoota cunqursamoo akka kabajamuuf wareegama hangana hinjedhamne kaffalaa tureera.Haa ta'uu malee Ummatni oromoo amma illee kaayyoo carraaqa tureef sana har'a illee galmaan hingahatin jira.
Mootummoonni abbaa irree kanneen darbaniif kan har'a aangoo irra jiran qaneenyaa ummata keenyaa saamuun,ummata keenyaa waranaa isa hinilaallannetti oofuun, kanneen mirga abbaa biyyuummaa fi mirga namummaa gaafatan ammoo biyya isaa irraa ari'uun ummata keenya balaa adda addaaf saaxilaa turaniiru. Mootummaa abbaa irree wayyaanee kana garuu kan adda isa taasisu maqaa dimokraasiin qabsoo ummata keenyaa ukkaamsee gaaffii ummata keenyaaf gochaa faashistummaa yeroo adda addaan uummata keenya irratti raawwachuu isaati.Gochaa faashistummaa mootummaa abbaa irree wayyaaneen Barattootni oromoo kanneen dabtara qofaa baatanii gaaffii abbaa biyyummaa gaafatti dhukaasuun barattoota hangana hinjedhamne ajjeessa tureera.
Kaan ammoo mirga wabii malee mana hidhaatti ukkaamsuun mirga namummaa isaanii sarbuu irra darbee iyyuu mana hidhaatti barattoota humna maleeyyi kana ajjeessuu itti fufee jira. ajjeechaan Barattoota Yunivarsiiti Finfinnee Alamaayyoo Garbaa fi Morkataa Iddoosaa irratti fudhatame fakkeenyaa gaarii dha. mootummaan abbaa irree wayyaanee kun ummata oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biroo walitti naquun ummatni ollaa nagaan akka hinjiraatne godhaa ture, amma gochaa kana itti fufuun ummata meeshaa hinqabnetti duulchisuun badii lubbuu nama fi qabeenyaa hangana hinjedhamne geessisa tureera, har'as kanuma itti fufee jira.
Mootummaan abba irree wayyaanee kun gaaffii uummatni kun dhiheesseef deebii kennuu dhiisee gochaa abdii kutannaa ummata keenyaa irrattii fudhachuun dhumachuu qaba jechuun nuti barattootni oromoo Yunivarsiitii Baar Daar keessa jirruu ibsa ejjennoo armaan gadii baafannee jirraa.
1. Mirgi abbaa biyyummaa Oromoo akka kabajamuu, sagaleen ummata akka dhaga'amuu irra deddeebinee nii gaafanna.
2. HIdhaa fi ajjeechaan ummata Oromoo irraa dhaabbachuu qaba. Gaaffii ummataf deebii ajjeechaa kennuun dhaabachuu qba. Gaaffi fi sagaleen ummata oromoo Kabajamuu qaba. Namootni barattoota harka qulleeyyii ajjeesan seeratti akka dhihaatan ni gaafanna.
3. Fincila diddaa gabrummaa ummata fi barattoota oromoon amma jalqabamee jiru kun hanga bilisumman uummata keenyaa dhugoomutti jabaatee akka itti fufu gaafacha nuti barattootni oromoo Yunivarsiitii Baar Daar keessa jirruu qabsoo kana daran jabeessuuf yeroo kam iyyuu Ummata keenya cina hiriiruuf waada keenya ni haaromfanna.
4. Addi Bilisummaa Oromoo kallacha qabsoo oromoo waan ta'eef Ni deggerra, toofta inni hordofee injifannoo gurguddaa nu gonfachiisa jirus ni dinqisiifanna.
5. Wayyaanonni fi jala deemtuun ishee OPDOn gochaa faashistummaa fi gochaa abdii kutannaa isaan ummata fi barattoota oromoo irratti fudhataa jiran balaaleffacha, gumaa namoota wayyaanootan ajjeefamanii haruuf yoom iyyuu caala kan qophoofne ta'uu keenya ni ibsina.
6. Qonnaan bulaan oromoomarti mootummaa abba irree wayyanee kanaaf gibira akka hinkaffallee, xaa'oo isheen sobde lafa oromoo borqeessuuf nutti akka irraa hinfudhannee, yoo waldhabee akka aadaa oromootti jaarsummaan xumurachuu malee mana seeraa wayyaanee akka walhindhaabne, Qabeenya isaa akka itti hingurgurree, kan ishees akka irraa hinbitne ni yaadachiifna.
7. Ummatni oromoo kan biyya keessaa fi alaa fincila diddaa gabrummaa amma jalqabamee kana harka walqabatanii daran jabeessuun akka galmaan gahan ni gaafanna.
8. Poolisoonni Dhiigan oromoo ta'anii kanneen wayyaaneef ergamtuu ta'anii jiran gochaa farrumma ummata isaanii irratti fudhachuu irraa of qusatanii akka gara qabsoo ummata isaaniitti deebia'an ni gaafanna.
9. Hoggantoonni waldaa Maccaa fi Tuulamaa akkasumas namootni ilaalcha siyaasa isaaniif jecha hidhaman akka nuuf hiikaman nii gaafanna.
Dhuma irrattis barattoota oromoo mara waliin taanee fincila diddaa gabrummaa amma jalqabee jiru kana waan nurraa eegamu maraan ummata keenyaa waliin ta'uu keenya ibsa barattootni sadarkaa olaana keessa jirruu daran cimsinee akka socho'uu qabnu dhaamsa keenyaa dabarfanna.
Injifaannoo Ummata Oromoof
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti
Amajjii 28 bara 2006
barattoota oromoo Yunivarsiiti Baar Daar
*********
Amajjii 30, 2006 (Oromiyaa) - FDG Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuu, magaala Gabra Gurraachaatti gootota barattoota Oromoo M B Sad. 2ffaa Gabra Gurraachaatiin ciminaan itti fufeeti jira. Guyyaa har’aa Amajjii 30-2006 kana qorumsa samisteera 2ffaa tu kennama ture; garuu barattoonni qormaata fudhachuu hin dandeenye, sabbni isaa turban darbe keessa gaaffii kaasaa turaniif deebii waan dhabaniif! Kanarra darbees barattoonni biroo waan biraa hidhamaniif isaan hidhaa keessatti dhiifnee akkamiin baranna? barattoota hidhaman ammaan tana nuuf hiikaa jedhanii gara kuteenyaan humna hidhattuu wayaanee dura dhaabbachuun mormii isaanii dhageessisan.
Akka kanaan karaa Finfinnee gara Goojjam geessu cufan, geerarsaa fi weedduu ABO leellisuu fi diina abaaru dhageesisan. Qormaatichis akkasiin osoo hi keennamin hafe, barnootni gutumaa guututti dhaabbateera. Baraatoota jimlaan qabanii konkolaataa lamatti fe’uun gara Fiichee geeffamaniiru.
FDG kun gara Warra Jaarsoo fi aanoolee biroo Godinicha keessa jiraniitti baballataa jira.
Gadaan Gadaa Bilisummaat!!
Injifannoo Uummata Oromoof!!
********
Amajjii 30, 2006 (Oromiyaa) - Yaroo ammaa kana uummata Oromoo sossobuu fi gaaffii isaa dagachiisuuf wayyaaneen tattaaffii bifa adda addaan gochaa jirti; garii sossobuun didan ammoo humnaan irra dhaabattee eeguun qabbaneessuutti jirti:
"Haalli biyyaa yeroo amman kanatti wal ajjeesuun dhabatuyyuu amma Jaarsa biyyaa jedhanii namoota hedduu filanii mariidhaan araaramuu qabina jedhanii uummata beelamanii jiru FKN kan aanaa Guduruu har'atti (30/1/2006) waamamanii jiru. Aanaa Abbay comman keessatti wayyaanota caffee irraa wal guuranii achitti argamuun jaarsolii walitti qabne jedhanii akka lafa dhiphisaa jiran hubatame, haala kanaan guyyaa hardhaa ummata guzzaa kamisaatti beellama qabatan hubatameera, Gama biraatiin Namoota sosocho'uu danda'u (Maalummaa saaniitti amananii fi hojiin wayyaanee galeeraafii) jedhanii yaadaanii fi shakkan qobaqnii gaafa tokko hidhaa ooshanii ( mana poolisiitti) ummanni osoo ammayyuu nama hiitanii maal jaarsummaadhaan araaramna jedhee waan isaan dideef maqaa saanii qabatanii gaafa isin barbaanne dhiyaattu jedhanii gad dhiisaniiru. Haata'u malee naannoon suun loltuudhaan marfamee jira. Yoo araara diddan garuu, jedhu wayyaanoonni: ejjennoo cimaatu isin irratti fudhatama, Ciminaan adabamtu kanaaf nutti araaramtanii akka nuyi jennetti buluu (jiraachuu) qabdu jedhanii ummata doorsisaa jiru.
Guyyaa kaleessaa amajjii 29/2006 bakka acaanee jedhamutti ayyaana astaroo irratti wayyanoonni maaliif sirbitu jedhanii waan jeeqaniif ummanni diddaa isaa muldhisuun gootummaan karaa cufuun isaa hubatamee, hidhattooti garaaf bulanii fi waraanni wayyaanee wal makee diddaa ummataa kana to`achuuf tattaafatee ummata nagaa meeshaa maleeyyii irratti dhukaasuun nama tokko ajjeesuun lama madeessanii jiru jedhama nama madaahe keessaa inni tokko sunis lubbuun jirachuun isaa shakkisiisaa dha.
Ummanni Oromoo humanaan dhiibamaa jiru kun ammallee namoota caffee irraa ergaman kana irratti karaa cufee adaba sirreessaa itti kenna jedhamee naannoo sana waraanaan itti marasanii akka jiran hubatameera, gaaffiin ummata Oromoo gaaffii siyaasaa, Gaaffii abbaa biyyummaa malee, gaaffii hiree ofii ofiin murteeffachuu malee lola irsaaf nitii akka hin taane lukkeeleen wayyaanee hubachuu qabu jechuun sabboontonni Oromoo ibsu. Kanaaf ammoo dhimma kana yeroof haguugannii bira darbuun akka hin dandeenye isaan irra darbee gooftoliin isaaniyyuu beeku, kanaaf ummanni Oromoo diddaa jalqabe jabaatee finiinsaa jiru fashalsuu dhiisanii furmaata isa dhumaa biyyittiif fi gaanfa Afrikaaf kennuuf sammuu isaanii garaa isaaniin cufame banuu qabu jechuun sabboontonni ibsu.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
*********
Odeessa Diinaa
Amajjii 30, 2006 (Djibouti) - Gaafa 28/01/06 irraa kaasee wayyaanoonni baayyinaan mi'a waraanaa dirre bahatti karaa buufata jabuutiitiin galfachaa jiran.
Akka kanaan makiinota gosa VOLVO jedhamu kan malattoo waraana itoophiyaa qabuun guyyatti hanga konkolaattota 60 ol tahaniin madaafota gosa 150 kan jedhan\muu fi rasaasa gosa adda addaa karaa jabuutii tiin dabarsaa jirti.
Duraan warri jabuutii waan akkanaa dirre bahatti hin hayyamaniif turte, garuu eega gara Soomaali laandiin waan barbaannu galfanna eega ati nu didde jedhaniin booda akka silaa wayyaanonni barbaadutti karaa banteefii jirti yeroo ammaa,
Konkolaattota mi'a kana fuudhee dabarsaa jiru keessa hanga tokko akka fakkeenyaatti lakkoofsa kabatee isaanii asiirra isinii geenya:
1, 03672 M. 2, 03609 M. 3, 03687 M. 4, 03655 M. 5, 00073 M. 6,00084 M.
jechuun militry jechuudha koodii irra jirtuudha. konkolaattoonni kuni kan wal hirkeessuu fii tokko tahee dheeraa waan lamaan fuudhan bakka takkatti fuudhuudha.
Arra wayyaanoota jalaa Generaalli tokko baafatee barbaada isaa mootummaa jabuutitti himattee suuraa isaas waraana jabuutiitti laattee daangaa seennaa jabuutii fii magaalaa dikilitti suuraa namticha kanaa maxxansanii warra Shofeerotaatiis gaafachaa oolan waraanni jabuutii. Maqaan namtichaa bade kanaa: Generaal Ar'ayaa Zaruu jedhama.
Injifaannoo ummata oromoof!!
|