Amajjii 19, 2006
Qabsoon Bilisummaa Saba Gabroomee gaafa gabroomee hanga Bilisoomu irra darbee hanga gaafa ofijaaruutti bifa haa jijjirratu malee addaan hin citu
" Bilisa taanee dhalannee bilisa taanee jiraachuu dhorkamne; garuu bilisummaa keenyaaf qabsaawaa du'uu irraa nu dhorkuu kan danda'u humni tokkolleen hin jiru, hin jiraatus ! "
Jaarraa tokkoon dura erga waanjoo gabrummaa jalatti kufee eegalee Sabni Oromoo haala adda addaa keessa dabruun isaa waan dagatamuu hin qabne tokko dha.Haala kanneen keessaa inni tokko fi akkasumas inni duraa gabrummaadhaan eenyummaa ofii dhabuun of-wallaaluu ykn "Identity crisis" isa jedhuun liqinfamuu ture.
Haa ta’u ammo waanjoon gabrummaa itti haa hammaatu malee yeroo Oromoonni tole jedhanii gabrummaa fudhachuun jiraatan seenaa keessatti hin turre.Gootonni Sabboontotni Oromoo yeroo hundumaattuu falmii fi fincila diddaa gabrummaa gochaa turuu isaanii seenaan kaleessaa ifatti dhugaa nuuf baha.Egaa dhiiga jaallewwan qaqqaalii goototni sabboontotni Oromoo wareeganiin har’a of-wallaaluu(identity crisis) buqqa’ee darbamee jira.Kana jechuunis kaabaa fi kibba akkasumas bahaa fi dhiha kan jiru Oromoon of-baree jira.Gabrummaa jaarraa tokkoo olii booda Oromoon golee Oromiyaa hundaa tokko ta’uu isaa fi kan walii ta’uu isaa baree jira.Gootota Oromoo wareegama qaqqaalii kanfaluun sadarkaa kanaan nu gahanis seenaa keessatti bakka guddaa kan qabaatan tahuun walnama hin gaafachiisu.
Egaa haala kana keessatti ( Ofwallaluu irraa gara of baruutti yeroo cehamutti) qabsoon diddaa gabrummaa bifa adda addaa qabaachaa ture.Keessattuu Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) Qonnaan Bultoota Oromootiin godhamaa ture bu’ura Qabsoo Bilisummaa Oromoo(QBO) ti jennee amanna.Akka fakkeenyaatti tuquuf:
1. FDG Qonnaan bultoota Oromoo Walloo: Raayyaa Azaboo fi Wajjiraat,
2. FDG Qonnaan bultoota Oromoo Harargee ,
3. FDG Qonnaan bultoota Oromoo Baalee fi KKF diina (gabroomfataa) irratti godhaa turan bu’ura QBO har’aati.
Dhugooma kanaa kanneen nuuf mirkaneessan keessaas tokko Jeneraal Taaddasaa Birruu fi akkasumas bu’ureessitootni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa finciltoota Oromoo Baalee fi Harargee waliin kan quba wal qabaataa turan ta’uu seenaan kaleessaa nutti himuu isaati.Haala kanaan erga bu’ureeffameen booda ture QBO bifa qindoomina qabuun galma isaa Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu Saba Oromoo gochuun bara 1974 tti kan eegale.
Haala guddinaa fi jijjiirama adeemsa falmii fi fincila diddaa gabrummaa saba oromoo kana keessattis gaheen Barattootni Oromoo murteessaa fi gat-qabeessa ta’uun wal nama hin gaafachiisu.Haaluma kanaan bara QBO qindoominaan eegalee irraa kaasee hanga har’aatti hirmaannaan Barattoota Oromoo fira kan boonsuu fi diina kan aarsu/raasu ta’uun Oromummaa keenyaan nu boonsuu irra dabree bu’ura hamilee qabsoo keenyaa ammaati.
QBO bifa ammayyummaa akka qabaatuu fi sochiileen barattoota Oromoo dhaloota har’aatii adeemsifamanii fi adeemsifamaa jiran akkuma fincila abbootii keenya kaleessaa adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka guddaa kan qabaatan ta’uun shakkii hin qabu.Keessattuu bara 2000 yeroo bosonni Oromiyaa Baalee , Boorana fi Gujii ibidda diinaan shidameen gubatan irraa eegalee sochiin Barattoota Oromoo diina kan lubbaa turee fi kan lubbaa jiru ta’uun dhugaa firaa fi diina irra darbee addunyaanis beeku tokko dha.Sanarraa kaasee Barattootni Oromoo sadarkaa Barnootaa gara garaatti baratan yeroodhaa yerootti FDG gochaa turani.Fincila adeemsisan irrattis harka qullaa diina qawwee itti dhukaasu dura dhaabachuun hanga wareegama lubbuutti waan irraa eegamu tokko bahuun daran hamilee qabsoo bilisummaa oromoo finiinsee jira.
Kana keessatti hanqina qindoominaa ture qulleessuun Fincila barattoota Oromoo gara sochii qindoomina gahaa qabuutti jijjiiruu fi akkasumas gara fincila sabaatti bal’isuuf akka gargaarutti Mudde 2001 keessa Sochiin Barattoota Oromoo Baha Afirikaa(SBOBA) bu’ureessuun jaarmiyaa kanaan sochii eegaluun barattoota Oromoo beekamaa dha.Sochiileen barattoota Oromoo qaramaa gaaffilee siyaasaa aammachuu fi babal’achuu irrattis bu’ureeffamuun SBOBA gahee guddaa gumaachaa tureera.Kun jijjiirama gaaffilee barattootni Oromoo bara 2001 dura kaasaa turan kan gaaffii murtaahee fi bakka murtaahetti ka’aa dhaamaa turee fi kan sanii asi waggaa dhaa waggatti bifa qindoomina gahaa qabuun jabaachaa fi bal’achaa adeemee amma sadarkaa Mirga hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu Saba Oromoo kabachiisuu gaafachuu gahuusaa irraa hubachuun ni dandahama.
SBOBAn haala qabsoo bilisummaa oromoo bifa adda addaan adeemaa jiru keessattuu qabsoo fincila diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruu fi walii gala haala Sabni Oromoo irra jiru irratii qorannoo fi marii bal’aa gaggeessuun ,hanga galma isaa kana bakkaan gahutti qabsoo diddaa gabrummaa itti fufuu fi wareegama kamiinuu (hanga lubbuutti) kafaluuf qophii ta’uu firris tahe diinnilleen akka beekuu fi waan irraa eegamu yeroon akka raawwatuuf ibsa ejjennoo fi dhaamsa armaan gadii dabarsinee jirra.
I. Ejjennoo SBOBA:
1. Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) Sadaasa 2005 bifa haaraayaan adda durummaa Barattootaa fi Dargaggoota Oromoon Oromiyaa guutuutti adeemaa jiru itti fufinsa QBO jaarraa tokkoo olii ta'uu hubachuun gootota Wareegaman yaadachaa kaayyoo isaan kufaniif hanga galma gahutti bifa hundaan SBOBAn qooda isaa ni baha.Gaaffii barattootni Oromoo karaa nagaa dhiyeeffataniif mootummaan Wayyaanee humnaan ukkaamsuuf yaalii godheen Sadaasa 9,2005 asitti(yeroo ji'a tokko hin caalle keessatti) lubbuu barattoota Oromoo 26 ol galaafatee jira.Biqiltuuwwan Oromoo bilisummaa Saba isaaniif wareegaman ammallee irra deebinee gadda keenya ibsaa ilmaan Oromoo hundi wareegama ilmaansaa kanaaf mararfannoo fi tumsa gama hundaa bakka jiruu agarsiisuu qaba jenna.
2. Gaaffiin Oromoo furmaata jijjiirraa hundee malee ajjeechaa,hidhaa,doorsisaa fi ukkaamsaa humnaan ykn fooyya’insa kabeebsaa uummata gowwomsuuf taassifamuun kan hin furamne waan ta’eef Mootummaan Wayyaanee gochaa fixinsaa Oromoo irratti raawwatu irraa dhaabbatee gaaffilee Saba Oromoo karaa nagaa dhiyaataniif xiyyeeffannoo akka kennu akeekkachiisaa gaaffiin barattoota Oromoo kan SBOBAs ta’uu akka armaan gadiin beeksifna:
- Mirgi Hiree Ofii Ofiin Murteeffachaa(HOOM) Saba Oromoo hojiitti hiikamuu qaba,
- Mirgi abbaa biyyumaa Oromoo Finfinnee fi Dirre-Dawaa dabalatee Oromiyaa guutuu irratti kabajamuu qaba,
- Waldaan Maccaa fi Tuulamaa akkasumas Waldaaleen gargaarsaa Oromoo cufaman haa banamani; hoggantootni Waldaalee kanaas haal duree tokko malee hiikamuu qabu,
- Oromoon qe’ee isaatti ajjeefamuu,ariihatamuu,hidhamuu,doorsifamuu fi fixinsi sanyii irratti gaggeeffamu dhaabbatuu qaba;kanneen ajjeechaa kana raawwatanis seeratti haa dhiyaatani,gochaawwan kunis gaaffii Oromoo daran jabeessuu malee ukkaamsuu akka hin dandeenye hubatamuu qaba,
- Oromootni maqaa siyaasaa fi gaaffii mirgaa waan gaafatamaniif hidhaman haal duree tokko malee akka hiikaman cimsinee akeekkachiifna.
Gaaffileen eeraman kun sirnaan hanga furmaata hin argannetti nagaa, misooma fi dimokiraasiin waraqaa fi faaruu afaanii bira darbanii dhugoomuu hin dandahani;Oromoon ammoo bifa kamiinuu falmachuuf eeyyama eenyuunuu hin gaafatu!!
II. Dhaamsa SBOBA Qaamolee adda addaatiif:
1. Dhaamsa waliigalaa Oromoo Maraaf
Seenaa Gabrummaa Oromoo bara dheeraa fi seenaa dammaqinsa Oromoo bara gabaabaa waliin yoo madaalame sadarkaa QBO irra jiru sadarkaa boonsaa fi kan hamilee qabsoo finiinsu tahuu beekuun hubannoo SBOBA yeroo ammaati.Kanaafuu kana beekuun bakka jirruu hamileen qabsoo finiinsuun ka’uun dirqama Oromoo maraa ta’a.Yoo kana hin taane umuriin gabrummaa akka nurratti dheeratuuf hayyamuu ta’a.Keessattuu haala gabroomfattootni jaarraa gabrummaa kan biraa nurratti ida’uuf akka jabinaan dalagaa jiran filmaata yeroo darbe Impaayerittii keessatti ta’e irraa eegalee sochii isaan godhan irraa ifatti calaqqisa.Kana xiinxala keessa galchinee jabinaa fi murannoon akka kaanu Oromoo maratti dhaammanna.
2. Oromoota biyya keessaatiif
Akkuma beekamu galma gahuun qabsoo tokkoo gamtaa fi tokkummaa saba gabroomee irratti hundaa’a;kanaaf gamtaa fi tokkummaa jabeessuun barattoota Oromoo waliin FDG finiinsuun diinota keenya kan ammaas ta’e kan hegeree dura akka dhaabbattan waamicha lammummaa isiniif dhiyeessina.
3. Dhaabbilee Oromoo hundaatiif
Yeroon kun yeroo yaada garaa-garummaatti bakka kenninee osoo kun hin hiikamiin hin qabsoofnu jennu ykn yeroo itti waldura dhaabbannu yookiin dhaaba haaraa ijaarru miti;hangam yoo yaadaan addaan fagaatamellee waan tokko waliin qabaachuun hin haalamu.Innis akka oromootti diinota(sirna gabroomfataa fi farra qabsoo bilisummaa oromoo) kan ammaa fi kan hegeree walitti qabaachuu dha.Kanaafuu, garaagarummaatti bakka kennuu dhiiftanii diinota keenya irratti ka’uun qabsoo akka finiinsitan maqaa Gootota Oromoo Kaleessa Qabsoo kanaaf wareegamaniitii fi ammas wareegamaa jiraniin dhaamsa lammummaa isiniif dabarsina.
4. Oromoota Oromiyaa Ala jirtan maraaf
Bifa adda addaatiin qabsoo bilisummaa oromoof hirkoo tahuun keessan beekamaadha;kanaafuu yaada dhaabbilee siyaasaa adda addaatiin faffaca’uu dhiiftanii gamtaa fi tokkummaa keessan jabeessuu fi kunuunsuunshira farra tokkummaa fi qabsoo oromoo ofirraa ittisuun hirkoo qabsoo bilisummaa Oromoo tahuu keessan qabatamaa fi ciminaan agarsiisuu akka itti fuftan maqaa qabsoo kanaatiin dhaamsa lammummaa isiniif dhiyeessina.
5. Beektotaa fi hayyuuwwan Oromoo hundaaf
Bakka gahuu qabsoo bilisummaa Oromootiif hirmaannaan keessan murteessaa tahuun beekamaa dha;akkuma qorannoo adda addaatiin QBO ilaalchisee sadarkaa addunyaatti carraaqqii firii guddaa argamsiisee fi argamsiisaa jiru gochaa jirtan,tokkummaa fi murannoon garaagarummaa dhaabbilee siyaasaa Oromoo jidduu jiru dhabamsiisuu irratti daran akka tattaafattan ulfinaan isin hubachiifna.
6. Oromoota Diina waliin hiriirtanii jirtan hundaaf
QBO bu’aa bahii hedduu keessa dabree sadarkaa dammaqinsa olaanaa gahee kan jiru ta’uun isin jalaa kan dhokate miti jennee amanna;galma gahuun QBO kan shakkamu otoo hin taane yeroon itti mirkanaahu gahe jechuudha.Kanaafuu, kana hubattanii yeroodhaan gochaa farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’e irraa of qusattanii gara saba keessanii gortanii fi kanneen hidhattan ammoo qawwee isin harka jiru diinatti garagalchitanii diina saba keessanii kana hundeen buqqisuuf murannoon qabsoo kanarraa qooda fudhachuun itti gaafatamummaa borii kan isiniif hin oolle jalaa akka of-baraartaniif waamicha lammummaa isiniif goona.
7. Dhaabbilee siyaasaa/ mormitoota Impaayerittii keessa jirtanii
Haalli isin ittiin adeemaa jirtan kun Impaayera kaleessa of-tuultotni gita bittuu Habashaa kanneen cunqurfamuu saba bal’aatiin ‘tokkummaa saawwaa/loonii fi silmii"tti amanan kunuunsuuf carraaquutti jiraachuu keessan calaqqisiisa.Kanaafuu,wanni kun adeemsa fokkataa ta’uu isaa seenaa kaleessaa irraa barattanii sirrahuun Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu Sabaa fi Sablammootaa Impaayerittii keessaaf akka dhaabbattan cimsinee isin akeekkachiifna.
8. Mootummaa Wayyaaneetiif(EPRDF/TPLF)
Qabsoon bilisummaa saba gabrummaa jala jiruu galma gahuun akka hin oolle muuxannoo keessan kaleessaa irraa barachuun kan isinitti ulfaatu yoo ta’e seenaa qabsoo diddaa gabrummaa hin qabdan jechuu dha.Kanas ta’e sana,galma gahuun qabsoo bilisummaa Oromoo kan hin oolle ta’uu hubattanii Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu Sabaa fi Sablammootaa kan heera keessan keessatti tuqamee jiru yeroon hojiitti hiikuun gaaga’ama,adabaa fi itti gaafatamummaa boruu jalaa ofbaasuun gahee keessan ammaa ta’uu akka beektan cimsinee isin akeekkachiifna!
Injifannoo Uummata Oromoof!!
Sochii Barattoota Oromoo Baha Afirikaa(SBOBA)
Amajjii 2006