Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Ummata Oromoo Magaalaa Shaamboo Irraa Wayyaaneen Bishaan Dhaabde

Amajjii 3, 2005 (Oromiyaa) - Ummatni Magalaa Shaamboo  sababa ujumoon bishani dho’e jedhuun dhabinsaa bishaaniin dararama jira. Dhabinsii bishanii kun kan dhufu dand’e ergamtoonii wayane ta’e  jedhanii kan godhaan ta’u issa  ummatnii ni dubata. Kana gochuuf kan issan kakases Fincilaa didaa garbuuma nanno sanati ka’efi itti fufe jiru dhamisuufi haloo ba’uf akka ta’e ni dubatama.

Bishaan kana kan hojjate motumaa wayyanee osoo hin ta’iin  dhabata NGO wan ta’ef ummatnii maliif  bishaan akka irra dhabbatee yeroo itti gafataan  kan balesse Farreen ummatati nuti immo isinii hojechuuf nama Finfineeti ergine jira jedhani ummata sobaa jiru. Itti gafatamaa biro bishanii aanaa sana  kan ta’e Kitilayoon Wayyanee Namni Bayissa jedhamu mi’a ujumoon bishanii itti suphamu nan bita jachuu dhan Durgoo nyachaa ummata haloo ba’uf  lukewaaniin ergamee Finfineeti galee  akka ba’u dide ummatni dubata jira.

Sababa bishaan dhabinsaan hoteelaf mannen nyaata magalitii keesa jiran hojii dhabuuf dirqamaniiru. Haluma kanan osso jiru Loltonii wayyanee gimbiifi lixa wallaga turanii gara Magalaa shambooti jijiramanii jiru. Jareen kun kan jijiramaniis nannoo wallaga Lixatii Homma wayyaneen bakka akka bu’anii ta’e ni dubatu. Haluuma kanan osso jiru baratoonii akka baratani barachuu banan tarkanfii hama ta’e warra keesaniifi isniratii fudhana jedhani dorsisa jiru Wayyanooni ummatniifi baratooni garu baradha jechuu keesaan dura deebii keenya debissa akkasumaas hala duree tokko malee baratoota hidhamaan gad lakisaa jechaa dinaa qanessa jiru.

Baratoonii hidhamaan amma hikamanitii nanmni baratuu hin jiru jechuun gotonii baratotii Oromoo dhaadacha jiru.Wayyaneenis  albaa keenya   gubanii kan ABO fanisaniiruu  wan ta’ef  hin hiikkaman jechaa jiru. Sabontonii Oromoo garuu alaba garbuma gubuun tarkanfii sirii dha jechuun gochicha gutuma gututii degara jiru.Albaa garbuma mitii wara nugarbofateef meeshaa isaani OPDO ni gubna kan jedhaniis hin dhibamne. Torbe darbe keesa baratoonii mana barumisa Didibee hin baranu jechuun onuma kana keesatii fincila kasaani jiru.



 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net