Gurraandhala 22, 2006 (Oromiyaa) - Odeeffannoo Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa nu qaqqabeen mormiin uummataa fi barsiisotaa mootummaa abbaa irree Mallas irratti itti fufee jira; haaluma kanaan Awwaasaatti Uummatni Sidaamaa mormii jabaa kaaseera,Shaashamaanneetti barsiisotnii fi barattootni Oromoo diddaa mootummaa irratti qaban agarsiisuun keessumaa manguddoonni Oromoo Minaasee irratti gaaffii mataa isa naannessu kaasaaniiru, kofalee fi Dodolaattis bifa adda addaan Mormiin itti fufee jira.
Gara biraan haala Gabaasa Maandhee Odaa Nabee irraa nu qaqqabeen Ona Kokosaatti barsiisonni Oromoo gaaffii mirgaa waan gaafataniif kittillayyoonni wayyaanee manneen barumsaa adda addaa irraa barsiisota Oromoo hojiirraa ariihuun beekamee jira. Akka kanaan Menneen Barnootaa Ona kana keessaa M/B Booroo, M/B Jaafaaroo, M/B Bidiruu, M/B Tulluu Gaduudaa fi kan biraa irraa barsiisota armaan gadii hojiirraa ariihanii jiru:
1. B/Badhaasoo Buttaa, 2. B/Laggasaa Elemoo, 3. B/Gammadaa Ganamoo, 4. B/Yasuuf Dasoo, 5. B/Araarsoo Hayyasoo, 6. B/Gammadaa Burqaa fi 7. B/Baqqalaa Burqaa waan gaaffii mirgaa uummanni Oromoo kaasee deebi’uu qaba, maaliif ajjeechaa fi hidhaan seeraa alaa irratti raawwata otoo mirga heera mootummaa keessa jiru karaa seera qabeessaa otoo dhiyeeffatanii kan jedhu gaafachuun yakka tokko malee hojiirraa ariihamanii jiru.
Namoonni Ona Kokosaa keessatti tarkaanfii Oromoo deegsuu fi hojii dhabsiisuun dararuu kana Oromoo irratti fudhatanis:Kabbadaa Gishee, Biraanuu Buttaa fi Innii Magarsaa ta’uun beekamee jira; Gochaa isaanii kana irratti sabboontonni Oromoo qunqunfachuun himataa akeekkachiisanii jiru!
IUOf!
|