Guraandhala 12, 2006 (Oromiyaa) - Mootummaan wayyaanee sochiin uummani Oromoo ABO cinaa hiriiree taasisaa jiru waan isa naasiisaa dhufeef uummata Oromoo mana hidhaa jiran dararuu jabeessee jira Haala kanaan sabboontota Oromoo mana hidhaa karchallee magaalaa Ambo keessatti hidhamanii jiran kaateenaadhaan harkaa fi miila isaanii hidhee rakkisaa jiraachuun isaa saaxilamee jira, kanneen hidhaman keessaa;
1) Fiqaaduu Caalii 2) Geetuu kan jedhaman keessatti argamu Oromoon biro hedduu kan maqaan isaanii hin baramiinis dararaa fakkaataa keessa akka jiran beekameera. Dararama walfakkaataa irra jiru gochaa mootummaa kanaatti kan araan sababa ilaalcha siyaasaa isaaniin seeran ala hidhamuu irra darbanii kateenaan hidhamuun immoo cunqursaa bara gurgurtaa garbaa waliin wal fakkaata fi gidiraa ummanni keessa jiru ifaan muldhisa jedhanii gadda guddoo keessa jiru.
Hidhamtoonni Oromoo achuma karchallee Amboo keessa jiran akkas jechuun murannoo isaanii dhaamaniiru ; obboloonni keenya bilisummaaf jecha lubbuun isaanii darbaa jira wan ta’eef hidhaan kateenaa qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisu jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru yaa uummata Oromoo kana hubadhaati ilaalcha mootummaan kuni siif qabuu of gaafadhaatii; walis gaafadhaatii kana of irraa kaasuuf qabsoo hidhannootti seenii, diddaa kees jabeessii itti fufi jenna.
Barattoonni kun haalli keessa jiran waan lubbuu isaaniif hamaa ta´eef Oromoon marti bakka ilaalutti kan akka Amnestii fi qaamooti mirga ilma namaaf falman iyyatanii gidiraa ilmaan Oromoo keessa jiran akka daawwatan dhiibbaas mootummoota irratti akka godhan sabboontonni Oromoo iyyatu.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
-
|