Guraandhala 8, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen namoota madoo waraannii wayyaanee Guduruutti madeessitee dhukkubsachiisan ukkamsite. Namni ukkamsisuu fi dhukkubschisota kana agarsiisuu keessaa harka qabu nama hojiin isaa wardiyaa ta´e fi maqaan isaa Ulfaataa jedhamu akka ta´e hubatameera.
Namoota aanaa guduruu keessatti madaahanii hospitaala Amboo keessa ciisanii jiran dhukkubsachiisaa jiran. Kanneen madaahanii hospitaala Amboo keessa ciisanii jiran wayyaanootaan eegamaa jiran keessa:
- Dassalany Guutu –Nama umurii 15 miila isaa irra rukutamee
- Badhaasaa Dhabasaa- Nama umurii 45 laphe irra rukutame
- Ejetaa Fufaa – Nama Umurii 20 miila isaa irra rukutame
- Darajjee Obsaa –Nama umurii 32 harka isaa irra rukutame
- Yadasaa Cimdeessa – Nama umurii 18 mangaagaa isaa irra rukutame
- Tasfu Michille – Nama umurii 30 harka isaa irra rukutame dha.
Onoota (aanaa) horroo shambuu irraa kaasee, abbayyii comman irraa haga guduruutti akka qotee bulaa fi ummanni sibiila hidhate hundi kan hidhannoo qabu akka hiikkatu murtaahee jiraachu isaa keessa beektonni dubbatu.
Waraanni wayyaanee ammoo qonnaan bulaa Oromoo irraa waan akka hamtuu, eeboo fi waan sibiila fakkaatu otoo tokko manatti hin hambisiin walitti qabanii muka isaa irraa gubaa fi sibiila isaa ammoo bakka nama irraa fagoo ta´eetti akka jalaa balleessaa jiran hubatame jira.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|