Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Fincila diddaa gabrummaa

Guraandhala 7, 2006 (Oromiyaa) - FDG Godina Wallaga Baha aanaa Daduu, KomboplchaafiA/Coomntii ta’a jiru itti fufee jira. Kana irra kan ka’es Wayyanoonii gara jabeenyan uumata Oromoo Gidirsaafi ajeesaa jiru.Aanoolee kanatii Samichaa, hidhaafi ajechaan yeroo kam caalaa itti fufee jira. Haluma kanan Guduruu nanoo Watiyoo jedhamtuutii kotee bultoonii oromoo salixaa qotaanii gurgurataanii qarshii mana kawtanii samamuu issanii Beekameera. Warii samamanii keesaas:

1. Obbo Hindhibu Mijano Qarshii 30,000

2.Obboo Jarsoo Lamii Qarshii 45,000

3. Obboo Tolasaa Agatta Qarshii 25,000 Yeroo ta´ani wayyanoonii yerootii samaniis Gatii Dhiga keenyatii jechaa yeroo dubatanii dhaga’amee jira.

Jareen kanas kan samsisee Itti aanaa Ona Kombolcha Jira Abdissaa akka ta’es himama jira. Nannoo kanattii Wayanoonii Jarsolii Oromoo irra Eeboo funanuun "Si dhukuba Jecha" Cinacha Issanii keesaa warana jiru. Loltoonii nannoo sanaa qubataniis hundumtii isaanii Tigirootaa ta’un beekameera. Uummatnii hidhamuus bayachuu irra kan ka’e ganda gandatii hidhama jiru. Gara magalaa Finca’atiis gurra jiru. Warra Horro immo gra guduruutii guranii hidha jiru. Matiin bayeenis ijolee issa bakka hidhameetii hin beeku wan ta’eef garatii barbaduu dhabe boj’a jira. Mana hidha keesatiis halkaniif guyya gara lafina tokko malee dararan hiriyyaa hin qabne irra gahaa jira. Midhanii fi bishanis akka argachaa hin jirre hubatamee jira.

Aanaa A/Coomnitiis Wayyanoonii uumata gidirsuu itti fufanii jiru. Haluma kanan Gafa 4/02/06 nanoo Homii jedhatuutii Barataa kuta Torba kan ta’e Aduunya Abara Baqlaa diree irratii baleessa tokko malee obolesaa issa Ragasaa Abaraa fi Hiriyaasaa Kaba Ragasa wajjin sadii ta´anii osso demanii Wal ga’ii Fincilaaa irra galtuu Jechun loltoota Agazii guyya saafa itti dhokasanii ajeesuu danda’aniiru. Obbolessa issa fi hiriyasaa kan ta’an Ragassaa Abara fi Kaba Ragasaas konkolatoota Warshaa Sukara Finca’a Lakk gabatee 05662 fi 05630 irra rasasa itti dhuka´een gar malee Mada’aniiruu. Bakka kufantiis lafa irra harkisaniiru. Reefaa Adunya Abaraas hin latinuu jechuun uumataa rakisisuun isaaniis hubatameera.

Awaalchii Adunya Abaraa Gafa 6/02/06 hala o’an rawatameera. Barataa kanas kan ajesisee Kitilayoo Wayanee kan ta’efi mieeensaa mana murtii aanaa sanaa nama Firomisaa Kootii jedhamuu ta’uun irra ga’ameera. Yeroo amma kana Uummanii dhiba Shaan ol ta’u mana hidhatii guramee jira. Qotee bulaa fi barattoonnii kun kan guramaniis ganda Digga jedhamtuu fi Homii irratii. Dhukamsanii Dhoksuunis itti fufee jira. Haluuma kanan:

1. Barataa Damaraa Gudataa

2. Barataa Mucaa obbo Balistee

3. Barataa Addisuu Baqalaaa

4. Barataa Irrana Qannoo kan jedhamanii bakka butee isaanii dhabamani jiru.

Yeroo amma kanas lukeewaan wayyanee ona sana loltuu qabatanii badiyya keesaa socho’uun uumataa hisisaa fi ajesisaa jiruu. Kaneen immo mana hidhatii uumatta reeba jiru. Issan kana keesaas:

1.Garamuu Oliqaa fi Firomisaa Kootii garee uummmata gidirsaa Diggaa Yeroo ta´anii

2. Galataa Tulii(dhiyoo kana mani issa kan barbada’ee) fi Moohmood shee Ahemeed Gidirsaa uumata Hoomii ta’anii ramadamaniiruu. Guyya boruu kaasee immo gandoolee hafanittii darbuuf qopha’a akka jiraniis irra ga’ameera. Lukeewaan wayyanee ganda keesa ta’anii uumataa hisisaa fi ajesisaa jiraniis

1. lukee Miganuu Fufaa

2. lukee Abatee Tasamaa.

3. lukee Darajee Olanaa ta’u issanii irra gameera.

Lukeewaan Alamayoo Ragasaa fi Shibiruu Waquma jedhamaniis (warshaa Shukkara Finc’aa irra kan deeme) keessa jiru. Morii kana fashaleesuufis wayyanoonii uumata walitii naquu ha yaluu malee hin milkoofneef. Abaluutuu si himee abaltuu kana si jedhee jedhanii uumatta waltii naqa jiru. Sochii nannoo kana itti barataa fakkatee dhiyeenyaan kan basasaa turee fi ammas kan nama saxilee Barataa Tarikuu Tadasaa yeroo ta’u yeroo amma kan uumanii ajefamuu qaba jedhe wan itti murteeseef dahanoo waayanootanii biyya sana gad lakisee ba’era. Aanadhuma kana keesatii Nanoo Mazorra jedhamtuutii gafa 4/02/06 Barataa Oromoo kan ta’e Habtamuu Goboshoo Mana maatii isaatii fudhatamee Hidhamuu issa beekame jira. Sababnii inni itti hidhamees qindeesaa Fincilaa jedhamuun akka ta´e irra gaameera.

Bartaan kun kanan dura dura ta’a ganda sana kan ta’e Mandaraa Teesoon Ajefamuuf yeroo jedhuutii baqataa ta’e bakka biraa turuunsaas beekameera. Ammas hidhamuu barataa kana keessaa kan harka qabu namtichii kanaa fi Ani Lallabaa wangeelatii jedhee kan ummta sobu Balayii Tafariin akka ta’e dubatama. Namtichaa kanan "Labsaa Wangeelaa osso hin ta’iin Labsituu Odduutii" jedha uummanii. Lukee wayanee Shankooraa Garbaa fi Amsaluu Jibatiis gochuma sanitii fufanii jiru. Tarkanfiin lukee irratii ta’u itti fufee jira. Haluma kanan Mani lukee Namee Galana fi Amsaluu jibatii ganda Alaku jedhamuutii halkan tookootii qabeenya isaanii wajjin barbada’eera.

Gafa 5/02/06 fi 6/02/06 Guduruu aanaa Dadutii Namoonii baratoota fi qotee bultoonii ta’an Oromoo 20 ol ta’an wareegaman. Issan keessaa:

1. Teeshomaa Tadesee

2. Dachsaa Gurmeesaa

3. Mokkoniin Gaysisaa

4. Balaay Tadasaa

5. Badhsaa Tarfaa

6. Jandoo

7. Misganaa Tageeny

8. Balay Waqjira

9. Marfataa Gurmeessa

10. Kaffalaa Taddasaa yeroo ta’ani Tashoomaa Tadasaa Wayyanoota Sadii Lafa naquun dhuma irratti wareegameera.

Warii Hidhamnii:

1. Barsisa Tadasaa Bayyana

2. Durgoo Kicaa

3. Badhaa Dheeresaa

4. Daanyee Abat Nehii

5. Fiqaduu Kaasaa

6. Fantaa Neegeera Jedhamuu.

Falmii kana irratii uumanii ba´een yeroo mada’uu wara gotichaan Tashoomaan ajefamee malee /konkolata wayyanee tokoo nannoo Qanatee jedhamtuutiii Bola qotamee hafaan haguugame keesa butee barbadoteetii. Bolaa kana kan qoteefis uumata yeeroo ta’u hafaan wan ergaa qotamee bodaa hafaan wan haguugameef wayanooni konkolataa isaanii wajjini bola galanii dhumu danda’aniiru. Ammas baratoonii Oromoo warrii hafan bifa addan wal qindeesuun Lukewwan irratii tarkaniifii fadhacha jiru.

Kun osoo jiru gafa 4/02/06 baratoonii Oromoo aanoolee sadii gara 300 ta’an walitii dhufanii Aanaa Jimma Horoo Laga Nashee Jedhamuutii FDG bifaa addan akka caalumatii finsisuuf wadaa walii galaniiruu. Aaanolee kun a/coomam, Jimma Horoo fi Jartee Jardagaa ta’unis beekaneera. Wal ga’ii guyya lama ta’e kana keesatii marii gageefameen baratoonii kun uumataa Oromoo hundaa qabataanii gafii uumataa fi abba biyyuuma qabatanii akka ka’an beeksisaaniruu. Dhumaratiis qotee buulaan keenyii hundii gafiiissa amma debi’utii gibiraa fi gati xa’oo akka hin kanfaklee wamicha dabarsaniiruu.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net