Guraandhala 7, 2006 (Oromiyaa) - Mana hidhaa Qaallitii keessatti hidhamtoota Rakkisaa akka jiran oduun achii ba`e ibse. Torbee darbeen kaasee mana hidhaa keessa rakkon cimaan kan jiru yoo ta`u, mana ciisa hidhamtootaa akka malee sakata`uun, shira bilbila mobila wayyaanonni ofii mana hidhamtotaa kaahuun bilbila kanaan ABO quunnamtu jechuun bilbila kana mana hidhamtootaa argine jechuun hidhamtoota irratti dararaa guddaa akka geessisaa jiran hubatameera.
Sababuma kanaan walqabateen abbaa heerragaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Kan ta`e Obboo Sintaayyoo Warqinaa bakka ciischa isaa keessaa Sibiilli Feerron argame jechuun akka maatii isaatin wal hin agare taasisanii harka isaa hanga ammatti Kaatenan hidhanii kan jiru ta`uu ibsamee jira. Barataa Gaaddisaa Hirphasaa kan jedhamus hanga ammatti Mana dukkanaa keessatti hidhamee akka jiru Maddeen mana hidhaa Qaallitii Gabaasan. Maddeen kun, akka ibsanitti torbanTokkoo as haalli mana hidhaa rakkisaa akka ta`e heeranii Uummata Oromoo qofa otoo hin taane saboota biraa irrattis dararamni cimaan akka raawwatamu himanii jiru.
Haalli kun cimaa waan ta`eef Waldaan Fannoo Diimaa daddaffiin akka qaqabuun lubbuu namoota rakkoo keessa jiranii kana akka dawatu namoota hidhamanii jiranii fi warra dararri irra ga`aa jiru kana akka daawwatun maati fii warren rkkoo kana hubatan gaafataniinii jiru.
Sanbata kaleessaa fii dheengaddaa maatii fii firoota hidhamtoota gaafachuu deeman poolisoonni qabanii Ebeluu eessatti beekta, maal siif ta`a, jedhanii gaafachuu sa`aatii murtaa`ef achuma tursiisanii Waraqaa eenyummaa isaanii irraa fudhatanii akka gadidhiisan namoonni ijaan argan dubbatani.
Injifannon Uummata Oromootif !!
Gadaan Gadaa Blisummaati!!
|