Guraandhala 6, 2006 (Oromiyaa) – Ona Guduruu keessatti fincilaa Uummataan ta'aa jiru irratti gaafa sanbataa 04/02/2006 Araddaa Qanaatee Biyyaa laga handoodee fi Morowwaa jedhamuu irratti dhukaasa Loltuu wayyaanee wliin godhame qonnaan bulaa 20 ol kan ta'uu oggaa wareegaman kana keessaa yeroof reeffi isaanii dirree fi laga keessatti gatamanii kan argaman
Misgaanaa abbaa ijoollee 5
Kaffaalaa Taddasaa abbaa ijoollee 3
Mookee Gayeessaa dargaggeessa
Balayii Waqjiraa Abbaa ijoollee 7
Balayii Taddasaa Abbaa ijoollee 3
Marfataa Gurmeessaa Abbaa ijoollee 7 oggaa ta'anii maqaan yeroof kan hin argamnee kan akka obbolaa lamaani faa wareegamaniiru. warra maqaa ammattii hin gabafamiin hafe fulduratti isinii nan erga. Wayyaanee kessas namoonni ummataan ajjeefaman akka jiru dubbatama. Sababaa kanaan ammallee wayyaaneen humna warra duraatti dabaluuf loltuu konkolaata isa dheera lama kaleessa dilbata magaala komboshaatti naqxeetti.
Magaalaa harar bakka boottee jedhamu keessatti tarkaanfiin diina irratti fudhatamu jabaatee jira, haala kanaan bakka basaastonni wayyaanee walitti qabamanii Oromoo irratti marihachaa bulan keessa bakka lama tarkaanfiin qaama hin beekamneen irratti fudhatameen qabeenyi diinaa barbadaahee jira, Bakki tarkaanfiin kun itti fudhatame
1. Hoteela Adwaa yeroo ta´u kun sa´a halkan keessaa 4:00 barituu jala(10:00 ALH)
2. Mana nyaataa kitfoo Gannat sa´a halkan keessaa 4:30 barituu jala(10:30) irratti fudhatameen dha.
Basaastotaa fi lukkeeleen wayyaanee yoo gochaa diinummaa Oromoo irratti duuluu hin dhaabdan ta´e tarkaanfiin fakkaataa kan itti fufu ta´uu qaamni kun akeekkachiisa!
Fincilli diddaa gabrummaa guyyaa 4-2-2006 magaalaa awwadaay keessatti gaggeefamee jira. ummanni magaalaa Aawwadaayi fii baadiyyoota naannoo isii akkasumaas barattoota universitii haroomaayaa waliin tahuudhaan diddaa wayyaaneef qaban dhaadannoo adda addaa dhageessisudhaan agarsiisanii jiran. dhaaddannoolee isaan dhageessisaa turan keessaa wayyaaneen nu hin bulchitu,ABOn dhaaba keeya , WBOn gaacheena keenya ,ABO malee OPDO ergamtuu hin beeynu, minaaseen nu hin bulchu jechuudhaan sagalee ol kaasanii tokkummaan magaalaa Aawwadaay keessa naanna'udhaan diinaa isaanii agarsiisanii jiran. fincila kana irratti halluu alaabaa ABO wantoota adda addaa irratti faayuudhaa matatti fi faaya harka irraatti tolfachuudhaan ol kaasanii agarsiisaa ABO farsaa turaniiru.hawaasni naannoo saniitiis yemmuu faruu ABO faarsan kana dhagahan ABOn nuu dhufte jechuudhaan ililbeen dachii sossoosanii turan.
Bulchiinsi magaalaa tanaa fincilaatu nutti ka'a ja'anii sodaachuudhaan agarsiisa muziqaa artiisti kadiir martuu fi Geetaachoo H/maariyaam kan guyyaa kanattii ballamamee ture waan dhorkaniif, fincilli kun daran jabaachuu danda'e.
fincila kana dhaamsuudhaaf jecha poolisoonni fi lukkeeleen tikaa wayyaanee ummataa fi barattoota uleen tumuudhaan makiinaa tikaa wayyaanee afuriittii fi'udhaan gara mana hidhaa poolisii goodina harargee bahaa kan magaalaa Hararitti aragamuu fi mana hidhaa poolisii magaalaa Aawwadaayitti guranii jiran. barattoota hidhaman keessaa kan umriin isaanii wagaa 12 gadii keessatti argamu.
namoota hidhaman keessaa kan armaan gadii keessatti argamu.
1 sulee Adam Yuuyyee
2 Ahmad Alii
3 Abdulaziiz Sheekoo
4 bBahar Sheekoo
5 Farhaan Bakrii sadafii shugguxiitiin mataa keessa rukutamee jira
6 Faamii Sa'idee
7 Abbeeraa( Jawhaar Haji Mahaammad)
8 Ibsaa Abdullaahi
9 Fandishee Mahammad
10 Ayyuubee Bakar
11Saabix Abdurahmaan
12 Ayyuub Abdullee----barataa univarsitii haroomaayaa dippartimantii managimantii waggaa 2ffaa
13, Hassan Mahaammad Yuussuf
14 Rudwwan Naasir
15Caalaa Mahammad Usmaan--- harka isaa cabsanii jiran
16 Mahammad Yuussuf
17 Ibsaa Yussuf
18 Jamaal Yuussuf Aadam
19 Aarifee Mahaammad
20 Mahaammad Saafii Bushraa
21 kadiir Aliyyii
kanneen magaalaa harar keessatti hidhaman keessaa ijoollee waggaa 12 gadii keesssaa guuruun mana hidhaa Aawwadaayitti dabarsanii jiran. Lukkeeleen wayyaanee kanneen ijjoollee tumsiisuu fi hiisisuu irratti hirmmaatan matoottiin kanneen armaan gadiiti.
1. saabix amiin ( itti aanaa abbaa araddaa zoonii 7 magaalaa Aawwadaay) .shuuguuxii sadafiin mataa keessa ijoollee tumee jira. ammaan duraas hojjattoota tikaa wayyaanee waliin tahuudhaan shira adda addaa ummata irratti xaxaa tureera.
2. balaaynash- miseensa polisii
3. obboo jimma ---nama jedhamu.
4. obboo siisaay ( miseensa polisii)
5 . ahimad umaree-- bakka ijoolleen itti hidhamte dhaquudhaan mee ABOn san dhuftee isin haa baaftu. jedhee iitti qoosee jira. ijjoolee qabsiisuu keessahis harka ni qaba .yeroo adda addaaattis ummata basaasuudhaan diinaa gabaasaa jira.
Bassasoonni kun gocha farrumaa kan itti jiran kana irraa yoo dhaabbachuu baatan tarkaanfii maayyii kan isin irratti fudhatamtuuf itti gaafatamaan mataa keessan tahuu akka beeytan, jechuudhaan sabboontoonni fi WBOn akkeekkachiisee jira.
-