Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Odeessa Fincila Diddaa Gabrummaa Oromiyaa naannoo adda addaa

Guraandhala 5, 2006 (Oromiyaa)

Kibba Oromiyaa,Shaashamannee fi Kuyaraa

Naannoo Shaashamaannee fi Kuyaraa irraa nu gaheen Uummatni Oromoo FDG bal'inaan gaggeessaa jiru keessatti sababa ittiin uummata dararan uummachuuf Lukkeewwanii fi diinota Oromoo keessatti of ijaaran tarkaanfii ofumaa qabeenya Oromoo irraa saamanii horatan irratti buusaa jiraachuun beekame.

Haala kanaan Qabeenya Barreessaa Waldaa Misooma Tigiraay Shaashamaannee kan ta'e ilmaan Tigiree Gebire Medin Welduu irratti tarkaanfii qaama hin beekamneen 02/03/2006 fudhatameen qabeenyaan hangi isaa hin beekamne hedduun barbadaahee jira.

Sababa kanaan ABOtu akkas godhe jechuun uummata Oromoo naannoo magaalaa lameen kanaa hidhaatti guuraa akka jiranis beekamee jira. Uummanni ammoo nuyi keessaa hin qabnu,waan beeknu hin qabnu,qabeenya kana duraanuu kan bakakkaan itti beekee jiru Tigirootni ofii boombii irratti dhukaasuun qabata ittiin ilmaan oromoo dararan shira qindeeffatani dha jedhee faccisataa jira.

Gara biraan lukkeewwan ilmaan Tigiree waliin ilmaan Oromoo rakkisaa jiran irratti tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka fudhatamu sabboontotni naannoo kanaa hubachiisanillee gochaa farra QBO itti waan fufaniif irra deebi'anii akeekkachiisanii jiru!

Harargee

Gaafa 02/04/06 Magaalaa Awwadaayitti fincilli diddaa gabrummaa barattootaa fii ummata oromootiin gaggeeffame. Akka kanaan ganama jalqabamee daandii magaalaa keessatti dhaadannoolee ABO faarsu qabchuun wayyaanee fii jala deemtuu isii balaaleeffachuun ifatti yaada isaanii yeroo ibsatan,wayyaaneen humna waraana fadaraalaa poolisii godhuun magaalaa Hararii fii naannoo biroo irraa dirmachiisuun barattoota hanga tokko qaqqabdee hiite.

wayyaaneen Oromoota ona Doobbaa hidhannoo qaban hiikkachiisuuf itti bobbaateeti jirti,garuu ummanni dhumneeti dabarra malee hidhannoo keenya hin hiikkannu jechuun dura dhaabbachaa jiran.

Gaafa 02/03/06 halkan magaalaa Cirootti itti gaafatamaa ijaarasa dandeeytii Geetaachoo kan jedhamu tarkaanfiin irratti fudhatamuun ajjeefame.

Wallo

wayyaaneen ummata oromoo gara isii danda'ame hundaan akka miidhaa jirtu barame.

akka kanaan lafa Afar keessatti bakka Elda'ar jedhamtutti koroneel Goobanaa kan jedhamu achitti ramaduun ummata oromoo naannoo baatee fii kamisee irraa dhufan achitti qabee isin ABO jechuun akka rakksaa jiru ummanni iyyachaa jiran.

Finfinnee

Finfinnee keessatti Qondaaloonni waraana wayyaanee kan Abbaa Duulaatii durfamu walgahii godhaachaa kan jiran galma Caffee Oromiyaa keessa itti fufaniiti jiran,

wal gahii kana warri angoon isaanii shaanbal tahanillee irraa qooda hin fudhatan jedhame. wal gahii tana kan gubbaarra toohachaa jiru Maallas akka tahees ni odeeffama.

Wallagga Lixaa

OPDOn maxxannee Wayyaanee caasaa jaarmiyaan otoo hin taane caasaa dhuunfaa nam-tokkeen akka gaggeeffamtu ragaaleen mirkaneessan keessaa  waldhabdeen caasaa Junaddiin Godina Wallaggaa Lixaa irra diriirsee ture diiguun caasaa haaraa ijaarrataa jiraachuun Minaasee Waldagoorgis saaxilee jira!

Haala kanaan hoggantoota amanamoo OPDO ta'uun bakkoota adda addaatti Oromoo dararaa turan Minaaseen bakkarraa kaasuun jijjiiraa kaan hojiirraa dhaabuuf akka xalayaan qophaahee rabsamuuf jiru keessa beektotni saaxilanii jiru. Isaanis:

1.I/G Qajeelcha  Poolisaa Godina Wallagga Lixaa kan ture Komaander Darajjeen aangoo irraa gad butamee Jimmatti Qorataa Yakkaa ta'uun ramadamuun xalayaa qophaaheefii irraa hubatameera.

2.I/G Qajeelcha Daldalaa fi Geejibaa ta'uuf  kan ture Mulaatuu Haayilee Godina haaraa Sayyootti I/G Godinaa taassisuun Aaanaa Sayyootti ergameera.

I/G Waajjira OPDO fi I/A bulchiinsa Godina Wallaggaa Lixaa kan ture Mokonnon Fufaa hojiirraa kaasamee otoo hin ramadamiin jira.

3.I/G Qajeelcha Manneen Barnootaa Godina Wallaggaa Lixaa kan ture Waaqjiraa Tarfaasaa hojiirraa kaasamee otoo hin ramadamiin jira.

4.Bulchiinsa Godina Wallagga Lixaa Takilee Dheeressaa  hojiirraa kaasamee hin ramadamiin jira.

5.I/G Qajeelcha Daldalaa fi Geejibaa kan ture Taarreqeny Qana'aa hojiirraa kaasamee jira.

Jarreen Godinaa fi Caffee/Minaasee gidduutti adda addummaan uumame caasaa isaaf aanjahu haareffachuu irratti malee Uummata Oromoof yoo hammaate malee jijjiirraa tokko akka hin qabne keessa beektotni saaxilaniiru!!

Gama biraan naannoo Gambeellaa,Beegii fi bakkoota adda addaatti maqaa WBO adamsinaatti waraana konkolaataa hedduu uummatarratti guuranii bobbaasaa jiraachuun wayyaanotaa hubatamee jira.

IUOf

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net