Bitooteessa 2, 2006 (Oromiyaa) - Guyyaa guraandhala 30-2006 mani baruusaa sadarkaa lammafaa Finfinnee keessa jiran hundi jechuun ni danda`amaa Fincila dhageessisaa oolan, keessumaayyuu XiqurAnbasaa, Dilaachin, Addis Katamaa, Manan, Kokaba Tsibaa, warra kana keessatti Rakkoo cimaatu ture sababa kanaan poolisoonni gara itti gortu dhabdee rakkachaa oolun hubatame.
G/L/Shawaa Ambottisi fincilli kan itti fufee jiru yoo ta`u Edda Wiixata darbeetii Baratoonni Qabaman akka malee reebamaa akka jiran namoonni ijaan argan himan. Kaleessa Mana baruumsaa keessa Fincilli cimaan kan ture yoo ta`u barsiisaa Afaan oromoo kan ta`e, fii baratoota kan reebsisaa jiru , kan hiisisaa jiru, Amma muudamee gara Bulchiinsatti ta`itaan kan kennameef Barsiisaa Dirribsaa Fayyisaa kan jedhamu Qabeenya mana baruumsaa deebisuu yoo inni dhufu baratoonni Itti yaa`anii akka malee reebamuun beekameera.
Baratoonni Amboo edda wixata darbeetii hanga ammaatti reebamaa waan jiraniif Waldaan fannoo Diimaa fi mirga dhala namaaf falman marti akka itti deemanii gaafatan sabboontonni Oromoo iyyatani jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|