Bitooteessa 1, 2006 (Oromiyaa) Lammiin Oromoo kumaatamaan lakkaahaman Sadasa 9 asiitti harka wayyannee galanii jiran keessaa kanneen mana hidhaa wayyaanee Maakalaawwi keessatti dararamaa jiranif sabboononni Oromoo giddu galeessa Oromiyaa jiran dhaamsa armaan gadii dhaammatu:
Mootummaan fashistii wayyaanee fakkeessaa diinummaa fi gargaarsa biyyootii dhiyaa irraa argatuf jecha sabboonota Oromoo mana murtiitti deddeebisuuf haa dirqamu malee sabboononni mana murtii 1ffaa dhaddachi Araadaa erga yeroo dheeraaf baallamaan deddeebsee ture boodda ragaa irraatti waan dhabeef mirga wabiin akka hiikaman manni murtii dabarsuyyu Wyyaaneen, poolisini Federaalaa yoo isin asii gad-lakkifamtan fincila ummataatti makamtu, isin ragaa sinirratti dhabnuyyuu harka lafa jalaan ABOf hojjetaa jirtu, kanaaf asumatti sin tortorsina jechuun Mirga Wabii manumti murtii isaanii hayyame cabsuun lammii Oromoo hedduu Oromiyaa irraa uukkamsaman gidirsaa jiru.
Kanaaf, lammiin Oromoo marti biyya alaa fi keessa jirtan dhimma kana mootummoota dhiyaatti hubachiisuu, dhaabbileen mirga dhala namaaf falmanif hubachiisuun seeran ala yakka tokko malee sabbonoonni Oromoo mana hidhaatti hiraarfaman hubachiisuun wayyaaneen hawwannoo biyya alaa irraa qabdu irraa kutuuf gargaarsa dinagdee argattu irraa dhaabsisuuf akka biyyittiin nagaa hin arganne gama dandahameen irratti duuluun caasaa mootummaa diiguu irratti hojjennu yeroon itti jajjabaannee hojjennu amma jedhu!
Namoonni ajaja mana murtiin ala dhoksaaf ifatti hidhamanii jiran kumootaan lakkaahaman yakka tokko malee Oromiyaa mara keessatti hihdaman jiran akka mana murtiitti dhiyaatanii hatattaamman gad lakkifaman Oroomoon addunyaa mara irra jiru jabinaan soch`ee mirga sabummaan qabnu nuuf kabajamun mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoo mirkanaahu yeroon jabaannee itti hojjennu amma!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|