Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila Diddaa Gabrummaa

Guraandhala 23, 2006 (Oromiyaa) – Gaafa 2/18/2006 magaala shashamanneetti eebbaa godiinaafi godhamee irratti eebbaaf ka`aanii maanguddoonnii Oromoo minasee afoo dhaabbatanii diinni haa buqqa`uu, Oromoon ha bilisoomuu, jechudhaan diina irratti kadhaa geggesaani jiruu.

Maqaa moggaasaa zoonii irtratti Damisee shittootiif dureyyoonni habashootaa Gadab langaanoo hat`uu yoo jedhan ummannii Oromoo arssii nuuf ta`u qabaa jechuudhaan waltajjii dhiitanii ba`uuf ka`an. Mormiin ummata Oromoo itti cimuu hubatanii maqaa Zonii arsii lixaa jechuu dhaan mirkanesan. Ummanni Oromoo ammas arssii kibbaa ta`u kan qabuu arsii lixaa jechuudhaan nu jalaa miciiraan jedhani jiruu.

Godinaa  arssii llixaa onaa kofaalee ganddaa qonnaan bulaa tulluu irratti ol gahii guyyaaa 12f karoorfame ummaannii opdo irrattii mormii godhaan guyaaa 5 qofaattii adaan bittina`eraa.

Godiinaa arssii lixaa magalaa shashamanee irattii barsiisonnii olga`ii isaanii irratti Nafxanyaan malii jechuu dhaan gaafii opdottii dhiyeessan.opdon immoo wrraa qawwee dhaan naqmaa bulchuu jedhaan deebii irratti. Barsiisoonni Oromoo isiniif nafxanyaan GARAGARUUMMA HINQABDAAN, NAFXXANYAA DURAAF NAFXXANYAA HAARAA YOO JENNE MALEE JECHUUDHAAN QAANEESANII JIRUU. haaluumaa kanaan qubee gurguddan bareesaanii
ABON galuu malee furmaanii braanni biraan hin jiruu jechu dhan waraqaa opdotaaf kayaan.

Haaluma kanaan hasuumaa magala shashamanneettii barattootaa kutaa 5-10 Guraandhalaa 16 galmaa aadaa magaalaa shashamanneetti waliittii  qabanii doorsisuu yalaniis baratoonii
mormaanii wal gahii dhiitaanii bahuu dhan harkaa fashaleesanii JIRUU. kan isaan barattootaan jedhaan yoo kuftaniis qormaataa biyaaleessa wagga 5ffaa irra deebiituu, miseensaa keenyaa ta`a, farrootaas ummataa hin deegeriinaa jechuudhaan dorsiisan. Baratoonii Oromootiif kan habashootaa illee isin hin deegeeruu, farreen ummataa isiin jechuudhan walgahii dhiitanii
ba`aanii jiruu.

Naannoo kibaatti ummannii sidaamaa naannoo gafachuudhaaf gara muumichaa ministeeraatti deemee. Muumiichii minisiteerraa dhufeen deebii isniif keenna deemmaa jedhee. magaalaa  awaasaattii guraanndhaalaa 14 mallas huffata aadaa sidaamaa huffate doorsisuu yaalee. isiin namaa baratee hin qabdaan, ofduubaa waan jirtaaniif misoomaa isiniif wayyaa jeedhee debiseef.
ummaannii sidaamaa jechaa kanaa haruudhaaan ummaannii kenyaa ba`eer bosoonaa jirraa, hammas taanaan manaatti hin deebinuu; hammaa deebii sirrii argatuuttii jeechuudhaan gariin isaanii olgahii dhitanii ba`anii jiru.

Isaanuuma ta`e warraa isaan gurguraataa jiruu ittii anaa kibbaa kan ta`ee Mallas mariiboo, ayyanoo badhaasoo, dasiita lidamoo, tafarra lanqamoo, warooniin kun yoo kanaa irraa hin deebiine ta`ee dursee tankaarfii isaanii irratti akka fudhatuu ummannii sidaamaa anaa AWAASA AKEEKKAACHIISERAA.

**********

Guyyaa 12/06/98 A.L.Htti galgala keessaa sa’a 7:30 irratti kanaan dura Uummata Oromoo diinaaf  dabarsee laachaa kan ture obb. Waaqumaa Tuksii kan jedhamu akeekkachiisa itti kenname fudhachuu waan didee fi gocchaa isaa  daran cimsee waan itti fufeef  qabsaa’onni  Godina shawaa dhihaa aanaa Xuqur hinccinni ganda Hincinni jedhamu keesatti manneen ijaarramanii jiran kan maqaan isaanii Falmataa roorroo jedhaman qabsoon uummata Oromoo nama kanaan daanga’ee hafuu irra tarkaanfiin barbaachissaa ta’e nama kana irratti fudhatamuu qaba jedhee waan amaneef qabeenyaa isaa kan ta’e mana baaburaa barbadeessuf ibidda itti qabsiisanii otoo isa immoo qaaman eeggachaa jiranii diina akka isaa kan ta’e obb. Bayeeraa kan jedhaman waan dirmataniif isa argachuun afee manni isaa duwwaan gubatee jira

********

Mootummaan Wayyaanee wallagga lixa Naannoo Gimbiitti kanaan dura sabboontota Oromoo balleessaa tokko malee jimlaan mana hidhaatti guuruun ni yaadatama. Kanneen hidhaman kanarratti basaastota ,hidhataa gandaa fi namoota caasaa OPDO keessa jiran walitti funaanuun ragaa mana murtii irratti baassisuuf namoota 39 qopheeffatee jira.

Uummata Oromoo balleessaa malee kijibaan irratti ragaa baassisuuf beellama mana murtii bakka qopheeffatanitti sobaan dhugaa baatota kanneen keessaa hidhataa gandaa Ali Ahmad kan jedhamu irratti Gaafa 13/02/2006 tarkaanfiin keessa deebii hin qabne fudhatamuun dhabamsiifamee jira. Kunis kan ta'e kanneen sobaan dhugaa bahuuf qophaahan akka badii Ali kanarraa baratanii gochaa farra QBO irraa akka dhaabbatanii fi ta'uu baannaan jarreen kanas turtus bultus akka tarkaanfiin akkasii eeggattu akeekkachiisaniiru.

Akkuma naannoolee Oromiyaa biroo barsiisota M/B sadarkaa 2ffaa Gimbii wayyaanonni walgahii gaggeessaa turanii gaaffiwwanii fi mormiilee wayyaanota mataa naannessuu fi QBO kan faarfatu kaasuun yaalii dhuma walgahichaatti miseensa godhachuu harkatti diduun “nuyi gaaffii fi rakkoo oromoo otoo arginuu miseensa mootummaa baduuf deemuu kanatti miseensa hin taanu “ jedhanii jiru.

Erga walgahii barsiisotaa kana xumuraniin booda barattoota Mana Barumsaa Sad.Olaanaa Gimbii fi M/B Biiftuus walgeessisanii barsiisuuf yaaliin godhames mormii barattoota Oromoon fashalee jira. Barattootnis gaaffiin keenyi otoo hin deebi'iin hin barannu jechuun harkatti didanii fashalsanii jiru.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net