Guraandhala 21, 2006 (Oromiyaa) - Godinaa I/A/Booraa anaa Gachii baraaga ganda qonnaan bulaa jisaa kesaati karaa gabati irratti alabba ABO faanisuun ummanni gabaa ya’e arigee gamadee jira. Afuraa bafachu fi jennaa yaa rabbi jadhani jiru. Sababba kanaan buliichinsi ganda Jisoo Adam Mahammad ABOn caakkaa kenyaati galee waan jiruuf qabenyaa kessaan egadha. Yeroon gabaa keessaa demaa galaa yammu jadhan ummanni kuniis ABOn qaama keenyaa sobdaani nu hin sodachisinaa inni nunyaatu nufi nyaata jachuun dinqisiifachaa olaani jiru.
Achumaa Anaa Gaachii keessaa buliinsa ganda Qoree bulaa Marii qofaa Zakirii Haj/Abdulii qodhetti gafaa 5/6/98 ALH waraname Bedelletti yalaama ture, amaa Hosipitalaa Jimmaati yalamaa jira. Anaa Gaachii dhuma kana ganda Bukoo Keessaati Erigamaa wayyane kaliifaa Mahammaad jalaa midhaan xafii tulaa (Lamaa) gubatee jira. Buliicha ganda Seqaa jalaa gaaffa 3/6/98 ALH manni jirenyaa 2 (Lama) gubatee jira.inaa
********
Wayyaaneen mi'a waraanaa karaa buufata doonii kan jabuutiitiin galfachuu itti fufteeti jirti. Akka kanaan gaafa 2/20/06 konkolaattoota waraanaa gara 30 ol kan tahaniin mi'a waraanaa fe'achaa oolte. Akka fakeenyaatti warra lakkoofsa gabatee isaanii qabame keessaa: 00031, 00070 fii 07020 kan tahanii dha. kan ummanni biyya keessaa beelaan dhumaa jiran wayyaaneen mi'a lolaa bitachuun kan nama hunda warra ollootaallee gaddisiisaa jiru tahuu barame.
Wayyaaneen haala amma godhaa jirtu kana akka mootummaan jabuutii dura hin dhaabbanneef, ministeera itoophiyaa kan tahe Ambasador Mahammuud Diriir kan jedhamu dhalootaan iissaa tahe gaafa 2/20/06 gara jabuutiitti ergitee jirti. Toftaa dhaaf waa'ee guddina afaan Soomaalee fi Afarii kan jedhamu irratti qooda fudhachuu fiin dhufe jedheeti ibsa kenne. Namtichi kuni yeroo ammaatti harka mirgaa Mallas tahuun isaa beekkamaa dha.
Namtichi kun ummata Oromoo fi Issaa walitti naquu kan jiruu godhate dha. Ammallee akkaataa yoo mootummaan wayyaanee tun kuftees ummanni iissaa lafoota Oromoo itti qooddachuu danda'an godhuuf mootummaan jabuutii qooda isii irraa eeggamu hunda akka baatu irratti marihachuuf jedhama.
*******
Naannoo haramaayaatti dabballoonni Wayyaanee barattoota Oromoo high school baratan gaafa 2/19/2006 humnaan guurtee wal gahii jettee mana sinimaa magaalaa haramaayaatti yeroo walitti qabdu, barattoonni odoo dabballoonni wayyaanee haasawa hin jalqabin dursanii eega walgahii jettanii nu yaamtan mee barattoota qabsoo bilisummaa oromootiif wareegamaniif yaadannoo daqiiqaa tokkoo gamtaan ol kaanee haa yaadannoo jedhanii yeroo ol ka'an, dabballoonniis waliin ka'anii dhaabbatanii eega xumuratan booda, barattoonni wal tajjii ufumaaf fudhatani gaafiilee qapxii 11 qabdu itti dhiheessanii yeroo gaafatan warri dabbalootaa nuti ufiifu walii hin gallu maal deebisaa isinii laanna waan jedhaa nuun jedhan qofa namatti himna malee jedhanii qaanfatanii odoo nageettillee hin jedhin tokko tokkoon gadi bahanii wal gahii dhiisanii badani jiru. Sana booda barattoonni walgahii ufii godhatanii gadi bahanii Alaabaa OPDO fii tan Fadraalaa buusanii gubanii miilaaniis irra deemanii ABO faarsaa dhaadannoo Oromiyaan ni bilisoomti dhiiga ilmaan isiitiin jechaa dhiichisaa oolan.
*********
Wayyaaneen ufumaa waa tolchitee ummata ittiin miidhuuf magaalaa Finfinnee akka shoorarkeessaa jirtu gabaafame. Akka kanaan gandoota Gullallee, Biyaasaa, kiloo 4 fii Holotaa namaa fii konkolaattoota dhaabdee akka sakatta'aa jirtu himama. Kana keessa kiisha namaa harka kaayuun saantiima kiisha namaa keessaa jirullee fudhachaa akka jirtu gabaafame.
*********
Kaffaaloo Taaddasaa: Goota goota caalu loltuu wayyaanee waliin falmii cimaa taasisee diina ajjeesee boodarra wareegame. Ganama diina waliin walitti dhukaasaa erga turaniin duuba Rasaasa diinaan madaahe.Osoo nadhukkube hin jedhiin madaa isaa qabatee qawwee fi pisitoola fura keessa dhokisuun akka nama du'eetti maratee ciise. Diinnis bira gahuun lubbuun jiraachuusaa erga mirikaneeffattee dararisitee ajjeesuuf jecha saanijaan waraanuu eegalite. Battalumatti Ummanni irra goruun gooticha Oromoo kana diina harikaa baasuun lubbuun osoo jiruu waliqariqaarisaan gara mana yaalaatti adeemuu fufe.
Kaffaaloonsi garaanisaa sabbataani hidhamee afaaniin garuu kaayyoo baaneefii isni galmaan gahaa ani gahee kiyya gumaacheera jechaa ture. Garuu akka tasaa wayyaaneen konkolaataa ti fe’emtee osoo gara Qanaatee deemaa jirituu karaarratti itti dhuhfite. Ammas lola itti banameen kaffaaloon lubbuun isaa bahuuf dirqii itti taate. Innis saree akkakeetu nanyaate atis ana badduubaasi jedhee gootummaani itti dubbate. Erga ammalleen saanijaan waraanameen booda lubbuun isaas boqonnaa isa xumuraaf isaan adda baate.
2. Misigaanaa Beenyaa.
3. Misigaanaa Taganyee.
4. Balaayi Waaqjiraa.
5. Mokonnoon Ga'eessaa (jaarisa gudaa)
6. Balaayi Taaddasaa (diina sadii ajjeesee kan wareegame.)
7. Janidoo Boodanaa.
8. Xaasoo Wiirituu.
9. Daachaasaa Gurimeessaa.
10. Mootummaa Tariffaa(Daduu)
11. Mirreessa Lamuu (Waatiyyoo keessatti lama ajjeesee wareegame)
12. Barataa Haayilee Dastaa( dhalataa guduruu kutaa 11 M/B fincaahaatti lolituu poolisii Tasifaayee Abboomaan ajjeefame)
Gama biraan ammoo wayyaanonni dubartii Oromoo abbaan manaa keessan bosona seene jechuun mana hidhaatti guurani loltoota 10-15 tahaniin Daduu fi Waatiyyootti gudeeddiin isaan irratti raawwatamee jira. Barattoota dubiraa Shaashee Guddisaa, Marisanii Laggasaa, Yaadashii fi kaan sadii maqaa hin argannes mana hidhaatti naqani jiru.
Basaasitota wayyaanee Ummata isaanii irratti murtii du'aa dabarisaa jiran hundi maqaan nu qaqabe jira. Jarreen kun yoo gochaa isaanii kana irraa deebihuu baatan tarkaanfii irratti fudhatamuuf gaafatamaan mataa isaaniiti.
Injifannoon Ummaa Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|