Guraandha 19, 2006 (Oromiyaa) – Guraandaha 16-17, 20006 wayyaaneen karaa buufata jabuutiitiin halkan eega namni karaarraa adda gale mi'a waraanaa galfattee konkolaattota isii kan waraanaatiin gurrachaa turte, akka himamutti mi'a kana irra caalaa karaa tigraayitti akka dabrsaa jirtuudha.
Kaaba
Waraanni wayyaanee kan naannoo Buree jiru kanaan dura warra Oromoota tahan akka qaqqabee hidhe gabaasuun keenya ni yaadatama, Oromoota hidhan sun keessaa Kabbadee Daadhii kan jedhumu murtii umriin si haa baastu jedhamu itti murteesanii warra kaan waggaa sadihirraa hanga waggaa saddeettii itti murteessani jiran. Haala kanarraa waraanni dhalootaan Oromoo tahan akka gadoodaa jiran gabaafame.
Harargee
Cirotti Wayyaanoonni akkuma naannoota birootti barsiisota Oromoo walitti qabuun isintu barattoota fincilaaf kakaase yeroo ittiin jedhan, barsiisoonni nuti barnoota barsiifna malee fincila hin barsiifnu, haa ta'uu eega walitti nu qabdan nuti gaafii isirraa qabna, isiiniis warra ummanni hin filatin sobaan ummataatu filate jettanii waan mana mariitti galchitaniif warra ummata ajjeesaa bahee fi saamaa bahe hunda akka naannoo irraa filamanitti deebiftanii mana seeraatti nuu dhiheessitan isin gaafanna jechuun yaada isaan silaa yaamaniif garanitti duraa deebisanii walii galtee tokkon maletti akka walgahiin fashale jira.
Godina Kibba lixa shawaa Aanaa Ammayyaa ganda qotee bulaa Somboo Wiildhaa keessatti sanbata duraa darbe 4/6/1998 ALH mana qabeenya jaladeemtoota Wayyaanee irratti tarkaanfin fudhatame. Nama Gaaddisaa Bultii jedhamuu mana saafii midhaa isaa ibiddaan yoo barbadaa`u nama toleeraa Gabbisaa jedhamu Midhaan isa barbadaa`un barame. Namoonni kun guyyaa ayyaana cuubbaa OPDOn qarshii laataniifii Ummata keessatti ABO akka abaaranii fi akka balaaleeffatan ka taasisan yoo ta`u, uummanni Xaa`oo akka dirqaman kanfalu dirqisiisaas jiru.
Karaa biraa ammoo Wallaga keessatti tarkaanfii mana Lukeewwan Wayyaanee irratti Fudhatame Biyya keessaa Filatamanii akka dhaqanii daawwatan taasifamani jiru. Achii deebi`uun ABOn mana namaa guba nama ajeesa jedhanii waltajii argatan irratti dubbachaa turan. Sababa kanaan kal waqabate baratoota 4 yeerof kan maqaan isaanii hin baramne shakkiidhan kan hidhan yoo ta`u baratoonni kun Miseensa KOB wanta`aniifii yeeroo filannoo uummata waan kakaasaa kan turanii dha.
Tarkaanfin kun bassasstota, warra nama hiisisan, ajjeessisan fi maqaa balleessan irratti kan itti fufu ta`uu sabbootonni tokko tokko dhaaman. Keessumaayyuu basaastonnii fi jala deemtota wayyaanee kan Waliso Diilallaa, Tullu Boolloo keessa jiran kan qabsoo ABO irratti gufuu ta`uu barbaadan irraatti tarkanfin kun cimee kan itti fufu ta`uun barame.
Yeeroo darbe Godinuma kana keessatti Aanaa bBchoo mana baruumsa Hibrat Firee sadarka lammafaa keessatti jequmsa kaaftan sababa jedhuun baratoota hedu kan hidhan yoo ta`u , Barataa Abbabaa Baqaanaa fi barataa Zarihuun Kaasahuun kan jedhama hanga ammaatti gara buusan kan hin beekkamne yoo ta`u Naata`aa Abdoo Shimallis Tasfaayee, Alamuu Baayyisaa kan jedhaman Qajeelcha poolisii Aanaa Bachoo keessatti dararamaa akka jiran keessa beektonni dubatan. Hidhamtoonni kun mirga Wabii dhaawwachun Achuma “Xaabiyaa” sana keessa akka turan taasifamanii jiru. Gochi kun immoo caalatti fincilaaf nama kakkaasa malee nu hin sodaachisu jechuun baratoonni achii dubatan. Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|