Guraandhala 16, 2006 (Oromiyaa) - Gaafa guyyaa 15/02/2006 magaalaa jimmaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Jireen keessatti walgayiin Dabballootaa fi Barsiisota gidduutti adeemsifamaa oole milkaahuu hin dandeenye.
Akka kanaan gaaffiin barsiisota irraa dhiyaatu kana fakkaata. Gochaan Nafxanyootaa fi OPDO garaa garummaan isaa maalii ? Akkuma hardha Goobanaa Daacee gochaa isaatiin seenaan isa yaadatu boris OPDO seenaan Oromoo bifa kanaa oliin akka isa yaadatu ammuma irraa sirriitti hubatee beekuu qaba; ittiin jedhaniiru. Dabalatas fincilli diddaa gabnrummaa barattoonni fi Ummanni Oromoo adeemsisaa jiru OPDOn halkanii fi guyyaa abaara; haata’u malee garuu, fincillii adeemsifamaa jiru akka Oromootti miseensota OPDO kan sabboonsee mooraa qabsoo Oromoo isa dhugaatti deebisu malee kan isan faallaa Oromoo dhaabbatanii Oromoo irratti miidhaa geessisuu ta´uu hin qabu. Ta´uu baannaan OPDOn amanamaa ilmaan Tigray malee Oromoof homaa ta´uu hin dandahu. OPDO umuurii isaa kan hardhaan gahe qabsoo Oromoon ilmaan dhiiga isaanii wareeganiin akka ta’e eenyunuu tolchee beekas ittiin jedhani jiru.
Otoo ilmaan Oromoo dhiiga isaanii dhanglaasanii kaayyoo Oromoo hin tiksinee Tigreenu sababa OPDO barbadduuf hin qabdu, kaleessa akka waan gatii hin qabneetti tuffachaa turte sababaa Oromoon jabaateef ittiin Oromoo gadi qabuuf OPDO jabeessina jechuun ishees Oromoon irraa waa ilaallachuu qaba jedhaniiru. Akkuma walii galaatti walgayiin barsiisotaa fi dabballoota wayyaanee gidduutti adeemsifamaa jiru goonkumaa kan bu’aa hin qabne ta’uu isaa dabballoonni mataan isaanii sirriitti hubataniiru.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|