Guraandhala 12, 2006 (Oromiyaa) - Aduun baaatee dhihuun, kan dukkanahee bariihuun seeruma uumamaati. Dhalli namaa kophee ajaahaa gabroomfataa jalatti gad jedhee gabrummaa salgiitti baatee jiraachuun seera uumamaas kennaa Rabbiis miti. Hunda caalaa aammoo gabrummaa dorgommii hin qaqbne keessatti kufee kan jiru sabni Oromoo qaanii fi salphina haguuggatee kunoo har’a jaarraa tokkoo fi walakkaa oli jiraateera.
Tahus Oromoon waggoota kana mara amen jechuun taa’ee hin beeku. Ilmaan qaqqaali tahan Bililsummaa Oromiyaaf jecha lubbuu isaanii qaalii dabarsaanii kennaniiiru. Qabsoon Oromoo gootota Oromoo danuu wareegama haqaa dorgommii hin qabne kaffalaniin dhalootaa dhalootatti darbaa dhufee bakka amma jiruu fi dhaloota har’aa bira gahee jira. Dhaloonni ammaas gabrummaa ilmaan habashaan nutti marxifte akka nurra darbee dhaloota dhufuuf dhaala hin taane bakka kanatti dhaabuuf wareegama akkuma yeroo darbee kafalaatti jira. Lafeen gootota kaleessaa gammoojjii gaogaa keessatti harcaate, dhiigni jaallan Oromoo dirree falmaa gubbaatti dhangala’e, reeffi sabboontotaa Allaattiin soorattee fi lubbuun wareegama qaalii Bilisummaaf aarsaa taate kunoo har’a hafuura ofi keessatti horuun onnee ilmaan Oromoo mara keessatti biqiltee daraaruun firii isa xumuraa kennuuf akka ifa aduu ganamaa karaa bahaa calaqistee mul’attuutti Oromiyaa maraa keessatti mul’achaa jirti. Ijji baddulleen man’een ijaa hin baddu. Qabsaahaan kufa malee qabsoon hin kufu.
Qabsoon bara baraan jiraataa dha. Gootni wareegamullee goota biraatu dhalata. Qabsoonsi goota barbaaddee hidda ishee onnee isaa keessatti gad dhaabbachuun yoomuu magariisa uffattee jiraatti. Dhalatanii jiraachuun jiraatanii du’uun achii asi dhufaatii dirqama uumamaati. Seenaa Addunyaa kana irrattis kan du’a moohee baraan jiraataa tahes hin mul’anne. Duuti gaaruu gosa gosa. Seenaan dhokatus, haqni dabus yeroof malee tasayyuu hin du’an. Warri haqa sabaaf jechaa seenaa jiraataa hojjetansi lubbuun isaanii foon isaanii irraa addaan baatullee isaan jiraaattota bara baraati!! Gootni Oromoo kabaja isaanii qabatanii gabrummaan lakki jechuun lubbuu isaanii faayaaan hin jijjiiramne saba isaaniif dabarsanii laatan har’a qaamaan tahuu baatuuyyuu hafuuraan nuwaliin jiru. Dhaamsi isaaniiis nuwaliin jira. Dhaamsa isaanii yoomuu hin dabarre galmaan gahuun ammo dirqama dhaloota har’aati.
Gaaffiin Oromoo gaaffii abbaa Biyyummaa Oromiyaa malee gaaffii kabeebsaa har’a irra dibanii bira darbuuf yaalan akka hin taane beekuu qabna. Ilmaan Oromoo dafqa isaanii xuruursaa, qotanii dilbii gashaa ilmaan habashaan fal’aanaan safaramee kan isaaniif laatamu harka halagaa ilaalaa jiraachuun hanga yoomiitti itti fufuu qaba? Kun gonkumaa tahuu hin qabu. Oromiyaan dachee haadha loonii, Oromoon fardaan keeessa gullufe, ilmaan habashaa Harreen keessa garamaamuun waan gah efakkaaata. Gahuufsi jira. Lafeen sabboontota keenyaa riqicha cimaa tahuunn daandii adeemsa gara Bilisummaaatti goonuuf qaanqee Bilisummaa nutti mul’sa. Qabsoon kaaraa bu’aa bahii malee danndii qaceelaa gubbaa hin deemtu. Gootonni Oromoo ammo bu’aa bahaii kana qaxxaamuruun beelaa dheebuu obsanii akkaksumas aarsaa qabsoon feetu hunda kafalaa bakka qabsoon saba Oromoo har’a irra jiraaturra gahaniiru. Amma kan hafe hadhaa, godaannisa qaamaa, eelaa garaakeessaa fi dirmammuu cinaachaa nu waliin waggaa dhibbaa oli jiraateef xumura kennuu dha. Sunsi kan bakka gahu Gootota sabboontota ilmaan Oromoo dhaloota ammaatiin. Duuti hin oolu, seenaan yoomuu hin du’u.
Waraabessi Leenca hin dhaalu. Oromoonsi ilmaan habashaa seenaa hin qabneen abbaan biyyummaa isaa haalamee, mirgi namummaa isaa sarbamee, osoo qotee dilbii gashuu, osoo horee kumabobbaasuu fal’aanaan kan diinni safaree itti laatu eeggachaa hin jiraatu. Afaan, Biyya, Aadaa fi sseenaa tokko qabna. Oromoon tokko, Biyyi isaas Oromiyaa dha. Oromiyaan dachee magariisa Oromootaa malee dirree shubbisa ilmaan habashootaa miti. Hin taatus!! Waan taheefuu qabsoo ammaan kana qotee bulaa, barataa, dafqaan bulaa, hojjetaa, daldalaa fi Oromoon qaama biraa dhiiga itti dhangalaasaa jiruuf xumura goonee xoofoo BIlisummaa keenyaa oli kaasuun abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf hidhaa mudhii keenyaa sirriin jabeeffannee afaan tokkoon hoo jennee haa kaanu!! Kan qawwee qabdu qawween, kan eeboo qabduu eeboon, hablee fi ulee dhaan, Jaarsi Oromoo gorsaan, yaaa ilmaan Oromoo kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa bakkuma jirtuu waanuma harkaa qabduun duula FDG kee itti fufi. Du’a sodaatte duubatti hin jedhiin, Oromoon goota malee sodaataa hin qabu. Horiif jettee sabakee hin laatiin, Oromiyaan badhaaatuu malee gantuu hin biqilchitu. Garaa keef jettee gara hi buliin, lammiin keenya garaan sossobamaa hin dhalchineetii. Oromoon Oromoo malee kan biraa tahuu hin dandahu. Oromoo caalaa habashaa ofitti aansuun Tigree waliin Oromoo irratti kan duultan llafeen jaallanii bakka ejjettan hyundaatti isni haawaraantu. Waraabesssi nama nyaachuu mannaa Waraabessa nyaatanii lulluuqqachuu wayya jedhu miti. Keenyas kana hin darbu. Waraabessa Waraabessa caaluytu nu nyaachuu, nyaatarra darbeesi qorqee nu dhalanfachuu jira. Nutsi Waraabessaan nyaatamnee baduun dura Waraabessa nyaannee balleessuun nageenya ummata keenyaaf furmaata aisa xumuraati.
Warra saba keenya irratti gidiraa hiriyyaa hin qabne raawwataniifsi guyyaan itti raawwii harka isaanii argatan oolee bula taha malee akkanaan hin hafu. Cubbuun dura nanma gabbisa, booda nama huuqqisa. Dhugaan dabee, dhodhommoqee gaafa guyyaan dhugaa ifa bahe sorooree wasarra dhuga dabsuirratti raga baha malee cabee warra dhugaa barbaadan hi qaanessu.Yaa ilma Oromoo kan ati saamamtu, ar’atamuu siif ciiree, reebchi laaqana kee, hidhaan hirbaata, duuti siif jireenya kana tahe uumaamaan adda taatee osoo hin taane dacheen kee uumama addaa waan qabduuf. Araddaa bal’oo, dachee magariituu ke kana uumaaa ganamaa, haadha albuudda gaarii, biyya dammaa fi aannanii, Oromiyaa!! Diinni kan nu ciniinu, ciniinee gad dhiisuu dide qabeenya keenya kana quba kaahuuf malee jireenya nuuf hawwani miti. Oromoo sittan hima, dhaamsan siif qaba, dhageessee yoo calliste gurra keeti dhaghaa yoo waan dhageesse raawwattte lubbuu keetiiif nagaa siif haata’u. Bilisummaan dhiigaan dhufa. Kan dhiigetu Bilisummaa fida.
Xumura irrattis nuti Baarattoonnii fi Beektonni Oromoo bakka jirru irraa walitti dhufnee haala qabsoo ummata keenyaa irratti hundaahuun ibsa ejjennoo armaan gaditti tarreeffaman baasuun ibsa keenyas raawwiin agarsiisuuf qophii tahuu keenya Saba bal’aa Oromoof dhaamaa fincila ammaan gaggeeffamaa jiruufsi isin cinaa akka hiriirru waadaa isnii seennee jirra.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|