Site Name

subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila Diddaa Gabrummaa

Guraandhala 4, 2006 (Oromiyaa) - Fincilii didda gabiruma itti fufee godiina I/A/Booraa anaa Bachoo ganidaa Boqoojii kesaatii duraa ta’a gandaa umaataa gamisisaa turee gafaa 25/5/98 mana isaa iratti saboonton Oromoo gubaaniruu haluumaa kanani matuumani miseensa WFDO hidhutii arigaama poliisiin warraa mana kana gubaan iraa ga’u dadhabeera.

Haluumaa kanaan wal qabbate godiina I/a/Booraa Anaa yayyo huruumuu kesaati hagaa yowanaati namii lamaa lukkeelee wayyaanee qomoni isaan Gojamee fi gurrage ta’ani du’aniruu heduuni mada’aniruu. Sabboonaan Oromoo tokko harki cabee ciseera.

FDG Godina Kaaba Shawaatti Sadaasa 09-2005 eegalee adeemaa jiru aanolee garaagaraatti bifa adda addaatiin itti fufaa jira.Gabaasni kun ballinaanaan kan xiyyeeffatu fincila aanaa Kuyyuutti Amajjii 23-2006 eegalee jiru irratti.Ficilli kun Kutaa hawaasa hunda kan hirmaachise yeroo ta’u Amajjii 30-2006(Wixata) ficilli ta’e akka kanaan gadiitti:-

1. Adeemsa Fincilichaa

Guyaa kana barattoonni hundi walii galuun barattoonni hidhaman yaa hiikaman jechuudhaan qormaata dhiisanii bahan.kana booda Kolleejjiin Mogor dameen Kuyyuu ,MB lakkoofsa sadi,MB Qeeraa(Lakk. 2),Koolleejjii Arfan dame Kuyyuu fi Uummanni magaalaa Grba Gurraachaa fi naannoo ishee barattoonni Garba Gurraacha Sad. 2ffaatti makamuun dhaadannoo armaan gadii dhageesisaa magalattii too’atan.

Kan hidhame haa hiikamu! Ilmaan Oromoo kan ajjeese seeratti haa dhiyaatu! Waldaan Maccaa fi Tuulamaa deebi’ee haa banamu! Minaaseen nu hin bulchu! Mirg ofiin of bulchuu uummata Oromoo haa kabajamu! OPDOn ergamtuu Wayaaneeti! Kan jedhan dhaadannoo guyyaa sanaa turan.

Kana booda poolisoonni wayyaanee dhukaasa bananii human isaanii ol taanan baqatan.Sa’aa muraasa booda Waranni Wayyaanee konkolaataa sadiin fe’amee dhufe magaalattii gara dirree waraanatti jijjiiruudhaan namoota hedduu madeessee kan ammo ajjeese.Kana booda uummanni tarkaanfii fudhachuutti cehe.

2. Tarkaanfii Barattoonni fi ummanni diinaa fi ergamtoota isaanii irratti fudhate.

->konkolaataa poolisii tokko faaydaa ala godhan.

->Konkolataa dhaabbata daldala wayyaanee afur(4) dhagaan caccabsanii barbadeessan.

->Ergamaa diinaa kan ta’e konkolaachisaa tokko dhabamsiisan/ajjeesan.

->poolisoonni fi kadiroonni wayaanee shanii ol ta’an akka malee madaawan.

->Daandii Finfinnee gara Goojjam deemu too’annoo uummataatiin cufamee ture.

Konkolaatota caccaban keessaa kan Biiraa Daashin fe’ee deemuu fi Masfin Maqalee jedhaman keessatti argamu.Kana booda waraanni wayyaanee uummata hidhuu ,reebuu fi ajjeesee dhoksuutti ka’e.

3. Namoota hidhaman ykn Miidhaan irra gahe

Barattoonni fi namoonni naannoo sanaa kan jimlaan hidhaman yoo tahu, isaan keessaa kan maqaa isaanii arganne:-

1.Kormuu Tafarii 2.Dhaabaa Suufaa 3.Geetuu Tamasgeen 4.Kaffalaa Katamaa 5.Dirribaa Jamamaa 6.Birahaanuu Hayluu 7.Baaysaa Sabbataa 8.Fiqaaduu Haylee 9.Suuyyumee Hayluu 10.Girmaa Nugusee 11.Makonnon Simee 12.Tafarii Gammadaa 13.Abarraa Iraasuu 14.Salamoon Buzunaa bara 2004 jalqabee waggaa tokko mana hidhaa kan ture yoo tahu,erga achhii baheeyis barumsatti osoo hin deebi’in turee jira. 15.Baarrakaa Taayyee

16.Asteer ,kan jedhaman yoo tahan walumaagalatti namoonni hidhamaa dhibaa(100) ol akka ta’aan keesaa beektonni ni dubbatu . Kan baayyee madaawan: 1.Abarraa Iraasuu 2.Birhaanuu Hayluu 3.Gurmuu Tafarii dha

Kan Wareegaman

Guyyaa kana waraanni Wayyaanee magaalattii seenee barattoota lama ajjeese,lamaan keessaa tokko barataa kutaa 11ffaa Dirribaa Baqqalaa yoo tahu, inni lammaffaa maqaan isaa hin beekamne. Reenfi isaas hin argamne. Barataa Dirribaan guyyaa sana galgala ajjeefamee kan reenfi isaa dhokfame yoo yahu, namoota reenfi mucaa keenyaa nuuf yaa kennamu jedhanii gaafatan baayyeen mana hidhaatti guramaniit hiraarfamaa jiru. Garuu carraqqii uummataan reenfi barataa kanaa halkan lama booda waraana harkaa baafamee Guraandhala 01-2006 uummataa fii Warra isaatiin gara bakka dhaloota isaa Biriitii itti fudhatamee awwalchi isaa haalaa hoo’aan gaggeeffameera.

Walumaa Galatti:-

=>Barattoonni garri caalu qormaata dhiisanii uummatatti makamuun bifa adda addaan fincilaa kan jiran yammuu tahu, muraasni ammo waraanaan eegamanii qormaata fudhachaa jiru.

=>Aanota biro kanneen akka Dagam , Ejeree, Giraar Jaarsoo, Yaayyaa Guullallee fi Warra Jaarsoo keessattis ficcilli bifa garaa garaatiin itti fufee kan jiru yoo tahu, gatii xaa’oo fi gibiraa hin kafallu jedhanii mormaa jiru.

4.Ergamtoota Diinaa Waraana Wayyaanee waliin hiriiruun uummata hisisaa fi ajjeechisaa jiran keessaa:-

1. Xibabuu Kabbadaa-kutaa 11ffaa 2.Girmaa Kabbadaa- 3.Tasfaayee Dajanee 4.Dastaa Kaasaayee 5.addisuu Gabbisaa Ajajaa Poolisii aanaa Kuyyuu yemmuu tahu yeroo dheeraaddhaaf ajjechisaa ,hiisisaa kan ture amanamaa Wayyaaneeti 6.Tarrafaa Naggasaa 7.Tasfaayee Dassalanyi kan jedhamani dha.

Lukkeeleen diinaa kunneen atattamaan gocha isaanii irraa hin deebi’an taanan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka irratti fudhatamu sabboontonni ni akeekkachisu!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net