Guraandhala 1, 2006 (Oromiyaa) - Yaroo ammaa kana uummata Oromoo sossobuu fi gaaffii isaa dagachiisuuf wayyaaneen tattaaffii bifa adda addaan gochaa jirti; garii sossobuun didan ammoo humnaan irra dhaabattee eeguun qabbaneessuutti jirti:
"Haalli biyyaa yeroo amman kanatti wal ajjeesuun dhabatuyyuu amma Jaarsa biyyaa jedhanii namoota hedduu filanii mariidhaan araaramuu qabina jedhanii uummata beelamanii jiru FKN kan aanaa Guduruu har'atti (30/1/2006) waamamanii jiru. Aanaa Abbay comman keessatti wayyaanota caffee irraa wal guuranii achitti argamuun jaarsolii walitti qabne jedhanii akka lafa dhiphisaa jiran hubatame, haala kanaan guyyaa hardhaa ummata guyyaa kamisaatti beellama qabatan hubatameera, Gama biraatiin Namoota sosocho'uu danda'u (Maalummaa saaniitti amananii fi hojiin wayyaanee galeeraafii) jedhanii yaadaanii fi shakkan qobaqnii gaafa tokko hidhaa ooshanii ( mana poolisiitti) ummanni osoo ammayyuu nama hiitanii maal jaarsummaadhaan araaramna jedhee waan isaan dideef maqaa saanii qabatanii gaafa isin barbaanne dhiyaattu jedhanii gad dhiisaniiru. Haata'u malee naannoon suun loltuudhaan marfamee jira. Yoo araara diddan garuu, jedhu wayyaanoonni: ejjennoo cimaatu isin irratti fudhatama, Ciminaan adabamtu kanaaf nutti araaramtanii akka nuyi jennetti buluu (jiraachuu) qabdu jedhanii ummata doorsisaa jiru.
Guyyaa kaleessaa amajjii 29/2006 bakka acaanee jedhamutti ayyaana astaroo irratti wayyanoonni maaliif sirbitu jedhanii waan jeeqaniif ummanni diddaa isaa muldhisuun gootummaan karaa cufuun isaa hubatamee, hidhattooti garaaf bulanii fi waraanni wayyaanee wal makee diddaa ummataa kana to`achuuf tattaafatee ummata nagaa meeshaa maleeyyii irratti dhukaasuun nama tokko ajjeesuun lama madeessanii jiru jedhama nama madaahe keessaa inni tokko sunis lubbuun jirachuun isaa shakkisiisaa dha.
Ummanni Oromoo humanaan dhiibamaa jiru kun ammallee namoota caffee irraa ergaman kana irratti karaa cufee adaba sirreessaa itti kenna jedhamee naannoo sana waraanaan itti marasanii akka jiran hubatameera, gaaffiin ummata Oromoo gaaffii siyaasaa, Gaaffii abbaa biyyummaa malee, gaaffii hiree ofii ofiin murteeffachuu malee lola irsaaf nitii akka hin taane lukkeeleen wayyaanee hubachuu qabu jechuun sabboontonni Oromoo ibsu. Kanaaf ammoo dhimma kana yeroof haguugannii bira darbuun akka hin dandeenye isaan irra darbee gooftoliin isaaniyyuu beeku, kanaaf ummanni Oromoo diddaa jalqabe jabaatee finiinsaa jiru fashalsuu dhiisanii furmaata isa dhumaa biyyittiif fi gaanfa Afrikaaf kennuuf sammuu isaanii garaa isaaniin cufame banuu qabu jechuun sabboontonni ibsu.
**********
FDG uummatni Oromoo gaggeessaa jiru daran babal'achuun wayyaanonni rifatuun humna of harkaa qabduun uummata irratti tarkaanfii gara jabeenyaa fudhatuu bakkoota adda addaatti itti fuftee jirti;haala kanaan gaafa 31-1-2006 Aanaalee Guduruu fi Abbayii Coomman keessatti akka uummanni walitti hin deemne,bulchiinsa yaroo uummanni ijaarrate diiguuf waraana itti bobbaaftee lukkeewwan uummata isaanii ganan fayyadamuun gochaa hodhooftuu uummatarratti gaggeessaa jirti.Namni balaa kana keessa oole tokko akkas jedhee ibsata:
"Dhumaa turre, Dhumaa jirra, amma ittoi caalee jra. Maal ta’uuf laata?
Yeroo amman ka natti aanaan Guduruu dirree waraanaa taatee jirt.
Gaaffiin Uummataa; Nuyi isin hin beekinu ! Nu bushuu hin dandeessan! Nutti hin dhufiinaa! Kan nubushu nuti ni beekina ni filannas! Kan jedhaniif Amma ofii saanii wal qindeessanii qaama isaan gaggeessu ni qabu achumaa jaarsa biyaa.
Fedhii wayyaanotaa; Kun gonkumaa hin danda’amu hin yaadamus! Namoota poolisii ajjeesan nuu baasaa, dabarsaa nuuf kennaa! Hidhannoo keessan hiikkadhaa! Karaa nuuf banaa! Akka isin bushinetti buluu qabdan! Kana jedhan faati.
Haala kanaa lola ka’een kaleessa (31,1, 2006) Guyya irraa eegalee waraanni adeemsifamaa jira(uumataa fi loltoota wayyaanee kan federaala iraa gadi itti ergaman waliin) FKN kaleessa karaa looyyaa qidaamee jedhamuun loltuu konkolataa 6 olta’an itti galchee, karaa gabaadafinoos akkasuma lolituu hedduu itti naqee loltooni kuta uumatatti galanii tumaa jiru amma kan dhaga’amu sagalee meeshaa dhuka’uu malee garri biraa hin beekamu. Adeemsi saa garuu gaarii miti.
Uummanni Guduruu fi kan Abbayyi coomman wal keessaa hin deemu, daanddiin chufameera, konkolaataan adeemaa hin jiru, daandii undi eegamaa jira, uummanni garuu reebamaa jira. Kana egaa eegnutti himatu, eegnuttio eyyatu. Hunda saafuu !!!"
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|