Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila Didaa gabrummaa Zoonii Kibba Lixa Shawaa

Amajjii 31, 2006 (Oromiyaa) - Fincilli diddaa gabrummaa zoonii kibba lixa shawaa keessa torban darbe jalqabe jabaatee itti fufeera.

Haala kanaan kaleessa amajjii 30/2006 galgala hidhattoonni wayyaanee dhukaasa baldhaa deemsissa turan hubatameera, barattoota naannoo jiran hidhuu, fi reebuun mana barnootaa gabra gurraachaa keessatti fincilli diddaa gabrummaa jabaatee itti fufuun hubatameera, zoonii kana keessatti aanaa afur keessatti aanaa jaarsoo dabaltee diddaan kan jajjabaatee deemaa jiru ta`uun isaa hubatameera, waan lukkeewwanii fi hidhattoonni wayyaanee Oromoo irratti raawwatan baldhinaan yeroo nu qaqabu isinii dabarsina.

Amajjii 18/06 waraanni wayyaanee baha Harargee magaalaa Cinaksan jiraattu oromootaa fii tigrootatti adda bahuun dhukaasa jabaa wal jiddutti godhuun loltoonni baayyee du'ee baayyeeniis akka madaawan gabaafame.

gaafa 19/01/06 achumarraa loltoonni 5 hidhannoo isaanii guutuu waliin akka biliqan barame.

Wayyaanoonni mi'a lolaa karaa jabuutiitiin akkuma jalqabanitti naqachuu itti fufaniiti jiran, akka nama waa saammachuu deemuutti halkanii guyyaa naqachaa jiran.

Dhuka'aa dhiyeenya kana magaalaa Harar galma mootummaa kan minilikitti tahameen ajajoonni waraanaa fii tika wayyaanee gara 15 ol du'ee 25 ol itti madawee turuun isaa ni yaadatama.sababa kanaaf poolisoota dhalootaan oromoo tahan hidduminaan akka hidhaa jiran gabaafame,akkasumatti ministertichi wayyaanee Abay Sahayyee jedhamu kaleessaa jalqabee waan sun qorachuuf magaalaa harar keessatti wayyaanota isaanii waliin marihachaa akka jiruus barame.

wayyaanoonni Oromiyaa keessatti dargaggoota dogongorsuuf tattaafachaa jirti,

akka kanaan baha shawaa magaalota Bushooftuu, Mojo fii Hadaamatti dargaggoota walitti yaamtee if ijaaraa maallaqa isinii laanneeti akkasitti itti hojjattanii miseensaa OPDO taatan jechuun yeroo yaada itti dhiheesitu, dargaggoonni nuti yoo maallaqa kan nuuf laattan taate nutuu mata mataan hojjachuu ni beena garuu miseensa OPDO tahuu hin barbaannu jechuun yaada isaanii harkatti masheensanii biraa deeman, kuni 30/01/06 kan tahameedha.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net