Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Odeessa Biyyaa

Amajjii 29, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen gargaarsi irraa dhaabatuun ishee rifachiisuu irra darbee raasuu eegaluu odeessa keessa beektotni dhaamaniin beekamee jira;haala kanaan yeroo ammaa hojjetoota Miti-mootummaa irraa pirovidenti fendii dhaabuun hojjetootni mormuun iyyata galfataa jiru!!Sochiin kun kan itti fufe ta'uu keessa beekaa tokko akkas jedhee ibsata:

"Wayyaneen qarshii dhabura kan ka'e wan qabatuf wan gadhiistuu walalteetu jirti. Akkuma beekamu Mootumaan kun mootumaa gargarsaa alarraa dhufuuf samichaan jiratudha. Torban darbe dura mootumaan Inglizii erga qarshii mootumaa Wayyaneef kennuu erga nan dhaaba jedhee dhifa godhee booda, walgayii adda adda deemsisaa jirti namootashee wajiniitiin. Miti-mootumaadhaafsii (for all NGOs in the country) qarshi 'providantii fandii' (provident fund) kan hojjatootaa misoomarra wanaan oshuu barbaaduuf gara bankii mootumaa galee gaafa hojjataa tokko tokkoonsa xurataa bahuu nan kafalafii jeteetuu xalayaa barreesiteetti giduu kana. 'Provident Fund' jechuun hojjataan tokko yeroo miti-mootumaa/NGO keessatti qacaramuu harki ta'e hojjataraa, harkii ta'emoo miti-mootumaara /NGO/dhaabarraa ji'a ji'ati citeetu maqaa hojjataatiin mana bankii ta'a (FKN dhaaba ani hojjadhuu keessaa harki 10 anarra harkii 15 dhaabarra citaa jira). Yeroo hojjataan sun dhaaba gadi lakkisu YKN kontraata isaa rawwatuu kenamaafii.

Hojjatooni miti-mootumaa adda adda keessa jiran gaafa Amajii 27, 2006 eegalee yaada kana mormuudhaan 'pititionii walitti funaanaa jiru. Kanaan humni hojjetaa mormii isaanii akka jalqabuu dandahan dubbatama!

Kuni egaa mallattoo Mootumaan kun kufudhaaf jitee wixifachaa jirachushee kan dhibsu yoo ta'u irra darbemmoo gargaarsa Mootummoota alaa yoo irraa citee umuriinshee bayee xiqqaa ta'usaa kan dhibsudha.

Bal'dhinaan dhimma bira wajjin walqabsisuudhaan hojjetoota shororkeesssuu itti fufteett. Kun Amajjii 27, eegalee hojjatoota Miti-Mootumaa keessa jiran hunda waan naasiseef rifachiisedha. "

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoon Ummata Oromoof!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net