Amajjii 29, 2006 (Oromiyaa) - Diddaan fincila gabrummaa guduruu keessaa naannoo tulluu abiib akkuma jirutti jajjabaatee itti fufeera. Naannoo sanatti waan waraana itti duulchaniif ijoollee fi da`immaan gara commanii fi jimma ganatiitti baqatanii jiru namoonni warrii kaan akkuma jiruu karaa cufuun lola weerartuu wayyaanee waliin jalqaban itti fufanii jiru. Muka jiksuu fi waan qabaniin jabataniiru.
Waraanni malkaa finca`aa irra jiru keellaa qabatee abbuia arga reebuu itti fufeera, shofeera, gargaaraa, nama konkolaataa irra jiru tokko otoo hin hambisne waan dargageessa fakkaataa reebuu fi caccabsuu itti fufaniiru, kunis waan haaraa dha.
Polisii barataa Haile Dastaa ajjeesee beekameera, kanaaf ammoo ummanni akka seeratti dhiyaatu gaaffii isaa bifa adda addaan muldhisaa jira. Polisiin kun seeraaf dhiyaatee waan barataa kana irraan geessisef murtii fakkaataa yoo hin fudhatu ta`e diddaan naannoo sanaas kan jabatee itti fufu akka ta`e dubbatama.
Barattoota 135 ta`an kampi raashaatti hidhanii jiru. Sababni itti hidhamaniif maaliif awwaalcha barataa Haile Dastaa deemtu jedhanii karaatti qabanii malkaa finca`aa irratti qabanii kampii waraana isaanitti galchanii gidira kana hin jedhamne agarsiisaa jiru. Gamlee reebaa jiru, kaleessa akka malee iyyaa bulan, walkkaa isaanii hardha gad dhiisaniiru. Barattoota jaha ammoo polisii aanaa finca`aatti hidhanii jiru sababni isaa suraa barataa wareegamee guddisanii qabachuun isaaniitiin maaliif suuraa sana qabattan jechuun mana polisii jiru.
Barataan wareegame kun mana hidhataa tokko keessatti akka jiraachaa ture hubatamee, haala kanaan hiriyyaan barataa wareegame kana waliin siree tokko irra ciisu rakkoo samuu godhatee jaarsa mana isaanii kireesse kana qottoon dhahee galaafateera, awwaalchi jaarsa kanaa hardha gaggeeffameera. Afooshin naannoo akka wal gahii godhan godhameera, sana irrattis namoota filatanii namoota akka doorsisaa jirani fi yeroo gabaabaa keessatti namoonni yoo deebihuu baatan akka rukuchuuf qophaahan keessa beektonni ibsu. Namoota doorsisuuf fi shororkeessuuf barattoonni waan hunda nutti himanii jiru jedhanii olola isaanii facaasaas jiru.
Hidhattoonni namoota magaalaa keessa deemanis ni rukutu haalli jiru rakkoo guddaa dha, haalli naannoo sanaa dhiphuu guddaa keessa akka jirus hubatameera.
Namni barataa sana ajjeese akka himamutti jalqaba polisoota sadiitu turani, dhimmi milishaa yeroo rakkoon uumamu warri jiran:
- Bashaa Tasfayee Abboomaa
- Kabbadaa Tolasaa
- Arfaasaa jedhamantu ture kana keessaa inni dhukaasee barataa kana ajjeese Kabbadaa Tolasaa akka ta`e bira gahameera, kanaaf kabbadaan kun akka seeraaf dhiyaatu sabboontonni Oromoo gaafatu. Dura ta`aa aanaa finca`aa waliin obbolaatti walii oolu. Dura taa`aan aanaa finca`aa Katamaa Bakkalchoo barataa tokko torbee dura akka malee rukutee hospitaalatti yaalamee deebihe amma obboleessi isaa ammoo polisii Tlluu Aiibitti ajjeefamee gumaa nan baasa jechaa akka ture dhagahameera,
Yeroo ammaa namni karaa irratti rukutamuu, reebamuu fi biyya isaa irratti kabajaa dhabuun kun hagam akka turu hubachuun ulfaataa ta`eera. Kanaaf wayyaanonni namoota muraasa qabatanii ummata dur caalaa ummata ireen bulchuuf abjootan kun akka yeroon irra darbe hubachuu qaban. Amma jaarsummaa fakkeessaniin itti galuun qabaneessu yoo sun ta`uu baate ammo namoota shakkinu irratti tarkaanfii fudhanna jedhee katamaa bakkalchoo qindeessaa jiru hubatameera, kanaaf kittillayyoon katamaa fi kataamaan wayyaneef amanamuun seenaa xuraahaa akkanaa hojjchuu irraa of qusattan sabboontonni Oromoo akeekkachiisu! Yoo sun ta`uu baatee rakkoo dhalatuuf gaafatamaan jalqaba isin ta`uu akka hubattan keessa deebihanii akeekkachiisu!
**********
Fincilli uummata Oromoo haalan itti cimee humna weerartuu Wayyaanee gubaa jira. Akka kanaan Shawaa Kaabaa Onoota adda addaa keessatti baballatee gaaffiin uummata Oromoo ka'aa jira. Dafinoo dabree eegalee aanaa Kuyyuu magaala Garba Gurraachaa keessatti fincilli barattoonni fi uummatni wal ta'aniin godhaniin mootummaa Wayyaanee raasaa jira. Fincila kanarratti alaabaan Abashaa fi kan Dh.D.U.O ennaa gubatu Faajjiin ABO ifaan ifatti fanniifamee farfannaan Oromiyaa godhameera. FDG kanarratti farfannoon ABO leellesuu fi kan gantootaa fi koloneeffattoota abaaru dhagahamaa ooleera.Dhaadannoolee ka'aa turan keessaa muraasni:
1. ABOn kallacha keenya! ABOn nu haa bulchu!
2. Minaaseen nu hin bulchu!,
3. Mirgi hiree murteffannaa Ummata Oromoo haa kabajamu!!
4. Hidhaa fi Ajjeechaan Oromoo mirga isaa gaafatu irraa haa dhaabbatu!!
5. Abbaan biyyummaa Oromoo haa beekamu!!
6. Waldaan maccaa fi tuulamaa haa banamu!! Hooggantooti isaas haa hiikaman!!
7. Hidhamtooti Siyaasaa Oromoo haa hiikaman!!
8. Namooti Oromoo Ajjeesanii fi akka malee miidhan hatattamaan seeraaf haa dhiyaatan!!
9. Namoonni Oromoon hin filamne Oromoo bulchuu hin qaban!! kan jedhan haa ta´u.
wayyaaanonnis ummata walitti qabanii hidhuu isaanii itti fufanii jiru, kana irratti namoota hirmaattan jedhamanii kan hidhaman lammiilee baayyee dha. Isaan keessaa:
1. Salamoon Buzunaa
2. Fiqaaduu Haylee
3. Dirboo ijaaraa argamu!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Uummata Oromoof!1
|