Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Odeessa Biyyaa

Amajjii 28, 2006 (Oromiyaa) - Yaroo ammaa kana wayyaanonni kisaaraa isaanirra gahee fi fincila uummataa haguuguuf guutummaa Oromiyaa keessatti sadarkaa gandaa kaasee hanga Naannootti mata duree "Hojii dhabdummaa dhabamsiisuu" jedhuun bajata Miliyoona 171 ramaduun waldaa dargaggootaa ijaaruun keessatti basaastota leenjisuuf akka qophaahan keessa beektotni saaxilanii jiru. Kanaaf , dargaggoonni Oromoo shira wayyaaneen maqaa waldaa dargaggooo fi hojii dhabdummaa balleessuu jedhuun basaasa leenjifattu kanarratti dammaqxanii akka dura dhaabbattan isin beeksifna.

Shawaa Bahaa Magaalaa Shaashamaanneetti Dura Taa'aa Dhimma Isilaamaa kan ta'e Sh/Mahaammad Badhaasoo fi namni Sh/Siraaj jedhaman qabeenya uummata Isilaamaa dabarsanii wayyaaneef oolchuu itti fufanii jiru.Haaluma kanaan hoolota 10,000 uummataaf rabsamanii erga qalamee booda gogaa deebi'e guuranii gogaa 3000 gurguruun qarshii isaa durgoo basaastota wayyaaneef oolchaa jiru.

Gochaan jarreen kanaa uummatni Isilaamaa balaaleffachuun akka irraa deebi'an akeekkachisee jira.Keessumaa Sh/Mahaammad kun miseensa OPDO waan ta'eef irra deddeebi'ee qabeenya uummataa dabarsee wayyaanotaaf kennaa turuun waan beekamuuf yoo hatattamaan irraa hin dhaabbanne akka tarkaanfiin irratti fudhatamu akka beeku  dhaammatanii jiru sabboontotni Oromoo naannoo kanaa.

Gara biraan Kantiibaan Magaalaa Shaashamaannee Damissee Shittoo jedhamu qonnaan bultoota naannoo Awwaash Jalduu irraa buqqisuun duuressoota habashaaf keennaa jiraachuu isaa mormuun hojjettootni bulchiinsa hojii dhiisaa jiru.Kan kanarraa ka'e namoota kanaan dura nama ajjeessisuun hojiirraa ofumaa ariihan kan akka Gammadoo Husuu fi Hasen Quxuu hojiitti deebisaa jiru.Kanas uummanni balaaleffataa akka jiru himama.

 

Injifannoon Ummata Oromoof!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net