Amajjii 24, 2006 (Oromiyaa) - Aanoleen Abbayi Coommanii fi Guduruu Kaleessa guyyaa irraa eegalee hanga ammaatti dirree lolaa ta’eetu jira. Ka’umsi lola kanaa poolisoonni kan federaalaa barataa oromoo tooko waan rukutaniif (aanaa Guduruu keessati ) uummannni namoota kana godhanirratti eejennnoo cimaa waan fudhataniif (hedduu isaanii waan miidhaniif) yeroo ammaan kanatti poolisiin federaalaa (gumaa deeffachuuf) garaa jabeegnaan barattootaa fi umata naannoo irratti rebbitii fi ajjeechaa raawwachaa jiru. Barattoonnis garaa gara manca’anii gartokko baadiyyaa kaan immooo magaalaa jiru. Dhukaasin bakkuma fedhee dhaga’amaa jira. Manni yaalaa ummataaf banaa miti akka namini odeeffannoo aciin argacuuf hin danddeegneef jecha.Manneetii polisii naannoo sanaas akkasuma ciminaan eegama kana waan ta'eefis odeeffanno dhokisuuf yaalaa jiru.
Gaafa 23-01-06 aanaa Guduruu bakka tulluu Abiib jedhamutti fincillii uummataa diddaa gabrummaa bal'inaan itti fufee ooleera.Akkuma kanaan dabballoon aanichaa uummata walitti qabanii doorsisuuf yoo yaalaniyyuu uummannii tokkummaadhaan of irraa deebiseera. Dabballoonnis gara waajjira isaaniitti erga deebi'anii poolisii shan hidhachiisaanii itti ergan, Akkuma kanaan barataa Dabaloo Alamuu jedhamu reebanii caccabsan. Uummanni naannoos barattoota cina hiriiruun eeboo fi shukkaadhaan poolisoota kana loluun meeshaa isaanii irraa booji'eera. Poolisii tokko battalumatti yoo ajjeesan, afur immoo eeboo fi cuupheedhaan balaa guddaa irra geessisuudhaan of irraa deebise. Barataan reeichaa cimaa reebame kuniif barataan madaa'e tokko gara hospitaala Amboottii ergamaniiru. Wayyaanonnis poolisoota ishee madhaa'an gara Finfinneetti fudhatteetti-gara hospitaala Poolisii ta'uu hin hafu. Kanaafuu , yeroo ammaa kana humna waraanaa itti bobaastee nama nagaa fixaa jirti wayyaneen.
Kanumatti walqabatee har'a[24-01-06] Magaala Fincaa'aa fi naannoo tti nama hedduutu reebamee, kaan madaa'ee jira. Nannoo waraanaa ta'eera.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
|