Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Odeessa Biyyaa

Amajjii 24, 2006 (Oromiyaa) - Gaafa 23/01/06 Koollajjiin Fayyaa tan magaalaa Harar fincila diddaa gabrummaa guyyaa guutuu gaggeessaa oolan. fincila kanaan ABO faarsaa wayyaanee fi jala deemtuu isii balaaleeffachaa kan oolan yeroo ta'u,wayyaanee fii jala deemtuun isii garaan akka gubataa oole gabaafame. Abbaa Araddaa ganda shangalee obbo. Yuussuf Ahmad WBO dhooysaa jirta jechuun halkan qabanii achi buutee isa godhaniiti jiran. 

Ona Doobbaatti gaafa 23/01/06 gaafatamaan goodina Harargee lixaa Jamaal kan jedhamu dhufee warra bulchiinsaatiin hanga ummanni akkanatti ajaja mootummaa didu maal godhaa jirtan jedhee itti dheekkamuun maaf hin ajjeesinaa yeroo jedhuun,warri bulchiinsaa immoo ummata qottoon deemu rasaasaan dhahuun akkamitti taha kuni dhiirummaa miti nama qottoon deemu rasaasaan hin dhooynu ajaja akkanaatillee hin fudhannu ittiin jedhan.inni immoo duraan gara Biyyoo-karaabaatiin dhaqa jedhee dhufee sodaatee magaaluma Doobbaatii akka deebi'e gabaafame.

Akkeekachiisa basaasota wayyaaneetiif kenname

Obboo Saabix Amiin jiraataa magaalaa Aawwadaay zonii 7 kan ta'e akkasumas Mahaammad Hassoo jiraataa aanaa Miidhagaa araddaa Leenchaa hojii basaassummaa  farraa qabsoo  itti jirtan irraa hattattamaan dhaabbachuu yoo baattan tarkaanfii isin irratti fudhatamtu hundaaf gaafatamaan matuma keessan ta'uu isin beeksifna ajajaa WBO zoonii bahaa. Keessaafuu oboo Saabix Amiin aammaan duraas akkeekachiisni hedduun siif keennamu illee hojii tana irraa gorfamtee dhaabbachuu diddee jirta. Kanaafuu kun akkeekachiisa maayyii tahuu isin beeksifna.

Kaaba oromiyaa

Maadheen Odaaa Walloo walgahii torbaan kana godhaatteen ibsa ijjannoo armaan gadii kana baafatan.

1. Dhaaba keenya ABOn wal qunnamuu keenyaaf baayyee itti gammannee jirra,

2. Waan danda'ame hundaan dhaaba keenya ABO cinaa ni dhaabbanna,

3. Wayyaanee fi OPDOn farra ummata oromooti,

3. Gochaalee wayyaanee fi jala deemtuun isii godhaa jiran kan ummattoota walitti naquu ni balaaleeffana,duraas ni dhaabbaana.

4. Goodina oromiyaa jedhamee kan beekkamu yeroo ammaatti goodina sablammootaa jechuuti jijjiiruuf wayyaanee fi jala deemtuun isii fiigaa waan jiraniif dursinee akka waan akkasii irraa if eeggatan dabarsinaaf kan jedhu dabarfatanii jiru.

Naannoo Kamiseetti ummata amantiin walitti naqaa jirti wayyaaneen. Akka kanaan ona Dawaa Caffaa ganda Gooroo Diddiitti ummata walitti buusanii akka wal ajjeesan godhaniiti jiran. Keessattuu kan kana godhaa jiru gaafatamaa ona sunii kan taheedha. Ummanni waan kana itti dammaqanii akka ufirraa eeagan dhaamna jedhan jiraattoonni naannoo sunii.

Gara birootiin barsiisaa kan tahe Nugusee kan jedhamu barattoota miseensa OPDO tahaa jedhee dirqiin rakkasaa jira yoo hin taane hujiis hin argattan, ni hidhamtan jechuun barattoota hanga tokko miseemsa godhee hujii farrummaatti akka bobbahan godheeti jiru. Leenjii basaasummaa barsiisanii gara Jibuutiitti erguuf deeman barataa Alii Mahammad iidaa ( Alii dheeraa) akka ummanni ufirraa eeguu dhaamaa, akkasumatti jarreen kuniis gochaa kanaarra akka uf qusatan dhaamna kan jedhu ummanni naannoo Baatee dhaaman.

 Wallaga

Gochaa seraan alaa Uummata O/Naannoo Laaloo Assaabii irratti rawwachaa jiru.
1.Afaan Qawweetiin Siyaasa akka bartan gochuudhaan diramaa jiru.
2. Dimokiraasi hinjiru hanga waggaa shaniitti Afaan qawween isin bulchina.
3 .ofdee fi Aba'oo lafarra balleessinee jirra waanta'eef  namni wa'ee isaanii kase yodu'ee gumaa
hinqabu,hidhame hin ihikamu.
4.Qophee miilaa illee irraa yaasanii miila duwwaa dararamaa jiru.
5.Radiyoo sagalee Amerkaa akka hin dhaggeffanee yoo dhaggeffattan alkan mana irra dhaabannee isin dhaggefanna yoo isn  dhageenye du'a hintane duutu jechuudhaan dorsisaa jiru.
6. Waldaan Fannoo Diimaa dawwachuuf yeroo dhaqanitti mana Barumsaati jechuudhaan gowwomsanii irraadebsani jiru.

Namoonni gochaa suukanneessaa akkanaa kana kan raawwatan

1.Abbayyaa  Duulaa Dura-ta'aa Bulchinsa Aanaa Laaloo Assaabii
2.Zahudee Biraahanuu Bulchiinsaafii haqaa
3.Beekumaa Nagaasaa Damee milishaa
4.Amaaree Taganyii   Damee milishaa
5. Poolisii Amansiisaa
6.Mulgeetaa Mangistuu nDamee Milishaa
7.Ajajaa 10 Waakkenee  Disirii
8.Bacarraa Gammachuu miliishaa
9.Sayidoo Aminoo    milishaa
10.Waaqshumaa Bulchaa miliishaa
11. Booboo Guutamaa kanjedhaman yeroo ta'uu kanneen kun O/guyyaa guyaatti dabarsanii kankennaniifi reebichaan akka du'an  akka samaman gochaa jiru.

Saboota Amaaraafi Tigiree maqaa qindoominaa jedhuun namoota nagaa naannoo sana jiraatan illee badii tokko malee namoota 26 hidhanii tokko tokkoo isaanii arraa qarshii  1000 tokko tokko  irraa fuudhanii ofoma isaaniif achumatti hirmaatan.Kanneen O/yaa irraa dhaqanii gochaa akkanaa U/nagaa naannoo Laaloo Assaabii irratti  maqaan isaan kan armaan gadiiti
      1faa Tolaa
      2faa Zalaale Jamaal
      3faa Abarra Haayiluu yammuu ta'an  Akkasumas

Dabballooni Aanaalee 12 irraa Aanaa Laaloo Assaabii irratti walitti  qabamanii ummata gowwoomsuufi  Sossobuuf  kan ijaaraman yeroo ta'an Konkolaataa Aanaalee 12 irraa dhufan achitti walitti qabanii U/ Baadiyaa irraa dhufan fi kaan immoo baadiyaama keessaa dhaqanii ittiin manahidhaatti guuraa jiran yeroo ta.an nama daandii irratti a rganii immo qabanii of bira bulchanii qarshiii isaan qaban arkaa fuudhanii ammas warra gara biraa qabsiisanii essa turtani dhuftan jedhanii ammaas isin hin amansiftan jechuudhaan qabanii waan  isaan  qaban eega irraa fuudhaniin booda badii keessan beektuu jedhanii gaafatu.

Yoo hinbeku jedhee ni hidhama yoobeeka jedhe immoo nigala.Sababin isaa immoo gargarsii alaa akka durii abdachiisaa miti waanta'eef isaanuma irraa fuudhanii milishota ittiin qacaraa akka jiran karooraisaan barana baafataniidha jedhan.

Gamabiroonis Uummata mirga wabiin gadhiisuun hiikuuf usuu hin taanee tokkoffaa Ikkonomiin dadhabsiisuu kanjedhuufi qabeenyaa saamuu, qabeenya sanaan immoo basaastootaafi milishata miindessuu kan jedhamuu yeroota'uu kun kan gararraa murta'ee kangadi bu'ee  w aanta'eef  warra kana godhanii Uummata isaan alagaa borgaltuuf samuun adaraa hin gowwominaati sabakessaniif yaadaa jedhaati dabarsaa jedhani!".Xalaayaa kana caffee keessaa barreessanii dabarsan. 
       

Gadaan Gadaa Bilisummaati

Injifannoo Ummata Oromoof



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net