Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Odeessa Biyyaa

Amajjii 23, 2006 (Oromiyaa) - Ambootti guyyaa 20, 2006 irratti jeequmsa wayyaanotaan dhalaten ummata irratti dhukaasni banamee namni tokko ajjeefamee lama akka madaahe hubatameera.

Guyyaa 20/2006 Alaabaa ABO qabatanii bahuun alabaa diinaa itti xabachaa oolan.

Haala kanaan dukaasa dinni ummata irratti baneen namooti madaahan lama akka hospitaala amboo ciisan hubatame. Isaanis:

1. Gilinasha Warqinaa Ganda kipha kuphee irraa

2. Gutuu Hirphaa Ganda dhagaa filee irraa Ayyaana kabajuuf Amboo bahanii akka rasaasa wayyaanotaan rukutaman hubatamee jira. Yeroo ammaa namoonni kun Hospitaala Amboo keessa akka ciisanii jiran hubatameera. Namni biraa tokkos akka wayyaanotaan rukutamee ajjeefame himama.

Barattiinni Oromoo faaruu gootota qabsoo irratti wareegaman faarsan otoo dhageessisaa jiranii ummata itti marsee dhageeffachaa jiru irratti hidhattoonni federaalaa itti duuluun reebichaa kana hin jedhamne irraan gahanii jiru.

Ummata Oromo bakka jila irraa galu naannoo mana barnoota sadarkaa lammaffaa Ambootti polisotaan qabamee gochaa fashistummaa wayyaanotaan akka jilbeenfatee reebamaa fi lafa irratti biyya isaa irratti rakkoo fi gidiraa gabrummaan itti fide argaa fi hiraarfamaa ooluun isaa hubatamee jira.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

********

IBSA EJJANNOO HAALA YEROO ILAALCHISEE!

Nuti Barattoonni Oromoo Yuniivarsiitii Maqalee jirru haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti mootummaan dhiitinsa mirgaa fi gocha sanyii duguuggaa ummata keenyaratti raawwachaa jiru mormuudhaan nutis obboloota keenya kan yuniversiitii biroo jiran waliin ta`uun sagalee keenya dhageesisachaa jirra. Haaluma kanaan gaafa guyyaa 23-01-2006 tii eegalee nyaata lagachuun wal-geenyee gadda sammuu daqiiqaa muraasaaf erga goonee booda yaada tokkoon ibsa ejjannoo armaan gadii baafnee jirra.

  • Qabsoo diddaa gabrummaa ummanniifi barataan Oromoo tokkummaan gochaa jiran guutummaan guutuutti ni deeggarra.
  • Hidhaa, reebichaa fi ajjeechaan ummata Oromoo irratti godhamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu ni gaafanna.
  • Rakkoo siyaasaa Oromiyaa fi gutummaa biyyattii keessa jiru furuuf hirmaannaan adda bilisummaa Oromoo hundumaa caalaa murteessaa dha.
  • Mootummaan Ityoophiyaa maqaa magaalaan Finffinneen kan ummata oromooti jachuun ummata afaan faajjessee hojjataa fi dal-dalaa oromoo Finffinnee keessaa gadi guuruun hidhaa fi ajjeesaa jiru hatattamaan akka dhaabu nigaafanna.
  • Waldaan misoomaa fi wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa cufamee jiru akka deebi`ee dhaabbatuu fi hooggantoonni isaa hiikamanii akka hojiitti deebi`an har`as cimsinee nigaafanna.
  • Hidhatoonni diinaa barataa fi ummata oromoo irratti dhukaasuudhaan ajjeesan hatattamaan seera duratti akka nuu dhiyaatan.
  • Hojjattoonni oromoo diinaaf hojjettan, ilmaan oromoo loltuu diinaa cinaa hiriiruun ummata keessaniratti dhukaasaa jirtanii fi basaastoonni diina waliin hiriiruun ummata keessan gidirsaa jirtan, gochaa keessan itti gaafatamtoota seenaa isin godhu kanarraa deebitanii akka qabsoo ummata keessanitti makamtan waamicha qabsoo sinii goona.
  • Barattoonni basaastoota diinaa ta`uun ummata keessan ajjeesaa fi ajjeesisaa jirtan kan yuniivarsiitoota adda addaa keessatti argamtan gocha keessan kana hatattamaan dhaabdanii akka qabsoo ummata keessanitti deebitan yammuu gaafannu, gaaffii keenya bukeetti dhiisuun gocha keessan irraa hindeebitan taanaan tarkaanfii isiniratti fudhatamuuf itti gaafatamuummaan kan mataa keessan ta`e isin hubachiisna. Kanamalees tarkaanfii biyya keessatti lukkeewwan diinaa irratti fudhatamaa jirus ni deeggarra.
  • Nutti barattoonnio kan Yuniivarsiitii Maqalee jirru qabsoo diddaa gabrummaa ummannii fi barataan o waliin gaggeessaa jiru irratti, obboloota keenya Yuunivaristoota biro keessa jiran waliin ta`uun murtee fudhannu irratti of qusannaa tokko malee hirmaachuudhaaf bakki jirru nu hindaangeessu.
  • Xumura irratti gaaffiin ummata oromoo bal`aan hanga deebii argatuutti qabsoo keenya cimsinee kan itti fufnu ta`uu keenya ni ibsina, kana raawwachiisuuf hanga wareegama lubbuutti kanfaluuf kan qophoofne ta`uu keenya har`as irra deebinee waadaa keenya ni haaromsina.

 

INJIFANNOON UMMATAAF!!!

BOYM

Amajii 23,2006    




Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net